Kubbaa Miilaa Dubartoota Addunyaa: Guddina Kubbaa miilaa dubartootaa

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaan miilaa Dubartootaa Addunyaa Jimaata Fraansitti kan eegalamu yoo ta'u, dorgommii hawwataa ta'as jedhamee abdatameera.
Erga dorgommiin kun bara 1991tti eegalamee as, gama daldalaa, teknikaa fi aadaan barbaadamummaa kubbaa miilaa dubartootaa daran dabalaa jira. Haata'u malee adda addummaan saalaa bu'uureffate wanta amallee xiyyeefannoo barbaadu.
Dhimmota gurguddaa jahatu dorgommiin kubbaa miilaa dubartootaa guddachaa jiraachuu mul'isa.
Dhaggeeffatootaa fi dowwattoonni dabaluu
Waggaa afur dura dorgommii waancaa kubbaa miilaa dubartoota Kaandataatti qophaayee ture namoota miliyoona 1.35 ta'aniitu taphoota hunda(52) bahee dowwatte.
Baranas FiFa'n baayina walfakkaatu ykn kan caalu Fraansitt eegaa kan jiru yoo ta'u, karaa foddaa TV kanneen waggaa afur dura dowwatan miliyoona 750 garuu hedduu akka caalu abdatu.
Bara 1995, yeroo dorgommichi Noroweedhaan keessummeefameetti, jiddu galaan namoota 4,500 qofaatuu tapha tokko ilaala ture; kana jechuunis walumaagalatti namoota 112,000 qofatu taphoota hunda hordofe. Kana malees tamsaafni karaa TV tiin taasifameef baayyee gadaan akka ture himama.

Madda suuraa, Getty Images
Xumura huccuuwwan dorgommii dhiirotaaf bocamanii fayyadamuu
Dorgommiin waancaa kubbaa miilaa dubartootaa Addunyaa bara kanaa taphaattootni yeroo jalqabaaf uffannaa warra dhiiraaf bocamee dhiisuun addatti kan isaaniif bocameen yeroo duraatiif dorgomsiisa.
Kanaafis fakkeenyi tokko waan Nike hojjeteedha. Nike gareewwan dorgommi kanarratti hirmatan 24 keessa 14'f ispoonsar ta'eera.
Gareewwan kan keessas injifattuun waancichaa yeroo sadii US, qopheesituun sirnichaa Fraans, akkasumas Nezerlaands fi Braaziil ni argamu.
Gareewwan qorannoo fi qophii dizaayinaatti jiran fedhiiwwan dubarootaa kanneen akka salphaatti rifeensa ofirraa huccuu jijiirachuu fi qumxaa kan baayyee hin gabaabbannee yookin sochii kan hin daangessine akka ta'uuf xiyyeeffannoo keessa galchaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Walqixxummaan dhibuus kaffaltiin dabalaa jiraachuu
Kubbaan miilaa dubartootaa baayina dowwattootaa fi kanfaltiin kan warra dhiiraatiin qixxee hin jiru. Taphattuun kubbaa miilaa lammii Norweey mindaa waggaatti gara doolaara kuma 450 argachuun taphattuu galii guddaa argatuudha.
Kunis kan Liyooneel Meesiin argatuun marroo 325'n gadaanaa akka ta'e qorannoon waggaa barruu kubbaa miilaa Fraans gabaaseera.
Taphaattoonni Awustiraaliyaa dhimma kanfaltii kana ilaalchisee FiFa tti yoo iyyatan, miseensoonni garee kubbaa miilaa dubartootaa USA's Waldaa Kubbaa Miilaa biyya isaanii himataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Leenjistoota Dubartootaa
Qaamni Kubbaa Miilaa Awrooppaa hoogganu akka jedhutti Awrooppaa keessatti hojiin leenjii kubbaa miilaa dubartootaa 80% dhiirotaan qabamee jira.
Akkasumas heeyyamni leenjiisuu %79 ta'u kan dhiiraan qabameedha.
Haa ta'u malee faallaa kanaa, gareewwan dorgommii Kubbaa miilaa Dubartootaa Addunyaa alanaarratti hirmatan 24 keessaa Jarmaniifi Ameerikaa dabalatee biyyoonni saddeet, leenjiftoota dubartootaa qabu.

Madda suuraa, Getty Images
Shamarranii fi Dubartoonni baayyeen fedha taphachuu qabu
Fifa'n dubartoonni fi shamarran miliyoona 30 ol addunyaa gutuutti kubbaa miilaa akka taphatan tilmaama. Akkasumas lakkoofsi taphattoota haaraa waggoota 10 keessatti parsantaa 15n dabaleera.
Garuu lakkoofsi kunis waliigala addunyaa keessaa %10 gadiidha.
Taphattoonni kubbaa miilaa dubartootaa irra jireessi isaanii Ameerikaa ykn Kaanadaa keessatti heddummachuun isaanii dorgommiin alanaa kun keessattu bakka taphattoonni dubaraa kuma 250 hin caalle keessatti aragaman akka Ameerikaa Kibbaa keessatti dadamaqina ni uuma jedhamee eegama.

Madda suuraa, Getty Images
Dirreen xabaa caalatti sirrataadha
Ameerikaan mo'icha isaanii sadan duraa fi meedaaloota warqee Olompikaa qabduun giiftii kubbaa miilaa dubartootaa ta'uu malti. Dirreen kubbaa miilaa bara kanaas kan dur caalaa mijate fakkaata.
Fraans taphattoota hedduu garee chaampiyoonsi liigii awrooppaa si'a afur tartiibaan injifatee keessaa filatteen gargaaramuun dorgommii kana injifachuu malti jedhamee eegam.














