Barattuu qaxalee dogongora ogeessaa aadaatiin qaamaa miidhamtee, hakima ta’uuf xiiqeffatte

Olii Abbishuu

Olii Abbishuu jedhamti. Dhalattee kan guddattee Godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaatti. Oliin dhalootaan lafeen ishee haphii/lallafaa waan ta’eef irra deddeebiin cabaa ture.

Ogeessi aadaa ammoo waan luqqeettuun ishee buqqa’e se’ee otoo harkisuu, dogongoraan luqqeettuun ishee miidhame. Sana booda ofdandeessee dhaabbachuu hin dandeenye.

“Barachuu garmaleen barbaada. Akka hiriyoota kootti bahee taphachuuyyuu baay’een barbaadan ture. Waantan cabuuf, akkan hin taphanne nan dhorkaman ture” jetti Olii Abbishuu barattuun daa’imummaa isheetiin qaama miidhamummaaf saaxilamte.

Olii Abbishuu qaama miidhamtummaa ijoollummaan ishee mudateef barnoota garmalee jaalattu hordofuun rakkisaa ture.

Kutaa 1 hanga 3ffaatti mana teessee barnoota ishee hordofaa turte.

Haalonni rakkisoo ta’an otoo ishee hin daangessiin amma Yunivarsiitii Jimmaatti barattuu fayyaa (medicine) waggaa arfaffaati.

Abjuu hakima ispeeshaalistii lafee ta’uun namoota rakkoo fayyaa ishee mudate qaban yaaluu akka qabdus himti.

Barattuu qaxalee kana rakkoo fayyaa maalitu mudate, akkamittis daa’imummaan qaama miidhamtuu taate, haala akkamii keessa dabartee baratte, fuulduratti maal ta’uu akka barbaadduu fi bu’aa bayii jireenya ishee BBC’tti himteetti.

Rakkoo fayyaa qaama miidhamtummaaf saaxile

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Akkuman dhaladheen, kan amma ilaalamee Osteogenesis imperfect (rakkoo lafee dhalootaan mudatu, kan salphaatti akka lafeen cabu ykn buqqa’u taasisu) yookaan ammoo Osteoporosis (sababa hir’ina albuudaatiin lallafuu fi haphachuu lafee) ta’uu danda’a jedhanii kan doktoroonni akka tilmaamaatti kaa’an” jechuun himti Oliin.

Sababa kanaaf lafeen ishee daa’imummaan cabaa akka ture kan kaastu Oliin, ogeessi ijoollummaan ishee yaales, lafeenshee haphii ta’uu maatii isheetti himee akka ture yaadatti.

“Waggaa sadii yeroon ta’u lafeen sarbaa cabee ture; ogeessi [ogeessi aadaa] luqqeettuu itti fakkaateetu buqqa’eera jedhee harkisaa ture. Sababa sanaaf dogongoraan luqqeettuunkoo buqqa’ee ture. Sababa sanaaf dhaabbadhee deemuu hin dandeenye ture.”

“Waggaa 2 hanga 12tti si’a 35 wayiitiif cabeera. Sababa sanaaf, lafeen luqqeettuukoo waan buqqa’eef dhaabbadhee deemuu hin dandeenye; kanaaf kiraanchiin [dhadhaabbata] fayyadameen socho’a” jechuun irra deddeebiin cabinsi lafee ishee mudataa turuu kaasti, barattuun barnoota fayyaa, Oliin.

Yaala ammayyaa fi haala maatii

Maatiin ishee qotee bulaadha. Baadiyyaa irraa magaala dhufanii, achiin Finfinneetti deddeebi’uun hopitaala Xiqur Ambassaatti [Leenca Gurraacha] yaalchisuu jalqabuu kaasuun haalli ture garuu ulfaataa turuu dubbatti kaasti Oliin.

Hospitaalichi beellama baay’ata ture kan jettu Oliin, maatiin ishee “Finfinnee bulanii deddeebi’uu gatii dadhabaniif” ishee yaalchisuu akka adda kutan himti.

Haalli dinagdee rakkisuu fi magaalaan Finfinnee walxaxaa ta’uun waan maatii ishee dadhabsiiseef yaalchisuu akka dhiisan, itti dabaluun dubbatti.

