Naannoo Amaaraatti lakkoofsi namoota balaa konkolaataan du'an 23 gahan

Madda suuraa, AMMA
Balaa konkolaataa kaleessa Naannoo Amaaraa Godina Gojjaam Lixaatti mudateen, namoonni 23 du'aniiru.
Naannichatti oggeessa miidiyaa komishinii poolisii kan ta'an Komaandara ittaanaa Masarat Laa'iqa BBC'tti akka himaniitti, namoonni ja'a balaa kanaan miidhaaf saaxilamanis hospitaala Finoota Salaamitti wallaansa argataa jiru.
Namoota balaa konkolaataa kanaan lubbuu dhaban keessaa 17 dhiirota yoo ta'an ja'a dubartoota ta'unsaanii adda baafamuu kan himan komaandarri ittaanaan kun, irra caalaa imaltoota konkolaataa ummataa keessa turan balaa kanaaf saaxilamtoota ta'usaanii himaniiru.
Balaan kunis kan qaqqabe kaleessa sa'aa booda konkolaataan ISUZU tokko konkolaattota minibaasii ummata fe'anii turan lamaafi baajaajii tokko waliin walitti bu'usaatiin ta'u himanii, hanga ammaattis konkolaachisaan tokko to'annoo jala olfamuun qorannoon irratti gaggeefamaa jiraachuu dubbataniiru.
Balaan kunis naannichatti Aanaa Dambacaa Zuuriyaa jedhamuutti lafa magaalaa Caraqaa jedhamuun alatti ta'usaa komaandarri kun himaniiru.
Akkuma biyyatti Itoophiyaatti balaan konkolaataa waggaatti badiinsa lubbuu namoota hedduutiif madda akka ta'ee beekamaadha.
Obbo Lingar Yitaayyi aanaa Dambacaa Zuriyaatti ittigaafatamaa waajjira dhimmoota kumunikeshinii gama isaanitiin, bakki balaa kun itti qaqabees baayyee irraangadeefi maramaa akka ture ibsaniiru.
Konkolaataan ISUZU balaa qaqabsisees boqqoolloo fe'ee Finoota Salaam irraa gara Dambacaatti imalaa kan tureefi konkolaataan awutobisii jiddugalaa tokkoofi baajaajiin tokkoo ammo namoota fe'uun magaalaa Dambacaa irraa gara Finoota Salaamitti imalaa turan jedhaeera.
Konkolaataawwan kunneenis daandii maramaa kanarra hariifannaan wali hordofaa imalaa kan turan yoo ta'u, imaltoonniifi shoreerri Mini baasii tokko keessa turan gutummaatti kan dhuma ta'u ibseera.
Namoota 23 du'an keessaa kanneen 21 ta'an osuma gargaarsa omaa hinargatiin dura bakkuma sanatti lubbuub kan darbera kan jedhan ittigaafatamaan kun, konkolaatonni kallattiin walitti bu'an waan ta'eef isa addaan baasuun yeroo dheeraa akka itti fudhate himaniiru.
Akkasumas konkolaachiftoonni mini baasii tokkoofi ISUZU lamaanu balaa Kanaan lubbunsaanii darbu kan ibsan ittigaafatamaan kun, konkolaachisaa minibaasii biraa qaruu lubbun hafuun miidhaan irra qaqabu himeera.














