Waa'ee Misaa'ela balistikii Iraan daqiiqaa torba keessatti Israa'el ga'a jedhamu beektuu?

Madda suuraa, AP
Waraana dhiheenya kana Israa'elii fi Iraan gidduutti taasifame hordofee dandeettiin waraanaa fi meshaalee waraanaa biyyoota lamaanii hangi tokko kan itti mul'ateedha.
Iraan haleellaa Israa'el haaloo ba'uuf Misaa'ela balistikii fageenya giddu galeessaa Sajjil-2 jedhamu irra deddeebiin akka fayyadamte himteetti.
Haa ta'u malee, Israa'el waraanni ishee misaa'ela Sajjiil kana addaan kutuun gargaarsa sirna ittisaa isheen miidhaa irra gahuu danda'u hanga tokko ofirraa ittisuu danda'uu ishee himti
Waraanni sun amma dahaabatus , misaa'elli kun humna Iraan keessatti hangam barbaachisaa akka ta'e mul'ateera.
Ibsi Eegdota Warraaqsa Iraan Sajjiil meeshaalee tarsiimoo Iraan ciccimoo fi sirrii ta'an keessaa tokko ta'uu fi bakka diinaa ijoo ta'e barbadeessuu kan danda'u ta'uu hima.
Sajjil misaa'ela balistikii fageenya giddu galeessaa hanga kiiloo meetira kuma 2 ga'uu danda'uudha.
Fageenya giddu galeessaa kana keessatti misaa'elli kun yoo Iraan irraa furguggifame Israa'el, kibba baha Awurooppaa fi kutaalee Giddugaleessa Eeshiyaa dabalatee guutummaa Baha Giddugaleessaa qaqqabuu danda'a.
Magaalaa Iraan Naatanzi irraa yoo furguggifame ammoo daqiiqaa torba qofa keessatti Israa'el Tel Aviv gahuu akka danda'u himamaafi.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Misaa'elli Sajjil dheerinni isaa gara meetira 18 yoo ta'u, boba'aa dhangalaa'aa utuu hin taane jabaa fayyadama.
Kunis misaa'ela gosa boba'aa barame biroo fayyadaman caalaa hamaa akka ta'e kan taasisuudha.
Boba'aa jabaa fayyadamuu isaatiin saffisaan furguggifamuu kan danda'uu fi dandeettii dho'iinsa jabaa fi bakka irratti xiyyeefatame haleeluu danda'uu qaba.
Misaa'elli kun mataa isaa irratti meeshaadhuka'aa gara kiiloo giraama 700 ulfaatu baachuu kan danda'u yoo ta'u, kanarraa kan ka'e bakka itti akeekame irratti dandeettii barbadeessu olaanaa qaba.
Yaaliin milkaa'aan jalqabaa misaa'ela kanaa bara 2008 kan raawwatame yoo ta'u, yaalii sana keessatti fageenya kiiloo meetira 800 uwwiseera. Yaaliin isaa inni lammaffaan ammoo Caamsaa bara 2009 kan raawwatame yoo ta'u, teeknooloojii sadarkaa olaanaa fi sirna dhoo'iinsaa guddaa itti yaaluun danda'ame akka ta'etti ibsama.
Akka Giddu-galli Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa jedhutti, "Misaa'ela Sajjil' gosootni hedduu jiraachuu malu.
Bara 2009tti Iraan misaa'ela Sajjil 2 jedhamu yaaltee turte. Gabaasni hin mirkanoofne akka agarsiisutti Sajjil 3 kana caalaa guddaaa fi balaafamaa ta'edha.
Sajil 3 misaa'ela sadarkaa sadii qabuu fi fageenya hanga kiiloo meetira 4,000 tti haleellaa geessisuu danda'uudha.
Iraan bara 2012 irraa eegalee misaa'ela Sajjiil ifatti hin yaalle, garuu waggoota kurnan booda bara 2021 shaakala waraanaa irratti mul'ifte.
Akka Dhaabbanni Nagaa Ameerikaatti argamu jedhutti, Iraan kuusaa misaa'ela balistikii Baha Giddugaleessaa keessatti baay'ee fi gosa adda addaa qabdi.
Kanaanis biyya meeshaa waraanaa niwukilaraa oomishuuf yaalaa jirtuu fi misaa'eloota balistikii fageenya garaagaraa qabdudha.

Madda suuraa, Getty Images
Teeknooloojiin balistikii yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa kan hojjetame yoo ta'u, biyyoonni addunyaa muraasni qofti dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun misaa'ela balistikii mataa isaanii oomishuu qabu.
Iraan qoqqobbii cimaan idil-addunyaa irra kaa'amus waggoota kurnan lamaan darban keessa teeknooloojii kana argachuun misaa'ela balistikii oomishtee jirti.
Iraan yeroo ammaa gosoota rookkeettii, misaa'ela balistikii,akkasumas diroonii waraanaa kan oomishtu yoo ta'u, isaan keessaa muraasni waldhabdee idil-addunyaa kan akka waraana Raashiyaa fi Yukireen gidduutti raawwatame keessatti kan itti fayyadaman ta'uun ibsameera.
Iraan misaa'eloota ammayyaa haaypersoonikta'anii fi saffisa olaanaa qaban biroollee qabdi. Kana malees misaa'ela 'Fatah' jedhamu yeroo jalqabaaf misaa'ela haaypersoonikii gosa balistikii fi kiruuziin jedhaman oomishtetti.
Misaa'elli 'Al-Fath' haaypersoonikii fageenya kiiloo meetira 1,400 kan qabu yoo ta'u, sirna ittisa misaa'elaa hunda miliqee haleellaa raawwachuu kan danda'uudha












