Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa akka labsii yeroo muddamaa labsetti inni himame dogongora jedhe

Magaalaa Dirree Dhawaa, Karaa beekamaa Koonel gara Masjiidaattii geessu

Rakkoo nageenyaa dhalate furuuf komaand postiinis ta'e labsiin yeroo muddamaa hin hundoofne jedhe bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa.

Kantiibaan itti-aanaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Abdallaa Ahimad kan hundaa'e koree poolisiiti jedhaniiru.

Guyyoota muraasa dura kantiibaan magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Usmaan dhimmi kana irratti ibsa yeroo kennan garuu komaand Postiitu hundaa'e jedhani turan.

Miidiyaaleenis kanuma gabaasan. Haa ta'u malee, kantiibaan itti-aanaa magaalatti Obbo Abdallaa Ahmad dogongora jedhu.

''Dogongora. Komaand Postiin hin jiru. Ijooleen yeroo dabarsan Komaand Poostii jedhan malee miti''

Akka isaan jedhanitti rakkoon nageenyaa waan jiruf manni maree nageenyaa magaalatti marii taasise koree hundeesse.

Koree kana keessas poolisii magaalattin alatti miseensonni raayyaa ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa jiru.

Kunneen gandoota magaalatti saglan to'atu jedhaniiru.

''Guyyoota lamaan sadan jeequmsi yaalame jira,'' jedhan.

Lafaan walqabatee yaadi waldhabdeen uumamu jira jedhu ture kan jedhan Obbo Abdallaan, rakkoon kuni kan keessaati malee waldhabdee Oromiyaa fi Somaalee wal hin qabatu jechuun himu.

Koreen poolisii hundaa'e ummanni, keessumaa dargaggoonni waldhabdee bakkeewwan adda addaatti mudatu keessa akka hin seenne gochuuf akka tahe dubbatu.

Yoo mudatellee, akka hin burjaajofne akka yaadamee koreen hundaa'ee fi yeroo ammaa haalli nageenyaa magaalatti fooyyee qabaatus hin furamnee jedhu.