"Kilabiin dhiiraa attamiin dubartiif kennama? jedhamee ture'' Inistiraaktar Masarat Maanii

Madda suuraa, MESERET MANI
Iddoon dhalatooshee Dirre dawaa bakka daandii tokkoffaa dhiheenya Dachaatuu jechuudha. Safarri kun ammoo cirrachatti dhihoo waan ta'eef kubbaa miilaa asiifi achi koloolchaa guddachuuf kan mijatudha.
Barnoota sadarkaa tokkooffaa shee Laga Harreetti, Sadarkaa lammaaffaa ammoo mana barnootaa waliigalaa Dirre Dawaatti baratte.
FIFA'n osoo waancaa kubbaa miilaa dubartootaa ifatti hin gaggeessiin dura dubartoonni ifatti kubbaa miilaa akka xabataniif hin barbaadamu (hayyamamu) ture. Haalli kunis sadarkaa beekamtii qabuun ta'u baatuulleen kubbaa xabachuuf ishee hindaangeessine ture.
Eenyumtu xabattuurraa gara leenjisituutti dhufuuf kan ishee daangeesse hinturre. Eenyumtuu leenjiiftuu garee kubbaa miilaa dhiirotaa jalqabaa ta'urraa kan ishee daangeesse hinturre, Masarat Maanii.
Jireenya leenjisummaa
''Leenjisummaa kanan eegale ijoollummaatti. Ganaa ijoollee ta'ee keennaa oggansaan qaba ture. Isaan boodas hirriyoota kiyya walitti qabuun garee 'Dil Betigil' jedhamu hundeesse. Isaan boodas gareen ijoollee, ittaansee ammo dhaabbanni Madihin deeggarsa muraasa naaf taasisuun leenjisu eegale. Achiinis garee dubartootaa fi dhiiraa 'Save the Children' hundeeessuun leenjisuu itti fufe. ''
Masarati kan leenjiftuu gareewwan kubbaa miilaa qofa hinturre. Gareewwan tenisii fi kubbaa harkaas leenjisaa turte. Meeshaan waan tureef ijoollee Dirre Dawaa fedhii qaban hunda akka leenji'anan taasisa turte.
Jalqaba bara 1970'tti ammo gareewwan kubbaa miilaa dubartootaa kan akka Maakiddaa, Taaxaq, Humna qilleensaa fi gareewwan dubartootaa kkf kan turan yoo ta'u, booda keessa achumaan adda cite. Isaan booda bara 1986'tti ammo gare kubbaa miilaa dubartootaa hundeessuun seenaa hojjattee.
Bara 2004'tti ammoo wayita piriimiiyar liigiin dubartoota Itoophiyaa eegalameetti, Masarat dubartoota magaalaa ishee qabachuun itti makamte.

Madda suuraa, MESERET MANI
'Dirre Dawaa Kanamaa '
Bara 1007 irratti kanamaan Dirre Dawaa dorgommii liigii irratti hirmaate ture. Yeroo kana ture Masarat Maanii, garee dhiirotaa fudhachuun piriimiiyar liigiif dabarsuuf waadaa galuun hojjachu kan eegalte.
''Dhugaattis baayyee cimaa ture.'' Ta'us anatti kan hin cimiin ijoollummaa kiyyaa qabee waanan dhiiroota leenjisaa guddadheefiidha. Warri gurguddaanis yoon leenjisuu jaalalliifi kabajni naaf kennan akkasumas, haalli isaan ittigaafatamummaasaanii itti bahan anaaf humna ta'e. Waa'ee dubartummaatiin tilmaamamuun kiyya garuu hinollee.
''Attamiin kilabiin dhiiraa dubartiitti kennama? Qoosaa jirtuu?' kan jedhanis hindhabamne ture. Kaan sirumayyuu bu'aa 'siyaasaatiif' jechuun kantibaa Dirre Dawaa bira dhaqanii turan. Garuu inni caalaatti anaaf human ta'ee ture. Kanaafu kana geeddaruun qaba jedheen hojjachu eegale. Maaliin? Qabxiidhaa.''
Rakkinni Masaratii mudataa ture ala qofaa hinturree. Jalqabarratti qabxii sadii galmeessu irraa eegama.
