Itoophiyaatti ji'oota ja'an darban keessa balaa tiraafikaan lubbuun namoota 1,849 darbeera - Poolisii

Konkolaattota daandii magaalaa Finfinnee irratti

Madda suuraa, JOSE CENDON

Itoophiyaatti ji'oota ja'an darban keessa qofa balaan tiraafikaa 20,672 mudachuu Komishiniin Poolisii Federaalaa ibse.

Daarektoreetii to'annoo yakkaa Komishinichaatti, dameen balaa tiraafikaa fi raaga haala tiraafikaa kennu har'a feesbuukissaarrtti ibsa baaseen, ALI Adoolessa 1, 2012 irraa eegalee hanga Muddee 1, bara 2013tti qofa namoonni 1,849 balaa tiraafikaan du'aniiru.

Akka odeeffannoo kanaatti namoota lubbuunsaanii balaa tiraafikaan darbeen alatti namoonni 2,646 ta'an miidhaa cimaan, namoota 2565 irra ammoo miidhaa salphaan ga'eera.

Kana malees sababa balaa tiraafikaan qabeenyarra balaa ga'een qabeenyi maallaqa birrii miiliyoona 495, kuma 240 fi 473'tti tilmaamamu manca'eera.

Walitti bu'iinsa naannoo Tigraay keessatti uumameen walqabatee balaa tiraafikaa mudate irratti gabaasi isa qaqqabuu akka hin dandeenye kan ibse komishiniin poolisii federaalaa, gabaasi amma ba'e kun kan naannoo Tigraay osoo hin dabalatin ta'uus ibseera.

Balaa tiraafikaa ji'oota ja'an darban keessa biyyattii keessatti mudate keessaa 15,844 magaalaa Finfinnee keessatti yoo ta'u, balaa kanaan namoonni 192 du'aniiru, 846 garmalee miidhamaniiru, 512 irra ammoo miidhaa salphaatu ga'e.

Kominishinichi balaa tiraafikaa suukanneessaa lubbuu dhala namaa gaaga'e kanaaf sababa kan jedhe inni duraa naamusa konkolaachistootaati.

Ofirraa baasa oofuu fi lubbuu namaaf yaaduu dhabuu, hanqina dandeettii konkolaachisummaa, rakkoo dandeettii teeknikaa konkolaataan walqabatuufi rakkoo daandiis akka sababaatti eereera komishiniin kun.

Yeroo eeganii boolloo yeroosaa eeggate jijjiirrachuu dhabuu fi itti fayyadama daandiirratti hanqinni uummata lafoo bira jirus akka sababaatti eerameera.