Godina Shawaa Kaabaa Ganda Sariitiitti balaa konkolaataa qaqqabeen namoonni 18 du'an

Madda suuraa, Amhara Police Face Book
Awutobisiin geejiba ummataa namoota kabaja amantaatii deebii'aa turan fe'uun gara Finfinnee imalaa ture minii baasii gara Dabra Birhaanitti ilmaa tureen walitti bu'uusaatiin balaa qaqqabeen lubbuun namoota 18 darbeera.
Balaa qaqqabe kanaanis namoonni 13 battalumatti kan du'an yoo ta'u, shanan isaan erga hospitaala qaqabanii booda lubbunsaanii darbu qindeessaan midiyaa komishiiniin poolisii naannoo Amaraa BBC'tti himeera.
Qindeessichi Insipekarri mummee Mangashaa Awuraariis BBC'tti akka himaniitti, awutobishichi osoo randa bahaa jiruu mini baasichi irraangadee bu'aa turulleen haalli arguuf ittisu omtu hinturre.
Balaa qaqabeenis imaltoonni mini baasicha keessa turan caalaa miidhamu ibsaniiru.
Balaa kunis kaleessa Kibxata naannawa sa'aatii 10:30 tti qaqabuusaa kan himan inspeektarichi, daandiin waan cufamee trueef halkan keessaa sa'atii afuriitti miidhamtoota balaa kanaa baasuun rakkisaa ture jedhan.
Sabani balaa kanaa qoratamaa jiraachuu kan himan Inispektarichi yeroo baayyee naannoo kanatti sababni balaa konkolaataa saffisaan ol konkolaachisuu akka ta'e ibsaniiru.
Sababa saffisa iyyamameen olitti konkolaachisuutiin balaan haalaan suukanneessaan bakkeewwan rakkisoo ta'anitti ga'an utuu hin argaminfaa kan hafan jiru jedhan.
Komishinichi balaa konkolaataadhaan qaqqabu to'achuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetu ta'uu ibsee, meeshaan saffisa konkolaataa to'atu dhibuun balaa kanaaf sababa akka ta'etti eereera.












