Itoophiyaa biyya konkolaataa baay'ee hin qabnetti maaf balaan hammaata?

Konkolaataa garagale

Gaazexeessituu Firehiwoot Taammiruu, Dhaabbata OBN irratti oduu Afaan Amaaraatiin TV irratti dhiyeessuun beekamti.

Dorgommii miidhaginaa bara 2001 Adaamaatti qophaa’erratti injifatte kan turte Firehiwoot, magaalichatti ambaasaaddara ta’uun hojiiwwan tola ooltummaa heddurratti hirmaachuun gumaacha taasisaa turte.

ALI bara 2006 hojiidhaaf Finfineerraa gara Adaamaatti osoo imalaa jirtuu balaan tiraafikaa isheerraa qaqqabe kan maatiif hiriyootashee hunda rifachiise ture.

''Konkolaachisaan guyyaa guutuu konkolaachisaa oole dadhabuun mugaa waan turef, konkolaataan karaa gadhiise garagaluun miidhaan narra gahe,’’ jeti wayita taatee sana yaadattu.

Firehiwoot balaa sanaan miilashee tokko dhabdee jirti. Miidhaa qaama irra qaqqabe ture amantee fudhachuuf rakkattee, yeroo sanatti xiinsammuun ishee miidhee akka ture dubbatti Firehiwoot.

''Kanarraa kan ka'ees balaan konkolaataa qaqqabe gaafa jedhamu yoon dhaga’u balaa narra gahee yaadadheen rifadha. Namoota balaa tiraafikaatiin lubbuusaanii dhabaniin alattis kanneen sababii balaa kanaatiin miidhamtoota qaamaa ta'un manatti hafan baay'eedha,’’ jetti.

Gaazixeessituu Firehiwoot sababa balaa kanaatiin miillishee bitaa irraa cituun godaannisa hin daganne itti uumeera. Haata'u malee deeggarsa maatii isheetiin balaa irra gaherraa bayyanachuun hojiisheetti deebiite jirti.

Yeroo ammaa kanattis miila nam-tolcheetiin fayyadamuun hojiishee idilee hojjatti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Firehiwoot erga balaa kun irra gaheen boodas miidiyaalee, waltajjiiwwaniifi mudannoowwan biraa irratti hunda waa'ee balaan tiraafikaa irratti muxannoo sheefii barnoota namoota biroof qooddi.

''Ani balaarra hafee namoota biroof barumsa ta’eera. Namoonni garuu har'a illeen balaa qaqqaburra barachaa hin jiran,’’ jette.

Humnaa ol fe’uun, yeroo tiraafika argan qofa qabattoo hidhachuu fi gochaawwan dambii tiraafikaa eeguu dhabuuniifi kaan balaan akka hin hir’anne taasiseera,'' jetti.

Seenaawwan balaan tiraafikaa gaddisiisaan akka Firehiwoot kana fakkaatan maatiiwwan hedduu keessatti mudachuun burjaajii baayyee hordofsiiseera.

Balaawwan Finfinneefi naannawaasheetti, magaaloota naannooleefi kaaniitti sa'aatiiwwaniifi guyyaa guyyaan qaqqaban ijoollee warra malee, warra ammoo kan isaan gargaaru malee hambiseera.

Dhiheenyuma kana balaa konkolaataa mudateen barsiistoota Yunvarsiitii Madda Walaabu hojiif gara kaampaasii Shaashamanneetti imalaa turan 20 du’anii, kaan 28 ta'an ammoo miidhamu gabaasneerra.

Balaa qaqqabe kanaanis kutaaleen barnootaa yunivarsitichatti argaman hundi barsiistoota dhabuun miidhaan kan irra gahee yoo ta'u, keessattuu kutaan barnoota saayinsii ispoortii baayyee miidhameera.

Baayyinni lakkoofsaa maal agarsiisa?

Itoophiyaatti giddugaleessaan guyyaatti namoonni 14 balaa tiraafikaatiin lubbuu yoo dhaban, 31 ammoo miidhama qaamaa cimaaf akka saaxilaman ragaan Biiroon Nageenya Tiraafikaa Daandii irraa argame ni agarsiisa.

