Keeniyaa: Daandii Kisuumuu geessurratti balaan konkolaataa namoota 40 galaafate

Daa'imman namoota balaa konkolaataa kanaan lubbuun darbe keessatti argamu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman namoota balaa konkolaataa kanaan lubbuun darbe keessatti argamu

Balaa konkolaataa Keenyaa Naayiroobiirraa gara magaalaa gara Lixaatti argamtu Kisumuu deemaa jiru mudateen yoo xiqqaate namoonni 40 lubbuun darbuu poolisiin himeera.

Akka gabaasa poolisii kanaatti hedduu isaanii yeroo konkolaataan gara galu du'an. Namoonni caccabaa konkolaataa kana keessatti qabaman jiraachuu waan malaniif lakkoofsi namoota du'ee dabaluu akka danda'us sodaatamaa jira.

"Baaxiin konkolaataa uummataa balaan kun irra ga'e guutummaatti caaccabeera," jedha aanga'aan naanichaa.

Konkolaachisaan yeroo irraan gadee oofaa jirutti to'annaa isaa ala ta'uudhaan daandii gadi dhiisee hadhaba seene jedha poolisin.

Konkolaataan kun namoota 52 fe'atee deemaa akka jirus poolisiin ragaa ba'eera.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, lakkoofsi namoota lubbuun darbee 42 gahaniiru.

Konkolaataa balaan irra ga'e kun irra keessaan guutummaatti daakame

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataa balaan irra ga'e kun irra keessaan guutummaatti daakame

Daa'immanis namoota balaa konkolaataa kanaan lubbuun darbe keessatti argamu.

Namoonni miidhamanii hospitaala geeffamuun wallaanamaa jiraachuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Keeniyaa keessatti balaan konkolaataa daandiiwwan gurguddoo irratti qaqabu baay'ee hamaadha. Dhaabbanni Fayyaa addunyaas, balaa konkolaataa ilaalchiisee Keeniyaan sadarkaa fokkisaarratti ramada.

Danaa Naayiroobiifi Kisumuu
Ibsa waa'ee suuraa, Danaa Naayiroobiifi Kisumuu