Konkolaattotni meeshaa saffisa daangessu hin qabne akka hin galle dhorkaman

Meeshaa saffisa daangessu

Madda suuraa, Abbaa Taayita geejibaa federaalaa

Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif meeshaa saffisa konkolaattotaa daangessuun badii balaa konkolaataan gahu hir'isuu kaayyeffate hojiirra oolchuu eegalte.

Ministeerri Geejibaa Itoophiyaa ji'oota muraasa dura danbii haaraa ittisa balaawwan traafikaarratti baase keessatti to'annoo saffisa konkolaataarratti qajeelfama akka baasuu kahamee ture.

Daayireektarri Itti- aanaan Abbaa Taayitaa Geejibaa Federaalaa obbo Mitikkuu Asmaraa bu'uuruma danbii baheen sababoota ijoo balaa tiraafikaa ta'an keessaa saffisa to'achuuf meeshaa saffisa konkolaattotaa daangessu fayyadamuurratti qajeelfamni dhuma ji'a Muddeetti bahee akka ture nutti himan.

Bu'uuruma kanaan gosti meeshaa kanaa fi sadarkaan isaa adda baafamaa erga turee booda waajjirichi konkolaattota isaa hojii dirreef itti fayyadamu 10 irratti maxxansuun hojiicha eegaluu obbo Mitikkuun himaniiru.

Meeshaan kun ''Integrated speed limiter and GPS'' lakkoofs A6413 jedhamuun kan adda baafame yommuu ta'u, dhaabbileen biyya keessaa afur dhiyeessiifi hojii konkolaattotatti maxxansuuf hayyama argataniirus jedhan.

Konkolaattota Itoophiyaa keessa jiran miiliyoona 1.2 olitti tilmaamaman hundarratti maxxansuun yeroo kan fudhatu ta'us, warreen haaraa galan osoo meeshaa kan hin qabaatiin akka hin galle godhameera jedhan.

''Konkolaattotni haaraan kun istaandaardii kana yoo guutuu baatan gara biyyattii akka hin galle xalayaa qaama ilaallatuuf raabsineerra,'' jedhan.

Kana dura konkolaattotni haaraa biyyattii galan ulaagaalee jaha guutuu qabaniin dabalataan kun ulaagaa 7'ffaa ta'eeras nuun jedhan.

Meeshaa saffisa konkolaataa daangessuuf GPS qabu kana bituufi fi konkolaataa ofiirratti maxxansuun guutummaatti gahee abbaa qabeenyaa sanii akka ta'us nutti himaniiru.

Gatiin meeshaa kanaa gabaa bilisaa dhaabbilee hojii kana hojjechuuf hayyama argatan gidduutti kan murtaa'u ta'a jedhameera.

Meeshaa saffisa daangessu

Madda suuraa, Abbaa Taayita geejibaa federaalaa

Meeshaan GPS akka Obbo Mitikkuun jedhanitti faayidaan isaa abbootiin qabeenyaa konkolaataan isaanii eessa akka jiru hordofuuf isaan fayyada.

Konkolaattotni haaraan meeshaa kana hin qabne Gumuruka akka hin dabarre kan taasifamu akka ta'eefi kanneen biyya keessa jiran fedhii isaaniin faayidaa isaa beekanii akka itti fayyadaman hubannoo isaanii cimsuuf hojjechaa akka jiranis nutti himaniiru.

Saffisni inni guddaan hayyamamu sa'aatii tokkotti 100km oofuu yeroo ta'u, gosoota tajaajilaa konkolaattotni kennan irratti hundaa'uun gargar ta'a.

Konkolaattota amma biyya keessa jiran keessaa konkolaattota fe'isaa fi geejjiba ummataarratti akka maxxanan gochuun hojiichi dabaree dabareen hojjetama nuun jedhaniiru.