Icciitii milkaa'inaa dubartoota dureeyyii Ameerikaa

Rihanna

Madda suuraa, Kevin Mazur

Ibsa waa'ee suuraa, Sirbituu beekamtuu Rihanna

Barruun maqaa dureeyyota addunyaa taresseeuun beekamu dubartoota Ameerikaa 80 ta'an ofiin qabeenya horatan ifa godheera.

Dubartoonni kunneen ofumaan maqaa gaarii kan hortaniifi qabeenyaan milkaa'anidha.

Dubartoota baayyee sooreyyii ta'aniifi industiriiwwan isaan keessatti qabeenya horatan ilaalleerra.

Wantoota miidhaginaaf oolan(cosmotics) mala ittiin maallaqa horatan

Kylie Jenner shammeerraa umuriin ijoollee tarree dureeyyotaa keessa jirtudha

Madda suuraa, Getty Images

Yoo duroomuu barbaaddan hojiifi daldala meeshaa miidhaginaa keessa galuu qabdu. Industirii meeshaa miidhaginaafi kunuunsa gogaa dubartoota keessatti hirmaachuun dubartoota gara miliyeenaraafi biliyeenarummaatti guddatan 10 ta'u.

Isin ajaa'ibuu danda'a, dubartiin amma akka barruu Forbes kanatti hojii omishaa fi gurgurtaa wantoota miidhaginaaf oolaniin duroomte kun garuu Kiilee Jeener miti, dubartii dhalootaan Rumaaniyaa taate Anastaasiyaa So'aareedha malee.

Dhaabbata miidhaginaa maqaan isaa Anastasia Beverly Hills jedhamu qabdi. Dubartiin bara 1989 gara Loos Anjalas deemtee bara 2000'tti ammoo omisha nyaara ijaa jalqabde.

Qabeenyi biraandii meeshaa miidhaginaa dubartii kanaa akka Forbes kaa'etti xiqqoo kan Kiilii Jeneer, Kiim Kaardaashinaan Westii (KKW)fi Fenty Beauty kan jedhamu kan Rihanna dursuun Dolaara Biliyoona 1.2 qaqqabeera.

Hudaa Kattaan

Madda suuraa, Huda Beauty

Ibsa waa'ee suuraa, Hudaa Kattaan

Hudaa Kattaanis tarree warra dureeyyii kana keessa jirti. Maatii Iraaqirraa dhalattee, Kittaan hojii faayinaansii keessa qacaramtee hojjettu dhiistee hojii artii miidhaginaa jalqabde. Bara 2013 keessa Huda Beauty kan jedhu hundeessuun akka ramaddii Forbes kaa'etti qabeenya Dolaara Miliyoona 610 qabdi.

Gaaffiifi deebii bara darbe BBC waliin taasisteen Hudaan, " Ani kaka'umsa maallaqa hordofuu hin qabu," jettee turte.

"Ani kaayyoofan as jira, ani kanan as jiru horii argachuudhaaf miti. Ani 'ooh yaa Rabbi' kun maallaqni hedduun kan irraa argatamu waan ta'eef mee isa yaa hojjennu kan jedhu nama deggeru miti."

Miliyeenaroonni biroon hojii meeshaa miidhaginaa keessatti hirmaachuun durooman lama ammoo warra qabeenyaan isaanii dhaabbata L'Oreal jedhamuun bitamedha.

Toni Ko'n biraandii meeshaa miidhaginaa ishee NYX bara 2014 keessa dolara miliyoona 500'tti gurgurteetti.

Duraan oduu dubbisuun kan beekamtu Jamie Kern Lima ammoo daldala meeshaa miidhaginaa qabdi ture. Booda garuu dhaaba L'Oreal jedhamu kanatti gurguruun dhaabuma itti gurgurte kanatti ammoo hoji-gaggeessituu taateetti.

Atileetota dubartoota Ameerikaa dureeyyii

Serenaa Williyaams

Madda suuraa, TPN

Teenisiidhaan kan ittiin qixxaatu kan hin jirre Sereenaa Wiliyaams dubartii ispoortiidhaan miliyeenara taatedha.

Forbes akkamitti akka Serenaan itti milkoofte gaafatamee: "Waggoota shan darban keessa hojii invastimantii akka haaratti jalqabaman 34 keessatti maqaa Sereenaatiin baasii Dolaara miliyoona 10 ta'uun hojjetameera.

"Uffatan kallattiin maamiltootaf dhiyaatu irratti baasii kanuma isheetiin bara 2018 jalqabdee itti milkoofteetti. Sereenaan Miami Dolphins fi UFC keessaas ga'ee qabdi."

"Hojii shirka daldalaa kudhanii ol kan qabduufi maallaqa hojji-gaggeessuu dachaa atileetota dubartootaa biroo kan ta'u Dolaara milyoona 89 qabdi."

Gurgurtaa faashinii

Ameerikaa keessatti maddi soorumaa dubartootaa meeshaalee miidhaginafi atileetiksii qofa miti. Faashiniinis madda badhaadhinaa dubartootaa biyyattiidha.

