'Dirree Dhawaa irraa erga nagaan fagaatee bubbuleera'

Magaalaa Dirree Dhawaa, Karaa beekamaa Koonel gara Masjiidaattii geessu

Magaalaan Dirree Dhawaa bakka uummatni gosa adda addaa nagaafi jaalalaan keessa jiraataa turan, iddoo tasgabbiidhaan seenaa qabdu turte. Dhiyeenya kana garuu bakka jireenyaaf sodaachisu ta'aa jirti.

Takka walitti bu'iinsa amantaa bu'uureffateen yeroo biraa ammoo sabummaa bu'uureffateen lubbuu namaa, qaamaafi qabeenyarra miidhaan qaqqabu dabalaa jira.

Sanbata xiqqaa darbe galgala naannoo sa'aa tokkootti dargaggeeyyii jiraattootni garee 'Saatanaaw' jedhamaniiti jedhaniin naannoo Qafiirattii saamicha gaggeessuuf sosso'an madda walitti bu'iinsaati jedha ganda Qafiiraa irraa Burqaa Nasraddiin.

Jiraataan biraa ammoo Bataskaana haarayaa naannoo Addis Katamaatti ijaarame, Takilahaayimaanot irratti namoonni dhagaa darbachuu isaaniitu ka'umsa dubbicha ta'e jedhu.

Miseensi poolisii akka maqaansaa eeramu hin feene tokko oduun ijoolleen ganda Qafiiraa bataskaana haleeluuf jedhu erga ganda keessa tatamsa'e booda dhagaa walitti guuruun eegalame jedha.

Jiraataa ganda Qafiiraa kan ta'e Burqaa Xiqqaa naannoo Qafiiraatti Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa saamuuf yaalii dargaggoonni taasisan akka turee fi eegduun ittisaaf dhukaasuu nutti hime.

Walitti bu'iinsa dargaggoota sabaan Amaarafi Oromoo ta'an gudduutti naannoo Addis Katamaa jedhamutti uumame Kanaan lubbuun daa'ima ganna 13 hin caallee rasaasa kora bittineessaan darbuu Burqaan ni hima.

Poolisiifi hospitaalarraa qaama kana nuu mirkaneessuu argachuu baannus namoonni haga shan ta'anillee madaawaniiru jedha.

''Sagalee dhukaasaa malee nama si cinaa jiruyyuu dhagahuu hin dandeessu, gara keenyaan nama lubbuun darbe nama takkaatu jira. Namoonni afur ammoo madaawanii hospitaala galaniiru.''

Itti-gaafatamaa ODP Aanaa Biyyoo Awwaallee kan ta'an Guuleed Ismaa'eel waayee daa'ima ajjeefamee nuu mirkaneessaniiru.

'' Mucaa umriin isaa waggaa 13 ti Hamdii Mahammad Nuur jedhama. Jiraataa Qarsaa hojiif dhufeedha.

Dirre Dhawaa

kantibaa Itti Aanaan magaala Dirree Dhawaa mucaa kan hospitaalaan geessaanii deeggarsa maallaqaa muraasas gochuun reeffa isaas gara qe'eetti gaggeessaniiru nuun jedhan.

Qaamolee nageenyaa ajjeechaa kana raawwatan irratti qorannoon eegalamuus nutti himan.

Dhukaasa korri bittineessaa baneen kan ajjeefame waan ta'eef dhimmi isaa wayituma sana qabamee miseensoonni ganda Qafiiraa turan qoratamaa jirus jedhan.

Akka Burqaan jedhutti kora bittineessaan Dirre Dhawaa garee 'Saatanaaw' jedhamuuf looguun walitti bu'iinsa hammeessaa jira.

Aangawaan ODP' kunis ijaaramni kora bittineessaa magaalichaa rakkoo waan qabuuf rakkoo furuu hin danda'uu jedhu.

Miseensonni kora bittineessaa hedduun isaanii naannoo sabani Amaaraa itti heddumaatu, Dachaatuufi Addis Katamaa irraa waan ta'aniif hojii loogiidhaan babbadee hojjechaa hin jiran jechuunis qeequ.

''Korri bittineessaa Kan murna tokkoo akka ta'e uummatnis mootummaanis sirritti beeka, haaromsi akka irratti gaggeeffamus irra deddeebiin gaafatamaa ture,'' jedhu.

Hooggansa isaa jijiiruun qofti bu'aa hin buusu kan jedhan obbo Guuleed qaamni kun diigamee haala uummata hunda bakka bu'een yoo ijaarame malee rakkoon kun waan furamu mitis jedhu.

Kaleessa wayita raayyaan ittisa biyyaa gidduu galu ture, haalli kan tasgabbaa'e jedha Burqaan.

jiraataan magaalitti biroon Yitbaarak jedhamus hoggayyuu wayita raayyaan Ittisa biyyaa dhufu walitti bu'iinsi kun qabbanaawa jedha.

Obbo Yibaarak walitti bu'insi magaalaa Dirree Dhawaa keessatti dhalachaa jiru sababa gahaa hin qabu, walii wallaalleerraa jedha.

Torbee tokko duras naannoo Dachaatuutti dargaggeeyyii Oromootu qabeenya keenya saame sababa jedhuun walitti bu'insi dhalatee ture.