''Biraaziil biyya kubbaa miilaa taatus kan baay'inaan taphatu dhiirota qofa''

Ibsa waa'ee viidiyoo, ''Biraaziil biyya kubbaa miilaa taatus kan baay'inaan taphatu dhiirota qofa''

Biraaziil taphattoota ciccimoo jaalattonni kubbaa miilaa hin daganne hedduu adduunyaa kanaaf gumaachitee jirti, ammas urjiiwwan hedduun biyya sanarraa ba'aa jiru. Dubartoonni kubbaa miilaa taphachuuf hin ta'ani jedhamuun waggoota hedduuf dhorkamanii akka turan garuu namni hedduun hin beeku.