Halluuwwan Dirree Dhawaa

Xiyyoo baha sulula qiinxamaatti kan argamtu Dirree Dhawaan, karaa baaburaa Jibuutiifi Finfinnee wal-qunnamsiisuun wal qabatee dhuma jaarraa 19ffaa bu'uureeffamte.
Karaa baaburaa wajjiin wiirtuu magaalattiitti kan hundeeffame buufati baaburichaa daldala ho'isuun cinatti jiraattota naannichaaf hojii uume ture.
Yeroo dhihoon asitti garuu karichi dullumaaf harka laate, tajaajilas kennuun itti ulfaate.
Magaalota lamaan Dirre Dhawaa fi Finfinnee wal quunnamsiisuunsaa yoo hafe iyyu, gara Jibuutii garuu torbee keessatti guyyoota murtaa'eef imala taasisa.
Karaan baaburaa haaraa Itiyoo-Jibuutii dhugoomunsaa akka abdii isaanitti hore hojjettoonni ni dubbatu.






Dhuma bara 1920 keessa weerartoonni Xaaliyaanii magaalaa Dirree Dhawaa fi karaa baaburichaa qabatanii turan.
Lammiileen Awurooppaa baay'een magaalattii keessa jiraachaa waan turaniif Xaaliyaaniin Dirree Dhawaa haleeluu irraa akka of qusatan isaan gochuu ragaawwan himan jiru.
Erga humna Xaaliyaanii irraa bilisa baateen booda, dhiibbaan Biritaaniyaa immoo jabaatee mul'achaa ture.
Lafti 'Nambar Waan'' jedhamee waamamu kanaaf ragaa yoo ta'uu magaalattin siidaa loltoota Afrikaa 73 fi qondaaltota gonfoo humna qilleensaaa Biritaaniyaa sadii Xaaliyaaniin otoo falmanii wareegamaniif dhaabbate qabattee jirti.


Lakkoofsi uummataa bara 1999 A.L.I taasifame Dirree Dhawaan uummata 340 ol akka qabdu agarsiiseera. Lakkoofsi kuni gandoota ollaa magaalattii jala jiran dabalata.
Amma lakkoofsi kuni walakkaa miliyoonaa akka gahe tilmaamama.
Dirreed Dhawaan barootaaf wiirtuu daldalaa taatee yoo turteyyuu waggoota dhihoon asitti daldalli akka qabbanaa'e jiraattonni BBC'n dubbise ni himu.
Garuu ammayyuu halluuwwanshee buburreefi nyaatashee mi'ooftuu qabattee jirti.




Namoota mushabbak (nyaata mi'aawaa) bituuf hiriiran













