Dirree Dhawaatti maaltu ta'e?

Magaalaa Dirree Dhawaa naannoo Qafiiraafi Addis Katamaa jedhamanitti walitti bu'insi jiraachuusaa jiraattonni BBCtti himan.
''Ambulaansonni namoota gara hospitalaatti ennaa deddeebisan argeera. Namoonni miidhaan dhiigni yaa'u argeera,'' jechuun jiraataan tokko nutti himan.
Ka'umsi walitti bu'insa kanaa ammoo ''Bataskaana haarayaa naannoo Addis Katamaa Gaaraatti ijaarame, Takilahaayimaanot irratti namoonni dhagaa darbachuu isaaniitiin,'' jedhaniiru jiraataan kun.
''Ijoolleen Addis Katamaa ijoollee dhakaa darbatan jedhaman kana tuman wayita jedhamu dhageenye,'' jedhu.
Miseensi poolisii akka maqaansaa eeramu hin feene tokko oduun ijoolleen ganda Qafiiraa bataskaana haleeluuf jedhu erga ganda keessa tatamsa'e booda dhagaa walitti guuruun eegalame jedha.
"Ijoolleen ganda Qafiiraa bataskaana Taklahayimaanot haleeluuf dhufaa jiru oduun jedhu dhagahame. Isa boodammoo namoonni naannoo bataskaanichaa akkamiin kun ta'a jedhanii ka'an.
Waldhibdee ganda gidduutti dhalateedha kan hammaachaa dhufe,'' jedha miseensi poolisii kun.
Dhagaa walitti guuruun waan tureef namoonni hedduun miidhamaniiru kan jedhu miseensi poolisii kun garuu balaan lubbuu namaaf sodaachisu hin mudanne jedhe.
Humnoonni nageenyaa bakkichatti argamuun tasgabbeessaa jiraachuus dubbateera.
Sodaa nageenyaaf maqaansaanii akka tuqamu kan hin feene namoonni wayita balaan kun mudatu ijaan argan hanga ammaa (Dilbata sa'a booda) dhukaasi akka dhagamaa jiruu fi humnoonni nagaa eegsisan baay'inaan socho'aa jiraachuu dubbatan.
Naannawa balaan itti mudate sanatti poolisiin federaalaa baay'inaan waan argamaniif socho'uun akka hin danda'amnes dubbatan.













