Barsiisota 19 balaa konkolaataan du'an keessaa barsiisaan oole daqiiqaa dhumaa balaa sana akkamiin yaadta?

Barsiisaa Dastaa Mulaatuu

Madda suuraa, Dastaa Mulaatuu

Balaa konkolaataa hamaa Sanbata xiqqaa darbe Godina Arsii Lixaa naannoo gaara Woshaatti qaqqabee barsiisota Yunivarsiitii Madda Walabuu 20 ol galaafatee, 28 ta'an miidhe keessaa barsiisotni lama osoo qaama isaaniirra miidhaan tokkollee hin gahiin bahaniiru.

Barsiisaa Dastaa Mulaatuu ALI bara 2008 irraa eegalee muummee Information Science'tti barsiisaa ta'ee tajaajilaa jira.

Barsiisaa Dastaa barsiisota Yunivarsiitichaa 50 ta'an waliin barattoota extention kaampaasiiwwan Shaashamanneefi Dodolaatti baratan barsiisuuf Sanbata xiqqaa darbe barii sa'aa 11:30'tti magaala Roobeerraa ka'an.

Waahillan isaa waliin manaa bahan hedduun balaa konkolaataa isaan mudateen lubbuu yoo dhaban, kaanis balaa hamaan yeroo isaan mudatu, barsiisaa Dastaa namoota lama balaa kana keessaa miidhama tokko malee lubbuun oolan keessa tokko ta'e.

Wanta mudate himuufis hiree argate.

''Ganama sa'aatii 2:30tti Dodolaa gahuudhaaf halkan sa'aa 11:30'tti Roobeedhaa kaane. Konkolaataan ittiin kaane rakkoo qaba ture. Naannoo gaara Sabsibee, hawaasi 'owwaataa' jedhee waamu gaafa geenyu, konkolaachisaan dhaabatee konkolaataa jala cisee waa sirreessee ka'e,'' jedha.

''Osoo daqiiqaa lama hin oofiin konkolaatichi saffisaa olaanaan adeemee daandiirraa maqee samiirra ka'ee qileetti kufe.''

''Mariinis fireeniinis hojjechuu didee konkolaatichi gommaa arfaniinuu akka xiyyaaraatti ka'ee gadi furgugga'e'' jedha barsiisaa Dastaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dastaan balaan kun qaqqabuu daqiiqota muraasa dura konkolaachisaafi gargaaraan isaa konkolaatichi rakkoo akka qabu himuufi barsiisonni konkolaaticha keessa jiranis saffisa konkolaataa irraa kan ka'e fireeniin ni dide fakkaata jechaa turanii jedha.

''Ani dudduubarran taa'e, tarree lammaffaarra. Irra guddeessa kan dhuman namoota fuuldura taa'aniidha. Isaan keessaa ammoo baayyeen warra nahanii ol kakka'anii dhaabataniidha.''

Balaa miidhaa qaamaa fi lubbuu hamaa qaqqabsiise kana keessaa barsiisaa Dastaa akkamiin miidhama malee ooluun isaa raajii akka ta'e dubbata.

''Ani akka carraa ta'ee gad jedheen taa'a ture. Gaafa konkolaatichi qileetti barrisuu jalqabu mataakoo gadi qabadheen taa'aa ture. Hundi keenyayyuu dhumuuf deemna jenne. Hanga inni dhaqee lafa dhahutti abdii kutannee eegne.''

Akkuma konkolaatichi qilleensatti ol ka'een, ''akkuma du'uuf deemaa jirru natti dhagaahame'' kan jedhu Dastaan, muuziqaan konkolaaticha keessaa banamee ture sagaleen isaa ol ka'aa ta'uus namni hedduun iyyaa akka ture yaadate.

''Konkolaatichi dhaqee gaafa lafa dhahee caccabee keessaa gad nu naqe lafatti of agarre. Ani miidhaan tokkoyyuu narra hin geenye. Lap top fi bilbilli koollee bakkan ciisu na jala turan. Homaa hin taane,'' jedha.

''Reeffa namoota narra turanii ofirraa kakaaseen ofii kootiin tabba sanallee bahee, buufata fayyaa Adaabbaa dhaqee ilaalame.''

'Lubbuudhaan bahuukootti gammachun qaba, waaqan galateefadha'

Balaa Konkolaataa barsiisota Yunivarsiitii Madda Walaabuurra gahe

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa

Adabbaatti erga ilaalamee booda fayyaa guutuu qabaachuu baree gara magaalaa Roobeetti deebi'e.

''Roobeetti ergan deebi'ee morma koo keessa xiqqoo dhukkubbin natti dhagahamnaan Gobbaatti X-ray ilaalamee hunduu fayyaadha naan jedhan.''

Of wallaalees, rifatees akka hin turre kan himu Dastaan bakka konkolaataan kufee akkuma ka'een, fayyaa ta'uu isaafi balaan isaan mudachuu maatiitti bilbilee akka himes ni hima.

Konkolaataa balaan kun irra gahe keessa barsiisonni 51 ta'an akka turaniifi isa waliin barsiisaan tokko akkasuma homaa osoo hin miidhamiin akka bahe, kanneen amma miidhamni adda addaa irra gahee hospitaala jiran 28 ta'uu Dastaan BBC'tti himeera.

''Amma lubbuun oluu kootti gammachuu keessa waaniin jiruuf sammuun koo jeeqama keessa hin jirus,'' jedha.

Dhalootaan Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo kan ta'e Dastaan, bakka amma hojiidhaan jiru magaalaa Rooobes ta'e maatii qe'ee isaa Gullisootti namni lubbuun ooluu isaaf gammadaafii jiraachuu himeera.

Balaan kun muummee akka Sport Saayinsi keessaatti miidhama guddaa geessisuu fi ammatti barsiisotni argaman lama akka hin caalle dubbate.

''Muummee tokko keessaa namni tokko qofaan kan hafetu jira. Fakkeenyaaf Ispoort Saayinsii keessaa nama lama qofatu keessaa fayyaa qaba'' jedha.

''Barsistotni wajjiin baanee karaatti hafan kana du'a isaanii ammallee hin amanne, ammallee akka waan deebinee wal-agarru natti dhagaahama'' jechuun waahillan of biraadhabeef gadda cimaan itti dhagaahamuu dubbate.

Erga Balaan kun qaqqabee hojiin baruufi barsiisuu Yunivarsiitii Madda Walaabuu adda citee jira.

Barattootni fi hawaasni Yunivarsitichaa gaddarra jiru. Barsiisonniifi bulchiinsi Yunivarsiitichaas barsiisota du'an bakka dhaloota isaaniittti gaggeessuufi kanneen miidhaman gaafachuutti jiru jedha Dastaan.

Yunivarsiitichi konkolaattota imalaaf ramadu nageenyummaa isaanii mirkaneeffachuun irra jira jechuunis dubbata.

Balaan kun qaqqabuu booda birmannaaf konkolaattootni Yunivarsiitichaa gara garaa Woshaa dhufan gariin daandii gubbaatti bakka hedduu dhaabachaa tirachaa dhufuu isaanii akka fakkeenya rakkoottis kaaseera.

Dhimma rakkoo teeknikaa konkolaataa irratti Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.