“Abbaankoo nama baay’ee cimaadha. Akkan akkas feel godhu [natti dhaga’amu] hin barbaadu. Dadhabinakoo hunda inni itti guuta. Daa’ima taanee, boqqoolloon yeroo dhahamu, daa’imman kan hafe [qarmii] guurratanii gurguratanii, uffataan bitachuutu jira.

''Ani ammoo isaan baay’een hawwan ture. Isa mana jiru fudhadhu naan jedha [abban ishee] ture. Ani ammoo hin barbaaduun ture. Kanaaf yeroo maasaa keessa deemu kan argu kiisii isaa keessa godhatee, galcheetu kuni kan keeti jedhee natti laata ture. Akka natti dhaga’amu hin barbaadu, waantota xixiqqoodhaaniyyuu jechuudha” jechuun Oliin hubannaa abbaanshee kaasti.

Akka barattuun kun himtutti, “Dura irraa ka’ee inni [abbaan ishee] barachuu baay’ee barbaada ture, haata’u malee sababa ijoollummaan haadhaaf abbaa isaa dhabeef barachuu hin dandeenye.”

Abbaan ishee sababa mana namaatti guddateef barachuu akka hin dandeenye kan kaastu Oliin, ilmaan baay’ee horuun hunduma isaanii barsiisee galmaan gahuunis karoora abbaa ishee akka ture, kanas ijoollumaa isaatti “ofiif waadaa galee ture,” jechuun kaayyoo fi kutannoo abbaashee ibsiti.

Obboleeyyan ishee 15 ta’an hunduu barnoota isaaniitiin bakka guddaa akka gahan kaasuun, obboloonnishee injinaroota, hakimootaa fi barsiisota yunivarsiitii ta’uus miira gammachuutiin dubbatti.

Olii Abbishuu

Fedhii barnootaa fi qormaata qaama miidhamtummaa

Kutaa 1ffaa akka yeroon hin galle kan yaadattu Oliin, “barachuu ammoo baay’een barbaadan ture. Miti barachuu akka hiriyoota kootti bahee taphachuuyyuu baay’een barbaadan ture. Waantan cabuuf, akkan hin taphanne nan dhorkaman ture” jechuun kaasti.

“Barachuu garmaleen barbaadan ture, garuu ammoo ‘tarii mana barnootaa yoo deemte achitti kuftii laata’ naan jedhu” jetti Oliin. Nageenya isheetiif daran yaadda’uu irraa kan ka’e yeroo raftu illee waan hin amanneef “cabdeetu rafaa jirtiimoo, fayyaa rafaa jirti” jedhanii akka ishee ilaalan yaadatti, barattuu qaxaleen kun.

“Garmalee waan sodaataniif akka ani baradhuyyuu hin barbaadan ture. Ani garmalee waanin barbaaduuf boo’eetani kutaa tokkoffaa kanin eegale; nan yaadadha.

''Maatiin kankoo anaaf yaaduu irraan kan ka’edha malee,” qaama miidhamummaa ishee karaa dabaatiin habatanii akka hin taane dubbatti, Oliin.

Namoonni naannoo garuu karaa dabaatiin waan ishee hubataniif, akka isheen “barachuu hin dandeenye” akka yaadan himti. Dabalataan, namoonni naannoo jiran abjuu ishee akka fallessan yaadatti.

Maatiin ishee akka baay’ee hubatan kan kaastu, Oliin aadaan hawaasni qaama miidhamaa tokkoof qabu garuu qormaata jabaa akka ture dubbatti.

“Osoo ati hin gaafatiin, heeyyama malee qarshii sitti kennu” kan jettu barattuun fayyaa kun bilisummaadhaan daandiirra deemuun illee akka ulfaatu himti.

Kutaa 1 hanga 3 otoo mana barumsaa hin deemiin mana teessee sadarkaa 1ffaa bahaa turte. Lafeen ishee salphaatti cabuuf, gargaarsa maatii isheetiin mana teessee barnoota hordofaa, barsiistuun ishee manatti qorumsa kennaafii, sadarkaa 1ffaa bahaa akka turte himti, Oliin.

