Iraan yuraaniyeemii gabbiste iddoo biraatti geessuu ragaan agarsiisu hin jiru - Waraanaa US

Ministira Ittisaa Pete Hegseth fi Hoogganaa Humna Qilleensaa Daan Keeyin, Waxabajjii 26, 2025 Pentaagonitti wayita ibsa kennan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Ittisaa Pete Hegseth fi Hoogganaa Humna Qilleensaa Daan Keeyin, Waxabajjii 26, 2025 Pentaagonitti wayita ibsa kennan

Ministirri Ittisaa US Piit Hegiseez waa'ee haleella buufataalee nukilaraa Iraan irratti biyyisaanii raawwattee fi Iraan dursitee yuraaniyeemii gabbiste jalaa dhoksuurratti ibsa kennaniiru.

Iraan yuraaniyemii gabbiste haleellaa US jalaa miliqsite odeeffannoon jedhu damee tikaa fi basaasaa irraa akka isaan hin geenye ibsan.

Humni waraanaa US haleellaan biyyattiin buufataalee gabbisa nukilaraa Iraan irratti raawwatte hangam akka miidhe irra deddeebiin gaafatamaa jira.

US boombii balaafamaa GBU 57 ykn maqaa Massive Ordinance Penetrator (MOP) jedhamuunis beekamuun buufataalee nukilaraa Iraan sadi haleelte.

Haleellaan kanaan miidhaan hangamii akka qaqqabee fi sagantaa nukilaraa Iraan hangam takka duubatti akka deebisu baruuf ammmallee bu'aan qorannoo eegamaa jira.

Pirezidant Doonaald Tiraamp buufataaleen kunneen guutummaatti barbadaa'uun akka hin jirre ta'aniiru jechuun, kunis milkaa'ina jechuun ittiindhaadataa turan.

Ministirri Ittisaa Pete Hegseth Pentaagonitti wayita ibsa kennan akkas jechuun aariidhaan dubbatan: ''damee tikaa fi basaasaa an gabaasa irraa argadhe irraa wantoonni jedhaman kunneen bakka silaa jiraachuu qaban akka hin turre, ykn bakka biraatti geeffamuu waan jedhu hin arganne.''

Tiraamp wayita qondaalli humna waraanaa kun ibsa kennan erga dhaggeeffatanii booda yaada irratti kennaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waan tokko iddoodhaa kaasuuf ykn bakka itti jijjiiruuf yeroo dheeraa gaafata jedhan Tiraamp.

''Konkolaattonni fi meeshaaleen ijaarsaa namoonni konkiriitii hojjechaa turan itti fayyadaman bakka kana golguuf yaalaa turan. Wanti bakka kanaa sochoofame tokkollee hin turre,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social jedhamurratti barreessan.

Wantoota eeran kanarra kan darbe garuu ragaa ga'aa dhiheessan hin qaban Tiraamp.

Ogeeyyiin hedduun Iraan yuraaniyemii gabbifamee fi meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuutti dhihaate bakka lafa jalaa Fordo jedhamu keessaa baasuun bakka hin beekamne dhoksuu akka hin oolle dubbatan.

Suuraan saatalaayitii jaarmiyaa teeknooloojii Maxar jedhamuun kaafame Kamisaa fi Jimaata darbe ''sochiiwwan kanaan dura hin baratamne,'' naannawa Fordotti mul'achuu agarsiisan.

Iddoo wiirtuu gabbisa yuraaniyemii gaara keessa lafa jalatti ijaarame kana fuuldura isaa konkolaattota fe'umsaa fi kaan heddumminaan toora galanii turan.

Qondaalli gameessi Iraan tokko Rooyitarsitti akka himetti yuraaniyemiin gabbifamuun dhibbeentaa 60 irra ga'e gara iddoo ammaaf hin ibsamneetti geeffameera.

CIAn wiirtuuleen niwkilaraa Iraan 'akkaan miidhamaniiru' jedhe

Madda suuraa, MAXAR

Ibsa waa'ee suuraa, CIAn wiirtuuleen niwkilaraa Iraan 'akkaan miidhamaniiru' jedhe

Israa'elis ta'e Hogganaan CIA haleellaan isaan raawwataniin buufataaleen niwkilaaraa Iraan ''akkaan manca'eera'', kunis sagantaa niwkilaaraa biyyattii waggootaan duubatti deebisa jedhan.

Gama kaaniin wayita waraanni guyyoota 12f ture ija hawaasaa dura dhabamanii kan turan Hoogganaa Olaanaan Iraan Ayaatollaah Alii Kaameenii, erga dhukaasi dhaabbatee booda as ba'uun wayita ibsa kennan ''waraana kanaan injifannoon kan Iraani,'' jedhan.

Ameerikaan haleellaa raawwaterraa waan buufatte akka hin qabnes ibsan.

Oppireeshiniin Ameerikaa Sanbata darbe bu'uuraalee niwkilaaraa Iraan sadii irratti xiyyeefate xiyyaara waraanaa 125 fayyadamuun haleellaa raawwate.

Suuraaleen saatalaayitii balbala wiirtuu niwkilaaraa Fordoo birattii boolla ja'a agarsiisu, wiirtuu isa biraa Isfaahaan biratti akkasuma.

Tahus bu'uuraaleen niwkilaaraa lafa jala jiran barbadaa'uu waanti ifatti mul'isu hin jiru.

Gabaasni Peentaagan irraa gaafa Kibxataa miidiyaalee Ameerikaa bira gahe haleellaan kuni sagantaa niwkilaaraa Iraan ''ji'ootaan qofa boodatti deebisa,'' jedha.