Doriis Fisher, kan jedhamtuufi umuriin ishee 87 taate gurgurtaa faashinaa bara 1969 abbaa warraa ishee waliin hundeeffatte jiinsii omishuun beekamteetti.

Kampaaniin kun yeroo ammaa qabeenya Dolaara Biliyoona 2 qaba.

Forever 21

Madda suuraa, SOPA Images

Dubartiin maqaan ishee Jin Sook Chang jedhamu ammoo faashina uffataa Forever 21 jedhamuun beekamti. Daldala faashinii kana waanuma xiqqaa Loos Anjalasitti ture kan jalqabde.

Yeroo ammaa gurgurtaan faashinii kun hojjetoota dhibba hedduutti lakkaa'aman dameewwan guutummaa adunyaarraa qabuuf qacareera.

Dubartiin Saaraa Bilakelii jedhamtu kan hundeeffattes akka ishee tarre dureeyyii dubartoota Ameerikaa keessa galtu taasiseera. Dubartiin kun duraan maashina faaksii manaa manatti dhiyeessuun gurgurti. Kampaaniin isheen amma qabdu Spanx jedhama.

Hojii kana maallaqa ka'umsaa Dolaara 5,000 qofaan akka jalqabde dubbatti.

Gaaffiifi deebii BBC waliin taasisteen akka jettutti: "Surree adii yeroon uffadhu uffata jalatti maala akkan uffadhu sirriitti hin beeku.

"Kanarraa ka'uun filannoowwan hedduu dubartoonni uffata jalatti uffatan akka qabaatan yaadeen uume."

Bilakeliin tarree dureeyyii Forbes kaa'e kanaan sadarkaa 23 irra yommuu teessu qabeenya Dolaara Biliyoona 1 qabdi.

TV fi muuziqaa

Biyoonsee

Madda suuraa, Larry Busacca

Ibsa waa'ee suuraa, Biyoonsee

Dubartoonni TV fi muuziqaa keessatti hirmaatanis Ameerikaa keessatti duroomaniiru. Isaan keessaa Talk Show kan akka Oprah Winfrey fi Ellen DeGeneres kan heeramu yommuu ta'u qabeenyi isaanii duraafi duubaan Dolaara biliyoona 2.6 fi Dolaara miliyoona 330 galmeessisaniiru.

Judy Sheindlin, ammoo TV showutiin Judge Judy jedhamuun qabeenya horachuu ibsuun, "bara 2012 kaastee Dolaara miliyoona 47 hortatteetti, jedha Forbes.

"Judge Judy kun yeroo ammaa kutaa 23 irra kan jiru yommuu ta'u, agarsiisa adda durummaan jaallatamaadha."

Addunyaa muuziqaarraa ammoo Madoonaa, Taylor Swift, Barbra Streisand fi Celine Dion kaasuun ni danda'ama. Dubartoonni kun akkuma Biyoonsee galiin muuziqaarraa argattu madda duroomaa isaanii ta'eeraaf.

Qabeenyi Biyoonsee yeroo ammaa Dolaara miliyoona 400 ta'eera.

Biyoonseen torbanuma kana abbaa warraa ishee Jay -Z waliin Biliyeeneroota Forebes akka addunyaatti tarreesse keessatti argamu.

Jaalallee baasuufi mana fincaanii haaromsuu

Whitney Wolfe Herd

Dubartoota ameerikaa ofumaan miliyeenera ta'an hunda keessaa, kan akka addatti heramuu dandeessu jirti. Yeroo ammaa tarree duraatti bahaa jirti.

Diane Hendricks hojii fiilmiifi meeshaaleen baaxiifi foddaa ABC Supply jedhamu qabdi. Qabeenya waliigalaa isheen qabdus Dolaara Biliyoona 7 ta'a.

Kun rabsaa meeshaa ijaarsaa baayyinan dhiyeessuun namoonni dhibbaan lakkaa'aman damee adda addaa dhaabbata kana jalatti hojjetanis biliyeenera ta'aniiru.

Dubartiin Whitney Wolfe Herd jedhamtu umuriin ishee 29 taate ammoo shammarree ijoollummaan duroomuudhaan lamaffaarratti tarreefamtedha.

Bara 2014 keessa appilikeeshinii ittiin jaalallee barbaaddatan Bumble jedhamu hundeeffatte.

Aadde Wolfe Herd yeroo ammaa qabeenyi ishee Dolaara miliyoona 290 kan qaqqabe yommuu ta'u, akka Forbes jedhutti appilikeeshiniin kun waggaatti galii Dolaara Miliyoona 175 argamsiisa. '

Suzy Batiz dubartii soorettii biroodha.

Dubartiin haadha qabeenyaa taate kun Teksaasirraa yommuu taate, maddi qabeenya Dolaara miliyoona 240 akka horattu ishee taasise meeshaalee boolii/mana fincaanii qulqulleessuuf oolan dhiyeessu Poo-Pourri jedhamudha.