Fooziyaa Jamaal: Haadha daa'imaa qabxii olaanaan Yunvarsiitii Odaa Bultum irraa waancaafi warqeen eebbifamte

Fooziyaan daa'ima ishee waliin guyyaa eebbaa

Madda suuraa, Fooziyaa Jamaal

Fooziyaa Jamaal Yunvarsiitii Odaa Bultum irraa bara kana dubartii qabxii baayyee olaanaa galmeessisuun eebbifamteedha. Gosa barnootaa Ikonoomiksiin kan eebbifamte Fooziyaan, koorsiiwwan fudhatte hundas 'A' galmeessisuun eebbifamte.

Tibba kana namoonni ishee beekanis ta'e seenaa ishee kana dhaga'an qabxii isheen turtiishee Yunvarsiitii kanatti galmeesifte tarreessuun baga gammadde jechuun dinqisiifannaa qabaniif miidiyaa hawaasaarratti hedduu qoodaa jiru.

Akka namoonni miidiyaa hawaasaarratti barreeffamee mul'atutti Fooziyaan walumaagala koorsiiwwan 38 fudhatte keessaa 31 A+ kan hafan torba ammoo A argachuun qabxii 4:00 fiduun xumurte.

Kennaan addaa qabdu ykn deeggarsi addaa taasifameef akka kana galmeessistuuf gargaare kun warra kaaniifillee fakkeenya ta'uu maal jechuun BBCn Fooziyaadhummaarraa iyyaafatee bareera.

Fooziyaa Jamaal qabxii boonsaa kana kan galmeessite itti-gaafatamummaa dachaa biraayyuu osoo qabduu akka ta'e BBCn iyyaafannaa kanaan hubateera.

"...waggaa tokko ulfaan, waggaa kaan ammoo hoosisaa barachuu.."

Turtiin yunvarsiitii boqonnaa jireenyaa namaa keessatti yeroo baayyee murteessaadha. Saatii dheeraa dubbisuu, pirojektiiwwan kennaman guyyaa isaa eeganii hojjetanii galchuu, dorgommii cimaa jiru mo'achuudhaaf humnaafi dandeettii ofii mara bakka itti obbaafatan yoo jedhan balifannaa hin ta'u.

Gama biraan ammoo bakka maatiirraa adda bahuun of danda'anii jireenya haaraa itti shaakalan ta'uun isaas umurii murteessaa keessa darbamudha. Keessumaa ammoo dhiibbaa dubartummaa hawaasa keessa jiruun shamarran yunvarsiitii seenan dhiibbaa dachaa mo'achuun dirqama itti ta'ayyu.

Fooziyaa Jamaal garuu itti-gaafatamummaa dachaa waliin dhiibbaa dachaa kana milkaa'ina kaaniif fakkeenya ta'uun keessa darbitee agarsiifteetti.

Godina Harargee Lixaa aanaa Boosee magaalaa Bookeetti kan dhalatte Fooziyaan, yeroo kutaa 11 barattu gaa'ila akka dhaabbatte dubbatti.

Turtii waggoota sadii yunvarsiitii keessatti dabarsite keessaayyiis waggaa tokko ulfa taatee, waggaa tokko ammoo daa'ima guddisaa baratte.

"Hojii kiyya jettee of amansiistee yoo jalqabde wanti hin danda'amne hin jiru. Anis ulfa ta'uun qabxii kiyyarratti dhiibbaa uumuu hin qabu jedheen cimee qo'adhe. Qorumsa ulfaa ta'uufi kan barnootaa, ergasiis daa'ima guddisaatii waanin yaade milkeeffadhe," jetti.

Ulfa ta'uun itti-gaafatamummaa dabalataa waan fideef sababa ulfaa fi daa'ima guddisuutiin qabxiin ishee akka gadi hin buune kan duraa caalaa dubbisaa turuus yaadatti.

Fooziyaa Jamaal abbaa manaasheefi daa'imashee waliin

Madda suuraa, Fooziyaa Jamaal

'Abbaan manaakoo nama addaati...'

Milkaa'ina namni tokko fuulduratti bahee ittiin mul'atu duuba yeroo hedduu namni namatti dhiyaatu tokko hin dhibu jedhama.

Keessumaa ammoo jireenya gaa'elaa ba'aa walii baadhachuun jiru keessatti, milkaa'ina tokkoo isaanii duuba isa kaanitu jiraachuun amanama.

Milkaa'ina ishee kana duubas deeggarsi abbaa manaashee daran olaanaa akka ture Fooziyaan dhugaa baatiif.

"Abbaan manaa kiyya dhugumaan nama addaati. Inni barumsa kiyyaaf hedduu xiyyeefannaa kenna. Akka waan isaaf jecha baradhuutti ilaala. Nacaalaayyuu isatu itti cinqama. Waan hundaanuu baayyee nagargaara. Inni bu'uura milkaa'ina kiyyati," jetti.

Fooziyaan turtii waggaa sadii Yunvarsiitii Odaa Bultum keessatti dabarsite kanaan qabxii olaanaa galmeessifteef waancaa lamaafi meedaaliyaa warqii badhaafamte.

'Maqaa daa'ima keenyaa Mooneet jenne'

Fooziyaan daa'ima ishee osoo barattuu deessee hoosisaa baratte Mooneetiin cinaachatti qabattee, waancaa lama harka bitaafi mirgaatti qabattee, madaaliyaa mormatti dirattee dirree barumsaarrattis mo'achuu ishee qabatamaan agarsiisteetti.

Karoorriikoo Waaqni nagargaaree waanin yaade waanin mo'adheefis daa'ima osoon yunvarsiitii baradhuu dahe tanaaf 'Mooneet' jennee moggaafnees jetti.

Fooziyaa Jamaal waancaa badhaafamte qabattee

Madda suuraa, Fooziyaa Jamaal

Dubartoonni milkaa'uuf kaayyoofi kutannoo qofa nubarbaachisa kan jetti Fooziyaan, ilaalchota duubatti hafoo dhiisnee karaa milkaa'inaa haa ilaallu jechuun dubartootaaf dhaamti.

"Waan tokko hin dandeenyu jennee of amansiisne taanaan, hin dandeenyu. Nan danda'a jettee amante taanaanis inuma dandeessa. Hojii kiyya, fiixa nan baha jettee hojjennaan dubartiin bakka nan gaha jette sanararraa wanti dhaabu hin jiru," jetti.

Fooziyaan yeroo ammaa achuma Yunvarsiitii Odaa Bultumitti barsiistuu ta'uun hojii jalqabdeetti.

Fuula duratti barnoota ishee daran guddisuufi beekumsa argatteen hawaasa tajaajiluudhaaf fedhii guddaa akka qabdus BBC'tti himteetti.