''Tabattoota kiyya amansiisuun qormaata tokko ture. Taphattoota gurguddoodha kanarratti dubartiin leenji'anii hinbeekan ture. 'Ishee amma attamiin nu oggantii? Gaaffii jedhu qabu turan. Tokko tokkoos miirri hojii saanii gadi bu'aa ture. Garuu ijoollee kiyyaa hojiidhanan amansiisu danda'e.
Keessattu marsaa lammaffaarratti qabxii gaarii galmeessine. Sirriiyyu xaboota 12 keessaa tokko qofaan mo'atamne turre.''
Imala gara Piriimiiyar Liigii
Kanamaan Dirre Dawaa Masaratiin ogganamee Piriimiiyar Liigii gale. Hundumtu leenjistu dubartii kan garee dhiiraa? Jechuun gaafachu eegale, dinqisifannaan argatteeti. Tabbattoonni keessattuu warri Dirre baayyee kabajaniin.
Kaayyoo guddaan kilabiishee kan ture deebii'anii piriimiyar liigii irraa akka hinbunee ture.
''Wayita jalqabnu xaba afur mo'achu hindandeenye ture. Taba shanaffaan booda garuu, hundaa sirreessaa dhufne. Siriiyyuu marsaa tokkooffaatti shanaffaa taanee xumurre. Kun ammo nuuf mo'icha olaanaa ture. Keessattu garee liigii biyyaaleessaatii dhufeefi kan leenjistu dubartiitiin leenji'uuf waan olaanaa ture.''
Ta'ulleen wal jalaa qabxiin Dirre Dawaa gadi bu'aa adeeme. Tabawwan jalqabaa shaniin booda Kanamaa dirreetti qabxii sadii galmeessuun ulfaatee ture.

Madda suuraa, MESERET MANI
Isaan booda maaltu umamee?
''Hanga harraattu yoo yaadu na dhiba. Dhimmasaas ijoollee kiyyan gaafadhe. Garuu deebii gaha hinarganne. Dhimmin ani hinbeekneefi akka qabxiinsaanii gadi bu'u taasise jiraachu natty dhagahama. Ammayyuu tabattoota tokkoo tokko yoo argu nan gaafadha. Garuu baayyee natty hinhiman. Ta'u wanti ta'e alaayis keessaas akka ture naaf gala. Gara fuuladuraatti gaafachu kiyya hindhaabu'' jetti Masarati.
Isaan booda ''haala sanaan itti fufuu hindandeenye.''
Masarati akka jettuutti kan dhufte maallaqa barbaadde miti, hojjachuu malee. Ta'us haala sanaan itti fufuu hindandeenye. Kubbaan miila ammo bilisummaa barbaada.Kanaafuu, ''na gaheeraa galatoomaa jechuu ijoollee fi hojjattootaaf nagaa dhaamuun bara 2008tti garicha dhiisee bahe,'' jetti.
Isaan boodas Masarat affeerraa Ameeriikaa Kaabaatti Federeshinii Ispoortii Lammiile Itoophiyaatiin taasifameefiin gara Ameerikaa imalte. Yeroo lammaffaaf ammo affeeerraa Imbaasii Ameerikaatii dhiyaateefiin Ameerikaa geessee deebiite.
Isa dura irra deebiin ALI bara 2009tti garee Liisii fudhattee turte. Yoo deebiitu garuu eddoon leenjisummaa nama biraatiin qabamee ture.
Isaan boodas Luusii qabachuun waancaa Sekaafa irratti hirmaachuuf gara Yugaandaatti imalte. Achittis sadaffaa bahuun nahaasa argatanii deebii'an. Ta'us osuma kontraanni ishee hinxumuramiin Luusiif leenjisaan biraa ramadameef.
Kanfaltii
Masarati gama kanfaltiittiinis miindaa baayyee gadaanaa argataa turu dubbatti. ''Wayitan pirimiyar Liigii turetti kilaboota 14 ture. Isaan keessa kanfaltii gadaanaan kan kiyya ture. Irraa cicite harkarra kan na gahu 13,500 ture.
Leenjistoonni Daashaniifi Hosaahinaa aangorraa bu'an kana caalaa argataa akka turan nan beeka. Sababiinsaa yeroo baayye ani kan tilmaamamu 'saala' kiyyaan ture malee dandeettii kiyyaa miti.
