Nayimaa Tijjaanii: ''Bilbilaafi miidiyaa hawwaasaa fayyadamee hin beeku''

Barattuu Neyimaa Tijjaanii qabxii seensa yuunvarsiitii ol-aanaa fiduun Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa badhaasa yeroo fudhatte.

Madda suuraa, Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Barattuu Neyimaa Tijjaanii qabxii seensa yuunvarsiitii ol-aanaa fiduun Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa badhaasa yeroo fudhatte.

Qormaata seensa yuunvarsiitii bara kana qabxii ol-aanaa fiduun pirezidaantii naannoo Oromiyaa harkaa badhaasa kan fudhatte Nayimaa Tijjaanii, carraa barnoota iskoolaarshiippiis Kooriyaa Kibbaatti argatteetti.

Nayimaan qormaata fudhatte hundumaan 700 keessaa 638 fiduun qabxii ol-aanaa galmeessiste. Kun akka Oromiyaatti qabxii 1ffaa bara kana galmaa'edha.

Yeroo qabxiin seensa yuunvarsiitii gosoota barnootaa afuriin qofa murtaa'uu qaba jedhame ammoo 400 keessaa 346 galmeessuun akka shammarraniitti qabxii 1ffaa bara kana akka biyyaatti galmaa'e yoo tahu akka Oromiyaatti ammoo waliigalaan 2ffaa taate.

Qabxii ishee kanaanis mootummaan naannoo Oromiyaa galateeffatee badhaasa warqee giraama 21 fi laaptooppii badhaaseera.

Dabalataan carraa barnoota iskoolaarshiippii[ scholarship] Kooriyaa Kibbaatti argatteetti. Barnoota yaalii fayyaa ykn saayinsii medikaalaa qorachuuf akka kaayyoo qabdus turtii BBC waliin taasifteen himteetti.

Kaayyoo ofiitti cichuu, maatiif abboomamuufi barsiisota ofii kabajuun icciitii milkaa'ina barnootaati jette. BBC'n Neyimaa fi maatii ishee dubbiseera.

Nayimaa Tijaanii eenyu?

Nayimaa Tijjaanii maatii isheef mucaa jalqbaaa yoo taatu kan dhalattee guddatte godina Jimmaa aanaa Geeraa keessatti. Maatiin ishee, ishee waliin ijoollee sadii qabu.

Nayimaan barnoota kutaa tokkoo hanga 10tti sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa ala baatee akka hin beekneefi qabxii guddaa galmeessuuf hojjechaa akka turtes BBCtti himteetti.

Erga sadarkaa lammaffaa galtee ammoo mana barumsaa ishee irraa shammaran keessaas tahu akka mana barumsichaatti 1ffaa bahuun dorgomtuu cimtuu akka turte iyyaafanne.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaas qabxii 3.7 fiduun ture kan darbite.

Harmeen Nayimaa aadde Makkiyaan barsiiftuudha. Akkasuma abbaan ishee hojii mootummaa irra jiranis akka isheen sadarkaa kana irra geessuuf shoora ol-aanaa akka bahaa turan himan.

Kitaabota barbaachisoo bituufi yeroo gahaa kennuufiin akka barnoota ishee irratti qofa xiyyeeffattu gochaa turre jedhan aadde Makkiyaan.

''Bilbilaa fi miidiyaa hawwaasaa fayyadamee hin beeku''

Aadde Makkiyaan mucaan isaanii bilbilaa fi Miidiyaa hawwaasaa fayyadamtee hin beektu jedhan.

Isheenis nugaafattee hin beektu, akkasumas fedha isaa hin qabdu. Yoo firoota dubbisuu barbaaddes kanuma keenya nu harkaa fuutee bilbiltee duubisti malee takka bitneefi hin beeknu. Miidiyaa hawwaasaa ammoo ofuma ishee iyyuu fayyadamuuf fedha hin qabdu.'' jedhan.

Yeroo Neyimaa argachuuf bilbilaa turrettis badhaasa isheef qophaa'e fudhachuuf gara magaalaa Finfinnee deemtee akka jirtuufi argachuu akka hin dandeenye nutti himan aadde Makkiyaan.

Amma carraa barnootaa argattee gara Kooriyaa isa deemuuf jettu kana iyyuu sichi bilbila bituuf qophaa'aa jirra malee hin bitnee jedhan.

''Neeyimaan waa'ee kanaa gaafannaan itti amaneen fayyadamuu dhiise jette. Ani guyyaa daqiiqaa tokko iyyuu akkasumaan balleessuu hin barbaadu. Kaayyoon qaba. Halkan ammoo nan rafa, boqachuu waanan qabuuf.''

Kanaafuu miidiyaa hawwaasaa kana fayyadamees hin beeku, fedha isaas hin qabu jette.

Barattootni yeroo baay'ee akkamitti hanga yoonaa bilbila hin qabatiin jiraatta? Jedhanii yeroo natti kolfaa fi qoosaa turaniiru.

Yeroo boqonnaa

Ani yeroo boqonnaa koo maatiikoo waliin haasa'uun jaalladha. Hiriyyoota waliin magaala ykn bakka biraa deemee yerookoo dabarsee hin beeku jette Neeyimaan.

Qayyabannaa irra turtee yoo dadhabde habaaboo dhaabuu akka jaallatu BBCtti himte. Harmeen Neeyimaa aadde Makkiyaan mooraan isaanii habaaboo isheen dhaabaa turteen akka miidhagee jiru himan.

Neyimaan yeroo boqonnaatti televizhinii ilaaluufi qe'uma keessa turuun akka dabarsitu dubbatan.

Ani hiriyyootni koo mana barumsaatti amala hin taane keessa gaafa galanis gorseen deebisuuf yaala.

Yeroo isaanii bakka hin taanetti akka hin balleessineef yeroo baay'een gorsa malee dhiibbaa isaaniin ani gara isaaniitti hin fudhatamu jette.

Nayimaan ani altakka iyuu dhiirotaan gadi taha jedhee yaadee hin beeku jette. Mana barumsaa keessaattis dhiirotatu ana caaluuf dorgomaa ture. Anis isaan caaluufan dorgomaa ture. Kanaanis qabxii guddaa galmeessee mirkaneesseera jette.

Harmeen Neyimaa aadde Makkiyaan mucaan isaanii manaa baatee waan hin beekneef biyya alaatti carraa barnootaa argatte jechuu yommuun dhagahe baay'een boo'e jedhan.

Ijoolluummaa qabdi. Isa irratti ammoo manaa baatee waan hin beekneef baay'een yaadda'e jedhan.

Nayimaan ammoo silas akkan maatiikoo biratti hin hafne waanan beekuuf qormaata jiruu fi dorgommii na mudatuuf of qopheessera jette.

Qormaatni biyyaalessaa seensa yunvarsiitii yeroo ibsamu dogogora godhachuu isaa irraa kan ka'e koreen hundaa'ee akka sirrattu taasifamuun isaa ni yaadatama.

Dabalataan qormaatni gara boodaa kenname hatameera jedhamuun gosoota barnootaa afur jalqaba kennaman qofa ida'achuun akka fudhatamus murtaa'e.