Balaawwan biyyaatti keessatti qaqqaban keessaa kan %68.3 ta'an kanneen daandii gaarii fi mijataa ta'an irratti qaqqabaniifi balaawwan qaqqaban keessaa ammoo, %85.9 dogoggora konkolaachisaan, %3.3 rakkina teekinikaan konkolaataan, %2.8 ammoo kan dogoggora namni lafoo deemu uumuun kan mudataniidha.

Balaawwan tiraafikaa sababa rakkoo daandiitiin walqabtee mudatan %0.7 ta’uu qorannoon Ministeera Geejjiba Daandii ni agarsiisa.

Itoophiyaatti bara 2014 A.L.I sababii balaa tiraafikaan namoonni 3,971 ta'an lubbuusaanii kan dhaban yoo ta’u, balaa du'aa bara 2013A.L.I qaqqabe wajjin wal bira wayita qabamee madaalamu lubbuun namaa darbee 190’n hir’ateera.

Biiroon Nageenya Tiraafikaa fi Tajaajilli Fandii namoota 5,911 irra miidhamni qaamaa cimaan qaqqabuu beeksise.

Ragaan Komishiiniin Poolisii Federaalaa akka agarsiisutti, bara 2013 A.L.I keessatti balaan tiraafikaa 15,000 ol qaqabuun, sababii balaa kanaan namoota 4,161 du'aniiru.

Balaa konkolaataa

Baay'ina konkolaataa xiqqaa garuu balaa hedduu

Nageenya tiraafikaa kan to’atu Biiroon Nageenya Tiraafikaa fi Tajaajilli Fandii Inshuraansii, kan sadarkaa biyyAatti hundeeffame bara 2014 A.L.I ture.

Obbo Yohaannis Lammaa dhaabbata kana keessatti hojii raawwachiisaa Barnoota Nageenyaafi Ijaarsa Dandeettiiti.

Namoonni hedduun balaan tiraafikaa dabalaa jira jedhanillee, Obbo Yohaannis garuu lakkoofsi balaa qaqqabuu hir’ateera jedhu.

Waggoota muraasa darbanitti lakkoofsi balaawwan tiraafikaa hir’ata jiraachuu kan eeran Obbo Yohaannis, akka biyyaatti lakkoofsa konkolaataa xiqqaadhaan balaan tiraafikaa olaanaan akka galmaa’u himan.

''Ragaalee irratti hundaa'un kan dubbannu yoo ta'e, bara 2010-2014 A.L.I 'tti balaan hanga tokko hir’ataa jiraachu akka agarsiisuu arguun ni danda'ama,'' jedhan.

Hir'ateera jedhamus, tokkoon tokkoo balaan lubbuu namaa, qaamaa fi qabeenya irra gahuu garuu yaaddessaa ta’uu cimsanii dubbatu.

Keessaattuu biyya lakkoofsa konkolaataa xiqqaa [miiliyoona 1.4 ta’u qabdu] keessatti balaan tiraafikaa qaqqabu olaanaadha.

Odeeffannoon Obbo Yohaannis irraa argame akka mul'isuutti, bara 2010 keessa qofa namoonni 5,118 balaa tiraafikaatiin du’aniiru.

Bara walfakkaataa keessatti lakkoofsi konkolaataa biyyattiin qabdu 900,000 baayyee hin caalu ture.

Bara 2014 yoo ilaalamu ammoo, lakkoofsi konkolaataa gara kuma 500n dabaluun gara miliyoona 1.5tti ol guddateera. balaa bara sana qaqabeen namoonni lubbusaanii dhaban 3,971 ture.

Lakkoofsi konkolaataa wayita dabaletti lakkoofsi namoota balaa tiraafikaan du’anii hir’ataa jiraachuu dubbatu Obbo Yohaannis.

Madaalliin balaa tiraafikaa idil-addunyaa konkolaataawwan 1,000n balaa hangamiitu qaqqaba jechuun shalllaga.

Haala kanaan yoo madaallu, Itophiyaatti ALI bara 2010 konkolaataawwa kuma kudhanitiin balaan qaqqabe 54 ture.

