Lubbuun barsiisota Yuunvarsiitii Madda Walaabuu 18 balaa konkolaataan darbe

Madda suuraa, Waajjira Komunikeeshinii aanaa Adaabbaa
Balaa konkolaataa Caamsa 20 bara 23 ganama Godina Baaleetti dhaqabeen lubbuun barsiisota 18 darbe.
Waajjiri Kominikeeshinii Aanaa Adaabbaa fuula Feesbuukii isaa irratti akka gabaasetti, hojjettootni yuunvarsiitii Madda Walaabuu hojiif osoo gara Shaashamannee deemaa jiranii konkolaataan karaa irraa maqee garagaluun lubbuu namoota darbe.
''Konkolaataan Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Barsiisotaa fi hojjettoota Yuunivarsitichaa 45 fe'ee imalaa ture, Gaara Washaatti karaa irraa miliquun kufee hanga ammaatti lubbuun barsiisota fi hojjettootaa 18 darbeera,'' jedha ibsi waajjira komunikeeshinii aanaa Adaabbaa.
Barsiisonni kunneen Yuunvarsiitii Madda Walaabuu kaampaasii Shaashamanneetti barsiisuuf imalarra akka turanis ibseera.
Itti dabaluun namoota konkolaatichi fe'e keessaa nama 1 qofa irra balaan salphaan kan gahe yoo tahu, kanneen lubbuun hafan irra balaan cimaan qaqqabeera jedhe.
Sababi balaa kanaa hanga ammaatti hin ibsamne. Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu yuunversiitota dhaloota haaraa Itoophiyaatti babal'atan keessaa isa tokko yoo tahu Godina Baalee keessatti argama.











