Wallagga Lixaatti balaa konkolaataan lubbuun namoota 14 darbe

Balaa konkolaataa

Madda suuraa, AMMA

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa balaa konkolaataa Fulbaana kessa mudate

Balaa konkolaataa godina Wallagga Lixaa bakka Jogir jedhamutti mudateen lubbuun namoota 14 darbe.

Namootni saddeet battalumatti lubbuun isaani kan darbee ta'uufi, namootni sadii ammo battala hospitaala ga'aniin lubbuun isaani akka darbe hogganaan Hospitaala Adveentistii Giimbii Dr Taammiraat Gurmuu BBC'tti himaniiru.

Reeffi namoota sadi biroo ammoo boodarra gara hospitaalaa akka geeffames dabalanii himaniiru.

Namoota lubbuun oolaan jahaa keessaa sadii balaa cimaan waan irra ga'eef gara hospitaala biraatti rifaar godhamaa akka jiran Dr Taammirat himaniiru.

Konkolaataan kun gara namoota 20 fe'e akka ture kan himan ogeessi fayyaa kun Naqamtee irra ka'uun gara Gullisoo imalaa akka ture dubbatu.

Maatiin namoota lubbuun darbee kanaa reeffaa fudhachuu akka eegalanis dabalanii himaniiru.

Namoota lubbuun darbe hedduun barattoota yuunivarsiitii Wallaggaa gara maatii galaa turan akka ta'e odeeffannoon marsaalee hawaasaa ni himu.

Dr Taammiraat namooti miidhaman barattoota ta'uufi dhiisu akka adda hin baafanne BBC'tti kan himan.

Yuunivarsiitiin Wallaggaa ammoo balaa konkolaataa iddoo adda addaatti mudateen barattoonni sadi lubbuu dhaban jedhee gadda itti dhagaa'ame ibsateera.