Bara 2014 A.L.I 'tti ammoo konkolaataawwan lakkoofsa walfakkaatuun balaan qaqqabsiisan 29.7 ta’uu himu Obbo Yohaannis.

Nageenya tiraafikaa sirna barnoota keessatti

Obbo Yohaannis akka himanitti, balaawwan qaqqaban harki caalu ka’umsi isaa konkolaachistootaan kan walqabatudha.

Balaawwan harki caalu kan mudatan saffisaan konkolaachisuufi sababii imaltoota lafootiif dursa kennuu dhabuutiin jedhu Obbo Yohaannis. Rakkoowwan naamusa konkolaachisaan walqabatanillee jiru jedhu.

''Rakkoo guddaan dandeettii konkolaachisuu osoo hin taane rakkoo naamusaati. Dhibaa’ummaatu heddumta. Balaawwaan harki caalan dogoggora konkolaachistootaan qaqqabu,’’ jedhan.

Amala badaa konkolaachistoota balaaf ka’umsa ta’an kanneen akka halkan deemu, saffisaan konkolaachisuu, dhuganii konkolaachisuu, imaltootaaf dursa kennuu diduu fa’aa ilaallata jedhan.

Kana malees, konkolaachistoonni rakkoolee tekinikaa imalarratti isaan mudatu osoo hin furiin konkolaachisuun balaaf ka’umsa akka ta’u eeran.

Itoophiyaa keessaa bakkeewwan irra deddeebiin balaan tiraafikaa itti mudatu jira. Naannolee hunda keessatti iddoowwan balaan irra deddeebiin itti qaqqabu adda baafamaniiru.

Iddoowwan balaan itti hammaatu kunneen karaa imalaa dheeraa, karaa halkan fi saffisaan irra adeemamudha. ''Sadarkaan isaa wal caalulleen garuu iddoon balaan irra deddeebiin qaqqabu jira,’’ jedhu Obbo Yohaannis.

Mootummaan balaa tiraafikaa hiri’isuuf sadarkaa biyyaatti barnoota nageenya tiraafikaa sirna barnoootaatti dabaluu ibsan Obbo Yohaannnis.

''Oolmaa daa’immanii hanga kutaa 12ffaatti dhimma nageenya tiraafikaa gosa barnootaa garaa garaa keessatti hammatamee barsiifama,’’ jedhan.

Barnoonni nageenya tiraafikaa jijjirama amalaa fiduuf jecha yeroo leenjii konkolachisummaa qofa barsiifamuu akka hin qabne eeran.

Dhimma nageenya tiraafikaa barsiisuu qofa osoo hin taane, sirni to’annoo tiraafikaa gaggeeffama jira jedhan.

Saffisaa konkolaataafi konkolaachistoonni dhuganii konkolaachisuufi dhiisu ni hordofna jedhu. Kana malees, karaa miidiyaalee idileefi miidiyaalee hawaasaa hubannoo uumaa jirra jedhu.

Balaawwan sammuu keessaa nama hin banne

Konkolaataan karaa Moojootii gara Finfinnee imalaa ture tokkoos ka'umsi isaa naannoo Shaashamanneerraa ture. Obbo Yohaannis akka jedhaniitti konkolaataan kunis halkan imalaa ture dhufe.

''Naannawa Moojii yoo qaqqabu konkolaataa dhaabbate waliin walitti bu'uun namoota konkolaataa dhaabbatee ture keessa turan keessaa kan kudha wayi ta'an lubbunsaanii darbe. Bakka sanatti argamee waanan tureef hangam sukkanneessaa akka ta'een arge,’’ jechuun taatee sana yaadatu.

Balaa sukkanneessaan gara biraa ammoo balaa konkolaataa naannawa Sulultaatti qaqqabe turedha jedhu Obbo Yohaannis.

Konkolaataan tokko konkolaataa boba'aa fe'ee ture waliin walitti bu’ee ibidda waan qabateef, namoonni konkolaaticha keessaa turan haala sukaneessaa ta'en lubbusaanii dhabu yaadatu.