Balaa konkolaataa Gudayyaa Biilaatti mudateen lubbuun imaltoota 14 darbe

Madda suuraa, Lidatuu Malaaku
Dilbata darbe konkolaataan hawaasa deddeebisu magaalaa Shaambuu fi Baakkoo gidduutti garagalee lubbuun imaltoota 14 dabarsuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.Akka Komishinichi ibsetti konkolaataan kun magaalaa Shaambuurraa gara Finfinneetti imalaa otoo jiruu Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaatti gargale.
Konkolaataan kun imala sa’aatiiwwan muraasaa booda karaarra goree garagale.
Namoonni balaa kanaan miidhaman hospitaala Baakkoo, Naqamtee fi Finfinneetti yaalamaa jiru.
Medikaal Daarektarri hospitaala Baakkoo Dr Miliyoon Nagaasaa BBCtti akka himanitti, namoonni balaa kanaan miidhaman 44 deeggarsa wal’aansa lubbuu baraarsaa hospitaalichatti argataniiru.
Balaa sana hordofee lubbuun namoota darbuu quba qabaachuu himan.
Namoota miidhaman keessaa daa’imni umriin isaa waggaa lama gadii haati isaa duute,lubbuun isaa baraaruun akka danda’ame Dr Miliyoon himaniiru.
Konkolaataan kun imaltoota 60 ol fe'ee imalaarra otoo jiruu garagaluu jedhan Dr Miliyoon.
Namoota miidhamanii hospitaalicha qaqqaban 44 keessaa kan lubbuun darbe akka hin jirre ibsuun, isaan keessaa torba garuu gara hospitaalota birootti wal’aansaaf dabalataaf ergamuu himan.
Balaan irra deddeebiin naannichatti qaqqabu kanaan durallee lubbuu namootaa galaafachuun, qabeenyas mancaasaa ture.












