Dargaggoo sababii balaa konkolaataan kallattiin jireenyaa isaa geeddarame

Konkolaachisaa konkolaataa gurguddaa kan ture dargaggoo Addis Zaman balaan konkolaataa kan isa mudate osoo konkolaachisuu hin turre. Buna dhuguuf ba'ee osoo daandii qaxxaamuruu konkolaataan rukute.
Isaan booda waggoota shaniif hospitaala keessa cisee wallaaname. Kanaanis yeroo 14 wallaansi baqaqsanii yaaluu cimaan taasifameefira. Maallaqa wallaansaa argachuuf Finfinnee daandiirra taa'ee kadhateera.
Miseensa raayyaa ittisaa kan ture Addis waggoota 15 konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaa guddaa ta'un hojjateera. Sababbii balaa konkolaataa waggoota jahaan dura mudateen garuu kallattiin jireenyasaa gutummaatti geeddarame.
Sadaasa ALI 15, 1999 konkolaataa qabate ture magaalaa xiqqoo Kutaa Barri kan Magaalaa Daseetti dhiyoo argamtuu boqachuuf dhaabbata.
Hiriyaa isaa kan akkuma isaa konkolaataa fe'umsaa konkolaachisu waliin konkolaataa dhaabanii buna dhuguuf daandii osoo qaxxaamuranu balaan isa mudate.
''Tasa yoo garagalu konkolaataan piikaappii tokko gara koo yoo dhufuun arge. Hiriyyaa kiyya na waliin ture gama tokkootti diibeen ani ammoo gara biraatti baqadhe. Asipaaltii irraa gara meetira 10 fiigeera. Ta'us jalaa bahu hindandeenye. Konkolaataan sun bakka sadii na rukute'' jechuun haalicha hima.
Miilasaa, fuulduraa lapheesaafi morma isaarra miidhaan qaqqabe. ''Isaan booda waan ta'e hinbeeku'' jedha.
Gaaffii 'Mee na oofsisi' fi balaa isaa
Konkolaachisaan Addis irraan balaa qaqabsiise nama muxannoo hinqabne ture. Innis abbaa konkolaataa garuu kan muxannoo malee ''mee na oofsisi' jechuun konkolaachisaa harkaa fuudhee oofaa ture.
Konkolaachisaa muxannoo qabu osoo ta'ee 'balaan baayyeen narra hingahu ture'' kan jedhu Addis, balaan irra gahe akka cimu kan godhe muxannoo dhabuu namtichaati jedha.
''Leenjiif manneen barnoota jiru turan. Bakka balaan hinbaayyanneetti kanfaluun oofuu ni danda'a ture,'' jedha.
Sababii balaa irra gaheetiin waggoota sadi keessatti yeroo 14'f wallaansi baqaqsanii wallaanu taasifamuuf hima. Qaama isaa miidhame keessas sibilli galfameera. Kanaafu jilbisaa hindacha'u. Daandii dheeraa deemu hindanda'u. Kanarra yoo deemu ni okkoola.
Kana malees ''miilli koo infekshinii umattee Finfinnee daandiitti bahuun gargaarsa kadhadheera wallaanameera'' jedha Addis. Namtichi balaa irraan gahe sun karaa nama biraatiin yeroo lama baasii wallaansaa kanfaluuf illeen booda jalaa dhokachu hima.
Balaa irrra gaheen walqabate waajjirii fandii daandii birrii kuma 40 kanfaluufilleen baasiin wallaansa isaa baayyee waan tureef, rakkachu hima.
Itoophiyaatti seenaawwan sababii balaa konkolaataatiin qaqabaniifi kan Addis Zaman kana fakkaatan hedduudha. Lakkoofsi namoota balaan miidhamanis guyyaa guyyaan dabalaa jira.
Odeessaalee balaa konkoolaataa dhagahaman kanneen duubase jireenyi lammiilee kallattiin geedarameefi kanneen ammalleen miidhaa irraa hinbayyanatiin hedduudha.
Ragaan komishinii poolisii federaalaa irraa argame akka mul'isuutti, bara kana baatiiwwan jaha qofaa keessatti naannoolee Tigraayiifi Sidaamaa oso hindabalatiin, biyyattii keessatti namoonni 1,849 balaa tiraafikiitiin lubbu dhabaniiru.
Namoota 2,600 ol ammoo miidhaa qaamaa cimaa, 2,500 ol ammoo miidhaa salphaaf saaxilamaniiru.
