Badhaasa barattuu cimtuu OSA kan injifatte Obsituu Duubaa eenyu?

Dubartoonni Booranaa, ijoolleen horsiisee bulaa jajjabduun akka bahan fakkeenya ta'uufiin fedha jetti shamarree Obsituu Duuba.
Badhaasa barattuu cimtuu bara 2021 kan Waldaan qorannoo Oromoo(OSA) qopheesse kan injifatte shamarree Obsituu, bara kana yuunivarsiitii Haramayaa irraa seeraan qabxii olaanaan eebbifamte.
Shamarree Obsituun bu'aa bahii jireenyaa, muuxannoo fi mudannoo akkasumas dhimma badhaasa argatte irratti BBC waliin turtiin taasifte kunooti.

BBC: Eessatti dhalattee guddatte? Waa'ee ijoollummaa keetii nutti himi?
Obsituu: Ani Obsituu Duuba jedhama kanin dhaladhee guddadhe Boorana Yaaballootti. Barnoota kiyya hanga kutaa 12 achumattin baradhe. San booda yuunivarsiitii Haramaayaa muummee Seeraatin seene.
Turtii kiyya yuunivarsiitiinis qabxii 3.91 fiduudhaan qabxii olaanaadhaanin bara kana eebbifame. Amma ammoo Yunvarsiitichuma keessatti barsiisummaadhaan qacarameen jira.
BBC: Bara kana namoota OSAn badhaase keessaa gama barattuu cimtuutin situ moo'ate. Mee waan badhaasa kanaa nutti himi.
Obsituu: Waldaan qorannoo Oromoo OSA'n badhaasa sadii kenna. Gama barattuu/taa cimtuutiin badhaasa bara 2021 anatu injifate.
Akkaataan itti kadhaadhimame ammoo gaafan ani seeraan qabxii olaanaadhaan eebbifame suuraan kiyya miidiyaalee hawaasaa irratti guddoo naanna'aa ture.
Yuunivarsiitii Finfinnee irraa Dr. Firehiwoot Jabeessaa kan jedhaman isa arganii na iyyaafatanii piroofaayilii kiyya akkan qopheessu natti himan.
San booda karaa isheetiin kaadhimummaadhaan dhihaadhe. Piroofaayiliin kiyyas kan dorgomtoota biroo wajjin OSA'n erga ilaaleen booda ani injifachuu kiyya natti himame. Carraa Kanaan Dr. Firehiwootii fi Koree OSA galateefachuun barbaada.
Waltajjiin OSA waltajjii guddadha. Waltajjii namni gurguddaan irratti maqaan dhahamu. Waltajjii akkanaa irratti maqaan kiyya waamamuun gammachuu guddaa fi miira itti gaafatamummaa guddaa natti uume.

BBC: Amma qabxii olaanaa waan fiddeef yuunivarsiitii keessatti barsiisummaadhaan haftee jirta. Milkaa'ina gama barnootaa kana keessatti gufuuwwan akkamii keessa dabarte?
Obsituu: Ani yeroon sadarkaa lammaffaa baradhurraa kaasee barattuu cimtuun ture. Garuu rakkoon jiru namni yoo irra deddeebitee ciminakee sana itti fufsiiste malee sin amanu.
Yuunivarsiitii keessatti semisteera tokko qabxii olaanaa fiddee isa itti aanu yoo itti hin deebine namni waan biraa siin jedha. Cimina kiyya amansiisuuf jecha waggaa shanan kana itti cichaan ture.
Gufuu cimaan dubartoota mudatu rakkoo ilaalcha dogogoraa namoonni dubartootaaf qabanidha. Kana dubartoonni hojjetanii agarsiisanii amansiisuu qabu.
BBC: Kaayyoonkee gara fuula duraa maali?
Obsituu: Ani nama akkaadamikii ta'uun fedha. Waan barnootaa fi qorannoo irratti sirritti hojjechuu barbaada.
Ijoollee horsiisee bulaa onnachiisuun fedha. Yoo jabaatanii hojjetan milkaa'uu akka danda'an qabatamaan agarsiisuu fedha.
Ilaalchi namootaa, wantoonni namaaf guutamuu dhabuun, dubartii ta'uun milkaa'inarraa akka nama hin hambisne agarsiisuun fedha.
Keessumaa Ijoollee durbaa, Ijoollee Horsiisee bulaa guddoo jajjabeessuu, onnachiisuu fi gargaaruun fedha gara fuula duraatti.

Madda suuraa, Obsituu Duubaa
Dubartiin Booranaa, dubartiin Oromoo jajjabduun ana caaltu akka baatu karaa itti mul'isuun barbaada. Akka nama seera barateetti ammo leellistuu mirga namoomaallee ta'uu fedha.
BBC: Jireenya kee hanga ammaaa dhufte keessa namni fakkeenya godhatte jiraa?
Obsituu: Anaaf fakkeenyi kiyya harmee tiyya. Ammoo haadhi tiyya waan qofaa na guddisteef jecha akka namni kaan jedhuun olitti waan hundaan fakkeenya jabinaati anaaf.
Abbaa kiyya waliin hin guddanne. Mana keessatti gahee dhiiraa fi dubartii waan jedhamu beekaa hin guddanne.
Yoo korri waaamame namni mana keenyaa kora bahu haadha tiyya. Galii kan fidu waan cufa haadhuma tiyyatu tolcha.
Waan sana ilaalaa guddachuun suni ilaalcha dubartiin waan hunda ni dandeessi jedhu sammuu kiyya keessatti hambise.
Maalif yoo jette mana keenya keessatti wanti cufti dubra. Yoo waan alaatiin malanilleen. Saniif wanti dubartii ta'uuf nadhibu akka hin jirre ya baradhe.
Haadha tiyya akka maleen jaaladha. Isheen akka carraa ta'ee gaafa ani kutaa saddeet baradhu lubbuun ishee darbe. Isheen akkan waan hunda keessa darbu, akkan danda'u gootee naguddiste.
Ofiti amanamummaan kiyya kuni isheerraan baradhe. Amanamummaa gudda anarraa qabdi. Waan hunda akkan injifadhu amanamummaa guddaa narraa qabdi.
Akka isheen feetu suni har'a ta'ee osoo jiraattee argitee guddaan gammadaayyu. Garuu akka waaqi jedhetu tahe…(boo'icha).
BBC: Dhaamsa Dubartootaaf dhaamtu?
Obsituu: Ijoolleen durbaa waan cufa ni dandeessi. Wanti dhiira qofaa malee kan nuti hin dandeenye tokkoyyuu hin jiru. Akkanatti ofitti amanamummaan akka fuulduratti deemanin dhaamaf.















