Wiirtuuleen niwkilaraa Iraan 'akkaan miidhamaniiru' - CIA

Wiirtuu niwkilaaraa Iraan

Madda suuraa, Maxar

Hogganaan CIA haleellaan Ameerikaa bu'uuraalee niwkilaaraa Iraan ''akkaan mancaaseera'' kunis sagantaa niwkilaaraa biyyattii waggootaan duubatti deebisaa jedhan.

Tahus guyyoota darban keessa gabaasaaleen bahaa turan haleellaan Tiraamp mancaatii ''guddaa'' hin qaqqabasiisne jedhamuun pireezidanticha aarsaa turan.

Joon Raatkiliif daarektara dhaabbata basaasaa US yoo tahu wiirtuuleen niwkilaaraa manca'aniiru jechuun booda sagantaan niwkilaaraa Iraan barbadaa'eera ykn dhabamsiifameera jechuurraa garuu of qusateera.

Gabaasni Peentaagan irraa lohee bahe sagantaan niwkilaaraa Iraan haleellaa Ameerikaan booda caasaan bu'uuraasaa ''hin tuqamiin jira'' jechuun booda ibsi CIA kuni kan dhagahame.

Tiraamp garuu bu'uuraaleen niwkilaaraa Iraan ''barbadaa'aniiru'' jechuu itti fufaniiru.

Roobii kaleessaa pireezidantichi ''oduu sobaa,'' jechuun miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun ''miidiyaaleen sobaan dhugaa jiru jallisani gabaasu, waan tahe hin beekani,'' jedhan.

Hogganaan Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet fi qondaalonni waraanaa biroo gaafa Kamisaa ibsa ''mormuun hin danda'amne'' kennu kunis Kabaja Paayilatoota Ameerikaa eeguufi jedhan.

Iraaniifi Israa'el guyyaa waraanaa 12ffaa irratti dhukaasa dhaabuu Tiraamp labsan irratti waan cichani fakkaatu.

Tiraamp kora Nato Za Heeg'tti yoo hirmaatan ''haleellichi akka malee ture, barbadaa'eera,'' jechuun waa'ee haleellaa raawwatanii dubbatan.

Torbee dhufu haasaa Iraan wajjin taasisaniin biyyattiin sagantaa niwkilaaraashee akka dhaabdu akka gaafatan himamullee, Iraan marii akkanaaf beekamtii hin kennine.

Tahus Baha Gidduugalaatti ergamaan Ameerikaa Istiiv Wiitkoof biyyoota lameen gidduu mariin kallattiifi al-kallattii adeemsifamaa ture jedhan.

Raatkiliif nama Tiraampiin filaman yoo tahu CIA'n odeeffannoo ''maddeen seenaa keessatti amanamoofi sirrii tahan irraa argate, ''bu'uuraleen niwkilaaraa Iraan ijoo baayyee barbadaa'uufi waggaa muraasaa keessatti deebi'anii akka hin ijaaramne agarsiisu,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hoggantuun Tika Biyyaalessaa Ameerikaa Tuulsii Gaabaard barbaadaa'uu bu'uuraalee niwkilaaraa Iraan irratti Tiraamp deeggaruun dubbatte.

''Warri Iraan bu'uuralee niwkilaraa deebisanii ijaaruu barbaadu taanaan waggoota itti fudhata,'' jechuun X irratti barreesite.

Oppireeshiniin Ameerikaa Sanbata darbe bu'uuraalee niwkilaaraa Iraan sadii irratti xiyyeefate xiyyaara waraanaa 125 fayyadamuun haleellaa raawwate.

Suuraaleen saatalaayitii balbala wiirtuu niwkilaaraa Fordoo birattii boolla ja'a agarsiisu, wiirtuu isa biraa Isfaahaan biratti akkasuma. Tahus bu'uuraaleen niwkilaaraa lafa jala jiran barbadaa'uu waanti ifatti mul'isu hin jiru.

Gabaasni Peentaagan irraa gaafa Kibxataa miidiyaalee Ameerikaa bira gahe haleellaan kuni sagantaa niwkilaaraa Iraan ''ji'ootaan qofa boodatti deebisa,'' jedha.

Hogganaan Waraana Ittisaa Ameerikaa gabaasa kana ''ofitti amanuu dhabuurraan kan ba'e,'' jedhan.

Qondaaloti kaanis odeeffannoon dabalataa waan bahuuf jiruuf gabaasa kana of eeggannoon akka ilaalamu akeekan.

Ameerikaan ejansiiwwan basaasaa 18 kan qabdu yoo tahu yeroo garii gabaasa wal-faallessu baasuu danda'u.

UN'tti sagantaa niwkilaaraa kan qoratan Raafaa'el Giroosii yaada Roobii kaleessaa kennaniin Teehraan yeroo haleellaan irratti banamu yuraaniyeemii qabdu gara iddoo biraa geessiteetti jedhan.

Haa tahu malee dubbii himaan Ministeera Hajaa Alaa Iraan Ismaa'el Bahaayi, ''bu'uuraaleen niwkilaaraa keenya akka malee miidhameera, inni dhuguma,'' jedhus ibsa dabalataa garuu hin kennine.

Gabaasni Koomishinii Aannisaaa Atoomikii Israa'el haleellichi ''bu'uuraalee niwkilaaraa ijoo Fordoo barbadeesseera,'' jedhan.

Miidhaan bu'uuraalee niwkilaaraa kunneen irratti raawwate sagantaa niwkilaara waraanaa Iraan ''waggoota baayyeen'' gara duubaatti deebisee jedhan.

Tahus paarlaamaa Iraanitti gorsaa dura taa'aa kan tahan Meehaadii Mohaammadii haleellaa Ameerikaan booda ''miidhaan duubattii deebisuun hin danda'amne miti kan qaqqabe,'' jedhan.

Iraan yeroo dheeraaf sagantaan niwkilaaraashee dhimma nagaaf akka oolu himti. Dhaaboti tikaa Ameerikaa Iraan meeshaa waraanaa niwkilaaraa tolcha hin jirtu jechuun gabaasa kennaa turan.