Balaadhuma baatii jaha qaqabee kanaanis qabeenyaan birrii miliyoona 495tti tilmaamamu barbadaa'eera.
Ministeera Gaajibaatti Ittigaafatamaan Waajiira Nageenya Daandii Obbo Yonaas Ballaxa, balaan konkolaataa qaama hawaasaa isa 'omishaafi kan barate' galaafataa jira jedhu.
Akkasumas hospitaala Tiqur Anbassaatti ittigaafatamaan kutaa lafee fi wallaansa balaa Dr Biruk Laambiisoon balaan konkolaataa sirna fayyaa irratti dhiibbaa olaanaa taasisaa jiraachu himu.
''Parsantaa 72 kan miidhamtoota balaa konkolaataa qabateedha''
Dr miidhaa balaan konkolaataa wallaansa irraan gahee wayita himan, fakeenyaaf ''dhiiga tibba dahumsaatti mudatuuf fayyadamuuf dhiyaatu, irra caalaa isaa namoota balaa konkolaataan miidhaman oolchuuf itti fayyadamna'' jedhu.
Kanaafu balaan konkolaataa baayyachuun, ambulaansii kaasee beelama wallaansa baqaqsanii wallaanuu qabaman hanga dheerreessuutti dhiibaa qabaachu himu.
''Ragaa nuti qabnuun tajaajila waggaatti kenninu keessaa parsantaa 72 kanneen balaa konkolaataan miidhamaniidha. Kanaafu qabeenyaa, oggeessaafi yeroo qabnu keessaa harka sadi afur kan ta'u namoota balaa kanaan miidhaman gargaaruutti dabarsina.''
Ragaan kunis tajaajilawwan hojii wallaansaa waggoota 30f raawwatame ta'u dubbatu Dr Biruuk.
Sababii kanaanis yeroo baayyee wallaanamtoonni kutaa sanaa siree eeggataa turan akka rakkatan hima.
Haala miidhamtoonni balaa konkolaataa tokko tokko cimaa ta'u yaadachuun, ''miidhamtoonni kanneen du'an wayyaa hanga jedhamuutti haala cimaa keessa darban'' jeru jedha.
''Dargaggoonni boru eessa gahu jedhamanii eegaman balaa kanaan miilli ykn harkisaanii kutamee, mataansaanii rukutamuun walqabate sammuun hojii kan dhaabe nu mudataniiru,'' jedha.
Sababiiwwan balaa kanaa maal?
Akka Obbo Yoonaas jedhaniitti balaa kanaaf sababii harki 40 ol saffiisaan konkolaachisuudha. Imalli alkanii, dhuganii ykn qoricha sammuu adochoo fudhatanii konkolaachisuun balaaf sababii lammaaffaadha jedhu. Sababiiwwan kunneenis kan kallattiin konkolaachisaan wal qabataniidha jedhan.
Kana malees daandiiwwan kan mijatan ta'u dhabuu kaasu. ''Kanaafuu daandiiwwan 10 kan balaan irratti baayyatu jedhamaniifi dheerina km 200 hagugan akka fala argatan gochuuf, qorachuun Abbaa Taayiraa Daandiiwwan Itoophiyaatti dabarsineerra'' jedhan.
Hunda caalaa ammoo konkolaachistoota irratti hojii cimaan hojjatamu akka barbaachisu hubachuun ''hojii hubannoo cimsuu walitti fufiinsa qabu hojjataa jirra'' jedhan.
Konkolaachisaa leenjii'aa tureen rukutamee waggoota dheeraaf kan dhukkubsataa ture Addis Zaman amma waajira motummaa tokkootti mindeeffameera.
Miidhaan balaa konkolaataa hangam cimaa akka ta'ee wayita himu ''Nama tokko balaan konkolaataa yoo mudatuutti kan miidhamu nama sana qofaa miti. Namoota jireenyi isaanii nama sana waliin hidhata qabu hunduu ni miidhamu,'' jedha.
Kanaanis abdiiwwan hedduun dukkana'u maluu kan jedhu Addis, mana ho'aan akka qabanaa'uuf sababa ta'a jedha.
''Nageenya keenyaafi kannneen birootiif jecha itti gaafatamummaan haa konkolaachifnu'' jedha godaannisa balaa tiraafikii kan qabu Addis Zaman.















