Iraan waligaltee oomisha Nikulara dhorku keessaa yoo baate maaltu ta'a?

Madda suuraa, AP
Yeroo dhimmi gabbisa Nikuleraa Iraan dhimma ijoo addunyaa ta'ee fi mariin dhimma kanaa irratti taasafamu milkaa'aa hin jirretti tarii Iraan tarkaanfii biraa fudhachuu dandeessi kan jedhu eegamaa jira.
Innis Iraan Waliigaltee Nikulara Gabbisuu Dhiisuu (Non-Proliferation Treaty) keessaa bahuu ishee labsuu dandeessi kan jedhuudha.
Waligalticha keessa bahuun ishee dhorkiinsa seeraa Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin qabannee fi Iraan hordoffii eegumsa idil-addunyaa akka fudhattu dirqisiisu hambisa.
Iraan NPT keessaa bahuuf yeroo heddu kan doorsisaa turte yoo ta'u, yoo dubbiin kun hamaate tarkaanfiiwwan muraasa Iraan qabdu keessaa isa tokko dha.
Kun tarii dandeettii niwukilaraa Iraan gara boombii nikuleraa omishu ijaaruuf ishee dandeessisuuf haala mijeessuu danda'a.
Sabani isaa Tehran to'annoo idil-addunyaa malee meeshaa niwukilaraa hojjechuuf akka itti fayyadamtu kan dandeessisu waan ta'eef.
Haleellaa tibbana Ameerikaa fi Israa'el buufataalee Nikuleraa ishee irratti rawwataniin sagantaan Gabbisa Nikuleraa Iraan akkan miidhamuu gabaasaleen ba'aa turaniiru. Iraanis kana amanteerti.
Garuu ammallee bakkeewwaan dhoksaa gabbisa nikuleraa lafa jalaa qabaachuu ykn haleellaa san dura hanga murtaa'e miliqsuu akka hin oollee shakkiin jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fakkeenyaaf gaafa Waxabajjii 13 Israa'el haleellaa gaggeessite sana Iraan meeshaalee nikularaashee oolchuuf jecha "tarkaanfii addaa akka fudhattu" IAEA beeksisuushee gabaafamaa ture.
UNtti gaggeessaa Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) kan ta'an Raafaa'eel Giroosii akka jedhanitti Iraan yuraaniyeemii gabbiste haleellan jalqabaa akkuma gaggeeffameen bakkichaa miliqsuu akka maltu dubbatan.
Gabaasa IAEA waa'ee gabbisa yuraaniyeemii Iraan ilaalchisee basuun hanga yeroo dhiyootti yoo xiqqaate siliindaroota salphaatti geejjibsiifamuu danda'an keessatti kuufame akka jire ibsee ture.
Haa ta'uu malee yeroo kana waliigalticha keessaa bahuun Iraan balaa qoqqobbii dinagdee cimaa geessisuu akka malu xiinxalu.
Mormitoonni Iraan NPT keessaa bahuun ishee akka waan meeshaa niwukilaraa labsuu wajjin wal gitutti ilaalu.
Kana malees yeroo dhiyootti NPT keessaa ba'uu waraana Israa'elii fi Ameerikaa itti jabeessuu danda'aa yaadoon jedhuf jira.
muraasaan hammachuu waraanaa balaadhaaf saaxiluu danda'a, haa ta'u malee sakatta'iinsa IAEA xumuruun iftoominaa fi saaxilamummaa sagantaa niwukilaraa irra deebiin ijaarame hir'isa.
Iraan waligaltee kana yoom raawwatte?

