Balaa Tiraafikaa: Oromiyaatti guyyoota sadan darban namoonni 45 balaa konkolaataan lubbuu dhaban

Madda suuraa, FBC
Kaleessa galagala balaa konkolaataa naannoo magaalaa Hoolotaatti mudateen lubbuun namoota 18 darbuu, sa'aatii 24 keessatti balaa tiraafikaa naannoo Oromiyaatti mudatu kan gabaasan Saajin Yebaaleewarqi Dejene BBCtti himaniiru.
Kaleessa galagala sa'a 12:00 irratti magaalaa Hoolataa ganda Galagal Guyyuu jedhamutti konkolaataan Haayruufii deddeebisa uummataa namoota fe'ee osoo deemaa jiruu konkolaataa Siinoo tiraakii jedhamu waliin walitti bu'uun lubbuun namoota 18 battalumatti darbuu fi namoota shan irra immoo miidhaa cimaan gahuu himan.
Konkolaataa Haayruufii balaan irra dhaqqabe sana keessa namootni 20 kan turan yoo tahu isaan keessaa namootni sadii erga balaa cimaan irra gahee lubbuun ooluu himaniiru.
Siinootiraakii sana keessaas namoota lama irra miidhaa cimaan gahee lubbuun oolaniiru kan jedhan Saajin Yebaalewarqi sababiin balaa kanaa haala qilleensaa hamaa tahuu himaniiru.
Dabalataan rooba keessatti of eeggannoon konkolaachisuu dhabuu fi saffisa guddaa irraa kan ka'e balichi akka dhaqabedha kan himan.
Guyyoota sadan darbanitti Oromiyaa godinaalee garaagaraa keessatti balaa konkolaataan lubbuun namoota 45 olii yoo darbu qabeenyi birrii miiliyoona. 3.5 olitti tilmaamamus manca'uu Saajiin Yabaaleeworqi himan.
Kaleessa galagala konkolaataa Bishooftuudhaa gara Adaamaa imalaa turte garagaluun namni tokko du'uun namoota 14 irra miidhaan qaamaa cimaan dhaqabuu himaniiru Saajin Yebaalewarqi.
Dabalataan kaleessa Godina Arsii aanaa Adaabbaa ganda awwashootti konkolaataan minibaasii namoota fe'ee saffisa guddaan deemaa ture garagaluun namootni torba yoo du'an, namoota shan irra miidhaa cimaa, sadii irra immoo miidhaa salphaan dhaqqabuu himaniiru.
Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Leeqaa Dullachaatti konkolaataan 'Odaa Baas' Magaalaa Mattuu irraa gara Finfinnee osoo deemaa jiruu sababa saffisa guddaan imalaa tureef garagaluun lubbuun namoota lamaa darbuun namoota 10 irra miidhaa qaamaa cimaa , 21 irra immoo miidhaa salphaan dhaqqabuu Saajin Yebaalewarqi himaniiru.

Madda suuraa, OBN
Akkasumas Godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaatti ammoo konkolaataan fe'umsaa Isuzu baajaajii waliin walitti bu'uun namootni afur yoo du'an, namoota sadii irra miidhaan qaamaa dhaqqabeera.
Godina Arsii aanaa Diigaluu fi Xiijootti konkolaataan dedebisa uummataa nama farda yaabbatee deemutti bu'uun lubbuun namichaas kan fardaas darbuu Saajin Yebaleewarqi Dejenee BBCtti himaniiru.
Bara 2011 keessa balaan tiraafikaa Oromiyaa keessaa hir'achuu kan himan Saajin Yebaalewarqi, bara kana ammoo sababa roobaan wal qabatee balaan dhaqqabu dabalaa jira jedhan.