Kutaa 4ffaa irraa eegaltee garuu haaluma rakkisaa ta’e keessatti mana barumsaatti deddeebi’uu kan eegalte Oliin, hanga 8ffaatti sadarkaa 1ffaa bahaa dhufte; kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti ammoo mana barumsaa bultii addaa Waldaa

Misooma Oromiyaatti baratte. Kutaa 10ffaatti barnoota gosa mara ‘A’ fidde. Kutaa 12ffaattis qabxii olaanaa fiduudhaan yunivarsiitii Jimmaatti barattuu fayyaa (medicine) waggaa 4ffaati.

Qorumsa qaama miidhamtummaa fi kutannoo

“Kutannoo, keessakee dhaggeeffachuu fi sagalee naannoo irraa dhaga’amu dhaggeeffachuu dhiisuu, waanti keessa keenyatti dhageenyu dhugaadha; waan ta’uu dandeenyu wayiidha” jette Oliin.

''Waantonni naannoo keenya jiran kan hin dandeessu jedhanii sodaachisaniin” olitti akka danda’amun jireenyakoo irraa bare” jechuun kaasti.

Akkanatti barnoota isheetti cimtuu taatus, “kolleejjii yoo baratte malee yunivarsiitii galuu hin dandeessu. Kanaaf, hanga kutaa 10tti barattee kolleejjii barachuun isheedhaaf dirqama” jedhanii otoo namoonni naannawaa maatii isheetti dubbatanii akka dhageesse yaadatti Oliin.

“Guyyaa sana garmalee boo’een ture. Ani hin danda’uu? jedheen yaadaa ture. Yunivarsiitii kana arguun fedha; yaa Waaqayyo na agarsiisi” jettee akka kadhatte himti.

Kutaa 6ffaatti, akka godinaatti qabxiin ishee olaanadha jedhamtee, carraa ji’a lamaaf Yunivarstii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa-ASTU’tti barachuu akka argatte yaadatti.

“Abbaankoo sitti ulfaata hin deemtu naan jedhee ture; animmoo gaaffii keessa kootti ka’eef deebii laachuu waanin fedhuuf deemuun qaban jedhe. Gaafan ilaalu akka jedhamu miti” jechuun barachuu akka dandeessu dhugeeffachuu himti.

Dubartii ta’uu biratti qaama miidhamtuu ta’uun qormaata dachaa ta’uu kan kaastu Oliin, “challenge [qormaanni] kamiyyuu kan kennamu akka dandeenyu waan barameefidha. Ani osoon akkas ta’ee uumamuudhaa baadhee tarii kutannoo akkasii hin qabun ta’a.” Kanaaf, qormaanni tokko “carraa dabalataa itti hojjechuu dandeenyudha” jechuun onnattee dubbatti.

“Karaa kanarra otoon darbuu baadhee, har’a wantoonni xixiqqoon na mudatan kamiyyuu abdii na kutachiisuu danda’u ta’a. Waantonni hunduu akka namooni nuun jedhan miti; isan hubadhe jireenya koorraa.

Rakkina kam keessattiyyuu kutannoo qabaannaan waanti hin ga’amne hin jiru” jetti barattuun kun. Erga achi deemteen booda “akka jedhamu miti, waanti hunduu ni danda’ama” kan jettu Oliin, carraa sanaan “gaaffiinkoo naa deebi’e” jechuun kaasti.

Abjuu hakima lafee ta’uu

“Ani daa’ma ta’ee gaafan deddeebi’ee cabu baay’een feel [natti dhaga’ama] godhan ture. maatii kankoon dhiphisaan ture, maafan hin fayyu? jedhee.

''Maafan mana yaalaa deemee hin fayyu jedhee gaaffii natti ta’aa ture, garmalee. Kanaaf, osoon kutaa tokkoyyuu hin galiin, doktora [hakima] ta’ee ofii kan koo yeroo ta’etti fayyisee, nama biroos kan wantoonni akkasii isaan mudate gargaaruu akkan danda’un yaadan ture.''

''Hamma gaafan guddachaa dhufus haaluma sanaan itti fufee, fuulduratti ispeeshaalistii lafee ta’ee, feeling [miira] kana itti miidhamee waanan beekuuf namoota karaa kanarra jiran akkan gargaaru abdiin qaba,” jechuun abjuu ishee egeree himti.