Madda suuraa, Tasnim
Iraan bara 1968tti Waliigaltee Nikulara Gabbisuu Dhiisuu (Non-Proliferation Treaty) kan mallatteessite yoo ta'u, bara 1970tti waliigalteen kun hojiirra yeroo oolu qaamolee ishee jalqabaa keessaa tokko taate.
Akka biyya meeshaa niwukilaraa hin qabneetti Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin qabaannee fi meeshaa niwukilaraa oomishuu ishee dhorku mallatteesiteetti
Kanaaf akka waligaltee NPTtti, Iraan sochii niwukilaraa nagaa ishee hundi eegumsa, hordoffii fi sakatta'iinsa idil-addunyaa Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) fudhachuunis dirqama.
Kanaaf ammoo Iraan bara 1974tti IAEA waliin waliigaltee eegumsaa bal'aa raawwatteetti.
Boordiin Bulchitoota IAEA yeroo lama Iraan waliigaltee eegumsaa ishee akka hin kabajne ibsuun amma eyyamameefin olitti yuraaniyeemii Nikulara ta'u gabbisaa akka jirtu ibse.
Yoo Iraan NPT keessaa baate, egaa, ogeeyyiin IAEA bu'uura seeraa ittin dhaabbilee niwukilaraa Iraan sakatta'an dhabu.
Haleellaa Ameerikaa fi Israa'eel booda tarkaanfiin waliigaltee diiguu Iraan fi Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) hammataa jiraa.
Kana jechuun Ejansichi hordoffii sagantaa niwukilaraa Iraan irratti qabu irratti danqaa uuma.Hojii hordoffii, odeeffannoo walitti qabuu fi gabaasa baasuu hojjettoota IAEA Iraan keessatti raawwatan ni daangessa.
Hordoffii IAEA malee addunyaan dandeettii niwukilaraa Iraan hordofuuf mala idil-addunyaatti beekamtii qabu tokkicha dhabdi turte.
Garuu murteen kun seera ta'uu isaa dura Mana Maree Iraanin kan raggaasifamuu qabu ta'us , ejjennoo Iraan sagantaa niwukilaraa ishee irratti qabdu caalaatti kan mul'isu ta'uutu eerama.
Af Yaa'iin paarlaamaa biyyatti Iraan Ebrahim Rezi akka jedhanitti, tarkaanfiin kun kan fudhatame Iraan ''sirna siyaasaan guutame'' irraa walabummaa ishee cimsuuf jedhan
Waggoota darban keessa qondaaltonni Iraan NPT keessaa bahuu akka danda'an ibsa hedduu kennaniiru. Bara 2018 barreessaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ol'aanaa Iraan Tiraamp waliigaltee niwukilaraa bara 2015 jijjiiruuf ykn haquun filannoo Iraan keessaa tokko ta'uu dubbataniiru.Kan malees yeroo adda addatti Iraan NPT keessaa baa'uuf wixinee seeraa qopheessaa akka jirtu doorsissaa turte.
Waliigalticha keessaa bahuu seerri hayyamu jiraa?
Keewwatni NPT waliigaltee kana keessaa bahuu kan hayyamu yoo gareen tokko "taateewwan addaa, dhimma Waliigaltee kanaa wajjin walqabatan, dantaa olaanaa biyya isaa balaadhaaf saaxiluu isaanii yoo murteesse."jedhe. Kana gochuufis, ibsa "taateewwan adda ta'an" sanaa dabalatee, Dhaabbilee NPT kanneen biroo hundaaf akkasumas Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif beeksisa ji'a sadii dursee kennuu akka qabu.
Dhimma Iraan irratti, "taateewwan adda ta'an" ifa waan ta'aniif gaaffiiwwan akkasii ka'uun isaanii hin oolu.

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbanni IAEA waggoota 20f sagantaa niwukilaraa Iraan hordofuu keessatti gahee olaanaa taphateera.
Bara 2015tti Iraan sagantaa ishee irratti garee biyyoota jaha - Ameerikaa, Raashiyaa, Faransaay, Biriteen, Chaayinaa fi Jarmanii waliin waliigaltee uumuuf walii galte.
Waliigaltee kanaan Iraan hamma Yuuraaniyeemii gabbisu qabdu hir'isuu fi kareen dhimmicha akka sakatta'an hayyamuuf walii galtee jirti, kunis qoqqobbii Iraan irratti kaa'ame akka kaafamu taasiseera.
Bara 2018 Doonaald Tiraamp Ameerikaa waliigaltee kana keessaa baasuun Iraanirra deebi'ee qoqqobbiin akka kaa'amu taasise. Sana booda Iraan tumaalee waliigaltee kam qeequu eegalte.
Achis hamma yuuraaniyeemii gabbisuuf eeyyamamee cabsuu dandeettii ogeeyyii hojii isaa sakatta'uu hir'isuu, kaameraawwan IAEA naannawa buufata ishee jiranis dhabamsiisuu itti fufte.
IAEA'n aangoo daangeffameen hordoffii taasisuus, garuu akka duraanii guutummaatti miti, kunis kan raawwatame Iraan Waliigaltee NPT keessa waan turteef qofadha.
Rakkoo walitti bu'iinsa Israa'elii fi Iraan utuu hin muudatiin dhabbatichi Iraan hanga yunaaniyeemii gabbisuu qabdu bira darbuun gara oomisha nikuleratti deema akka jirtu himate
Waxabajjii 12, 2024 Boordiin Bulchitoota IAEA ibsa baaseen Iraan ogeeyyi dhaabbilee nikuleraa ishee sakatta'an akka hin seenne dhorkuudhaan waliigaltee NPT kabajuu dhabuu ishee fi hamma yuuraaniyeemii ishee dhoksuun ibsa baase.
Biyyoota 35 boordii bulchitoota IAEA keessa jiran keessaa 19 - Biriteen, Faransaayii fi Jarman dabalatee - murtee kana kan deeggaran yoo ta'u, Raashiyaa fi Chaayinaa dabalatee sagalee hin kennine.
Kanaaf Iraan qunnamtii IAEA waliin qabu hunda haqe hawaasni addunyaa odeeffannoo idilee sagantaa biyyattii irraa argatu ni dhabas jedhan
Dippilomaatonni biyyoota dhihaa erga Kooriyaa Kaabaa bara 2003 booda yeroo jalqabaaf dhaabbaticha keessaa bahuun Nikulara oomishtee, biyyootni kaanillee waligalticha keessaa b ahuun Omisha Nikulera hordofsiisa jechuun yaaddoo qaban ibsu