Kana yoo yaadu baayyee natty dhagahama, garuu kubbaa baayyeen jaaladha waan ta'ee hojjachaa tureera.''
Miira mo'uufi mo'amu boodaa maal fakkaata?
Yeroo baayyee erga tabi xumurameen booda harka walfudhanii uffata danbii wal geedaruun naamusuma ispoortiiti. Haa ta'u malee yeroo tokko gammachuurraa kan ka'e osoo harka hinfuudhiin hafuusheetti himatamte akka turte dubbatti Masarati.
Kunis kan ishee mudate Dirre dawaadhumatti, Mugar Siimintoo waliin xabatanii osuma 0-0 dhumarra gahaniin booda, sa'aatii dhumeetti galchuu waan mo'ataniif gammachusaanii to'achu dadhabde.
''Waanan baayyee gammadeef osoon leenjisaa Mugar harka hinfudhiin hafe. Achiinsi hanga himannaa gahee ture,'' jechuun mudannooshe yaadatti.
Attamiin irraanfatama?
Mo'icha Masarati hinirraanfannee keessaa tokko gammachuu Kanamaa Dirree Dawaa waliin ture akka ta'e himti. Keessaattuu ''guyyoonni hin irraanfatamne lamatu jira. Guyyaa Kanamaa Finfinnee waliin sadarkaa 4 keessa galuuf itti taphanneedha. 1-0'n dursaa osoo jirru booda wal qixa taane. Ammas tokko dabaluun dursuu eegallee, garuu deebiise nurratti lakkaa'amuun walqixa 2-2 taane. Kanaafuu gara rukuttaa addabbiitti deemuuf jirra. Kanaafu ittaanaa kiyya waliin mari'achuun eegaan goolii kiyya rukkuttaa addabbiitiin cimaa waan tureef jennee isa galchine. Innis golii sadii nu olchuun mo'annee bane.''
Kan lammaffaa 'guyyaa Goorgisii mo'anneedha. Goorgiisiin garee guddaadha. Anaaf ammo piriimiyar liigichi haaraadha. Kanaafu dirree keenyarratti isaafu olaantummaa taphaatiin mo'achuu kiyyaa yoomiiyyuu hin dagadhu. Anaaf baayyee adda ture,'' jechuun ibsitti.
Kana booda hoo?
Masarati amma garee kubbaa miilaa dubartoota magaalaa Finfinnee leenjisaa jirti. Gareen divisiyoonii tokkooffaarra jiru kunis sadarkaa jahaffaa qabachuun bara kana xumureerra. Masarati gara fuula duraatti karoora hedduu qabaachu dubbatti.
''Akaadaamii ijoollee 120 qaba. Isaan ola kaasuudha abjuun kiyya. Gaaffiiwwan leenjisuus naaf dhiyaata. Dhugaa dubbachuuf mudannoowwan haamilee nama buusan hedduun na mudataniiru. Ogummicha dhiisuuf mataasaa yaadee beeka. Namoonni baayyeen ammo murtee kiyya kana yoo morman argeera. Keessattu ijoolleen leenjise akkan gaafficha fudhadhu na jajjabeessu. Kanaafuu taa'ee itti yaaduun qaba'' jechuun waan dabarsite yaadatti.

Madda suuraa, MESERET MANI
Warra boodaatiif ergaa
Dubartii ta'uun kilabii kubbaa miilaa dhiiraa leenjisuun baayyee akka nama gammachisu himti Masarati. Kunis jetti, 'sababii leenjistuu dubartii kan biraa hinjirraanneef osoo hintaane, waanan fiixaan bahu danda'eefiidha kana gammadu.
Dubartiin kana gochu akka dandeessu agarsiisuu kiyyatti baayyeen gammada. Miira ni danda'ama jedhuu sana dhugoomsu danda'u kiyyaatti baayyeen boona.
Yeroo hundas kan jedhu dubartoonni koorniyaa isaanitiin osoo hintaane, dandeettii isaanitiin osoo madaalamaniii,'' jechuun muxannoo sheerra ka'un ergaa dabarsiti.
Akkasumas namni tokko sadarkaa tokkorra gahuuf abjuu qabaatee cimee hojjannaan kan hinqaqabamne akka hinjirre dubbatti. 'kaayyoo qabaannaan kan hinqaqabamne hinjiru' jette jirti.














