Balaa konkolaataa Finfinneetti miseensa maatii tokkoo torba galaafate, daa'imman lubbuun hafan

Konkolaattota daandii magaalaa Finfinnee irratti

Madda suuraa, JOSE CENDON

Balaa konkoolaataa miseensi maatii tokko dubartii biyya alaa deemtu turte gaggeessuuf konkolaataa tokkoon imalaa turanirratti dhaqqabeen kan karaa deemtuuf turte dabalatee lubbuun namoota torbaa darbe.

Akka Komishinii Hooggansa Balaafi Ibiddaa Finfinnee ibsetti, kanneen du'an hunduu dubartoota yoo ta'an lammiilee Ertiraati.

Balaan kuni Sambata darbe ALI Bitootessa 03, 2014 galgala mudate. Akka Komishinichaatti konkolaaticha keessa namoonni 11 turani.

Maatiin kun magaalaa Finfinnee kondominiyeemii Galaan jedhamuutii ka'uun ture dubartiifi ijoollee ishee gaggeessuuf gara buufata xiyyaaraa Booleetti deemaa kan turan.

Kanneen du'an keessaa harmeen dubartii gaggeeffamtu Ertiraarraa dhufan dabalatee firoonni ishee Finfinnee jiraatan keessa jiru jedhameera.

Harmee isaanii waliin kanneen ala bahuuf turan daa'imman ganna afuriifi jahaa garuu lubbuun hafuu ibsameera. Ta'us, miidhaan waan isaanirratti qaqqabeef wal'aansa argataa jiru.

Namoonni kuni konkolaataan Galaanii ka'e karaa Hannaa Maariyaam jedhamu daandii haaraa ijaaramerra gara buufata xiyyaaraa Boolee deemaa turan.

Konkolaataan isaan keessa turan Dolfiin jedhamu Boolee gahuuf erga karaa walakkaa deeme booda sababa rakkoo godhateen sinotiraakii daandii qarqara dhaabbatetti bu'e lubbuu torba galaafachuu poolisiin himeera.

Kanneen lubbuun hafan keessaa tokko konkolaachisicha yoo ta'u, miidhaan jabaa irra gahee wal'aansa argataa akka jiru ibsameera.

Hojjettoonni yeroo balaa bakka balaan gahe yeroo dhaqqabanitti lubbuun namoota torbaa darbee ture.

Daa'imman lamaan miidhamanii lubbuun hafaniifi kaan gara buufata fayyaatti geeffamuu Dubbii Himaan Komishinii Hooggansa Balaafi Ibiddaa Obbo Nigaatuu Maammoo BBC'tti himaniiru.

Sababa balaatiin konkolaatichi haalaan waan miidhameef reeffa namootaa konkolaataa keessaa baasuuf hojjettoonni yeroo balaa maashinii deeggarsaa fayyadamuuf dirqamaniiru.

Kunis sa'aatii 1:20 ol fudhachuu Obbo Nigaatuun himan.

Akka qondaala kanaatti bakki balaan dhaqqabe irra deddeebbiin balaan ni dhaqqaba. Kana duras bakkuma kana lubbuun poolisii tokkoo darbuu himan.

Bakkichi irraan gadee waan qabuufi dhorkaan saffisa xiqqeessuuf gargaaruu waan hin tolfamneef balaan akka uumamu sababa ta'u eeran.

BBC'n poolisiirraa akka odeeffateetti poolisiin sababa balaa dhaqqabeefi kan kanaan walqabatan qorataa jira.