Dubartiin duutteetti jedhamte firiijii mana reeffaa keessatti lubbuun argamte

Madda suuraa, Shutterstock
Dubartiin Afrikaa Kibbaa firijii mana reeffaa hospitaalaa keessatti lubbuun argamte waldhaansi fayyaa taasifamaafi jira.
Dubartiin kun kutaa biyyaa Gaawuteng keessatti balaa konkolaataa irra gaherraa kan ka'e ogeeyyii fayyaan duuteetti jedhamuun mana reeffaa Karletonvileetti dabarfamtee turte.
Akka lubbuun keessa jiru wanti agarsiisu hin jiru jedhu ogeeyyiin fayyaa.
Hojjetaan mana reeffaa firiijii keessatti reeffa jiru sakkata'uu wayita deemu dubartii harganaa jirtu arge.
Hoogganaan mana yaalichaa BBCtti akka himetti dubartiin maqaan ishee adda hinbaane kun hospitaala baha Johaaniisbargitti jirutti waldhaanamaa jirti.
Dhimmichi akkamiin akka raawwate baruuf qorannoon gaggeefamaa jira, maatiinis deebii eegaa jira.
Miseensi maatii maqaan isaa akka hin dhahamne barbaade tokko BBC tti akkas jedheera''akka maatiitti waayee kanaa bakka Poolisiin, ogeeyyiin fayyaafii, hojjettootni mana reeffaa bakka argamanitti malee haasa'uu hin feenu.''
Maatiin rifaatuu guddoo keessa jiru akka namni kun jedhetti.
Amma kan barbaannu deebiidha, kana qofa barbaanna. Haala kana irratti wanta ifa ta'e hin argannees jedhu miseensonni maatii.
Balaa konkolaataa torbee Dilbata darbe mudateen namoonni lama du'aniiru.
Waggaa kana keessatti kun yeroo jalqabaaf miti namni du'eera jedhaniin yeroo mana reeffaa keessatti dammaqu.
Ispeenittis hidhamaan mana hidhaatti du'eera jedhamee ogeeyyii fayyaan mirkanaa'e irratti qorannoon reeffaa gaggeefamuuf yeroon muraasni wayita hafu dammaqeera.












