Basaastonni Mosad haleellaa Israa'el dura dhokatanii Iraan seenan maal godhan?

Garee Mosad dhoksaan Iraan seene

Madda suuraa, Tansim

Gara walakkeessa Waxabajjii haleellaa Israa'el Iraan irratti bante walitti bu;insa salphaatti hin dhaabbanne waan kaase fakkaata.

Biyyoonni kunneen walii walii isaaniitti dhukaasuufi wal haleeluurra darbee biyya biraa akka Ameerikaa hanga harkisuutti deemeera. Biyyoota Baha Giddu-galeessaa Ameerikaan buufata waraanaa keessaa qabdu akka Qaataar fi Iraaqis birrachuurraa isaan hin oolchine

Israa'el jalqabumarraa wiirtuuwwan nukilaraa fi dhaabbileen waraanaarratti xiyyeeffachuun haleellaa akka raawwattu yeroo ibsitu, Iraanis misaa'elootashee fagootti dhukaafamaniifi dirooniiwwaniin Israa'el irratti haleellaa haaloo bahuu gaggeessiteetti.

Israa'el dhaabbata nukilaraa Iraan lafa jala jiru barbadeessuuf deeggarsa Ameerikaa gaafachaa turtee, Dilbata ganama Ameerikaan Iraan keessatti haleellaa raawwachuun Israa'el waliin dhaabbachuushee ifatti beeksifteetti.

Amma itti aansee wanti ta'u Baha Giddu-galeessaafi Galoo Galaananiitn alatti gaaga'amni dhiibbaa guddaa qabu maal hordofsiisuu danda'a? kan jedhu addunyaan dhimmicha yaaddoon duukaa bu'aa jira.

Kun kan jabaataafi bifa isaa jijjiirrataa dhufe yeroo haleellaan Israa'el A L I Waxabajji 6, 2027 jalqabetti gaheen dhaabbata basaasaa Israa'el, Mosad maal ture?

Haleellaa sanaan dura Iraan keessaa maal hojjechaa ture?

Magaalaa guddoo Iraan, Tehraan

Madda suuraa, Getty Images

Iraan keessa kan bubbule Mosad

Ummanni Iraan miliyoona 90 ta'a. Ummanni Israa'el ammoo miliyoona 10 ta'a. Ballina lafaatiinis akkuma kana wal caalu. Humna waraanaa qabanii garuu wal gituu danda'u.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kan isaan wal hin gitne garuu basaasuunidha. Mosad caalee argameera. Kottee hin qabu; kaaddiduus hin qabu. Saayintistoota Iraan waliin waliin deema. Garuu hin qabatamu.

Jeneraalota Iraan waliin wal gahiirratti hirmaata; garuu itti hin dhukaafamu. Iraanotaaf hafuura itti ta'eera. Odeeffannoo aanga'oonni Iraan hin qabne tokko tokko Mosad qabaachuu danda'a. Mosad dhuma waraanaarra ykn jala bultii waraanaarra miti kan seenan. Iraanuma keessa turan. 'Lo'anii seenan' jechu jedhu sirrii kan ta'u gam-tokkeenidha.

Sababiin isaa Mosad lammummaa qabaa? Namuma biyya sanaa filatee kan mataasaa godhata. Tarii ministirri itti-aanaa humna ittisaa biyya tokkoo qondaala Mosad ta'uuyyu danda'a.

Tarii itti-gaafatamaan nageenyaafi tikaa olaanaa Iraan kan mosad kaffaluuf ta'uu danda'a. Icciitiin isaa kan bahu waggootaan boodadha. Awwaalemees hafuu danda'a. Basaastonni Mosad Iraan fannistee kan fixxu miti. Dhoksaa gadi fagoodha.

Roobootiin gargaaramu. Israa'elirraa ammoo eegumsa ni argatu.

Tehraan keessatti saayintistiin guddaan aduu saafaa daandii konkolaataarratti ajjeefamee argamuu danda'a. Basaasaan Mosad ajjeesee dhokatu garuu hin mul'atu.

Sagaleenis, fooliinis, kotteenis hin jiru. Kanaan maal jedhu?

Hogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa'el Hanniyyee bakka yeroo hunda keessa akka boqotuuf isaaf qophaa'e, eegumsa cimaa qabu keessa osoo turuu ture Tehraan keessatti kan ajjeefame.

Eenyuti ajjeese? Hanga ar'aatti hibboodha.

Isa dabalatee saayintistoota bebbeekamuu kanaan dura karaa itti yaadameefi qoratameen Mosaadiin ajjeefamaniiru.

Mosad manni isaa Tel Aviiv miti. 'Manni isaa Tehraanidha'.

Buufanni Mosad Tel Aviiv caalaa Tehraanidha.

Iraan waajira muummee Mosad Tel Aviiv jiru haleeluurra of haleeluu-bobaashee jala qulqulleeffachuu wayya ture kan jedhameefis kanaaf ta'aa?

Ofii Mosaad walitti bu'insa kana keessatti guyyoota jalqbaarratti maal milkeessan?

Guyyaa gabaabaa keessatti hojiin ajaa'ibsiisaa hojjetameera. Guyyoota lama keessatti saayintistoonni nukilaraa kudhanii ol ta'an, akkasumas jeneraalota waraanaa lama ajjeesuu biyyi kamiyyu milkeessuu kan danda'u miti. Waraana addunyaarratti dhaga'amee hin beeku.

Qondaalonni Mosad erga ijoo lamatu itti kenname.

Naannoowwan nukilaraa fi misaa'eloonni itti argaman basaasuun isa tokko ture. Qondaalota waraanaa olaanoofi saayintistoota nukilaraa ukkaamsuun ammoo ergama lamaffaadha.

Lamaanuu milkaa'eera.

Qophiiwwan ji'ootaaf taasfiman

Akkuma Netaniyaahuun amanetti sagantaa nukilaraafi misaa'elii Iraan barbadeessuuf qophiin ji'ootaaf turan taasfiamaniiru. Shaakalawwan bal'aan taasifamaa turaniiru.

Keessumaa gara torbanoota dhumaa qophiin taasifamu gara sadarkaa olaanaatti guddatee ture. Kan eegamu hanga Doonaald Tiraamp hayyamanitti qofadha.

Tiraamp guyyoota 60 keessatti waliigalteerra hin geessan taanaan 'isiniif wayyaa' jechaa tureera. Guyyaa 61 yeroo qaqqabutti waan netaaniyaahuun eeggatuti dhufe.

Waan akkaan eeggatan milkeessuuf hawwaa turan. Iraan tarii waliigaltee yoo fudhatteef Tiraampiin amansiisuun qormaata isaanitti ta'a ture.

Iraan yeroo kanatti marii marsaa 6ffaa taasisuuf qophiirrayyu turte.

Aanga'oonni Iraan tasa mariin Omaan keessatti ture osoo gar-tokkotti hin ba'iin Netaniyaahuun nu haleela jedhanii hin amanne.

Of dagannaa guddaatu ture;Ayaatolaah irraa hanga gorsitoota isaa dabalatee of dagannaan tureera.

Xiqqooyyu naasuun kan itti dhaga'ame yeroo Ameerikaan maatii dippilomaatotashee Baahireen fi Quweet keessaa baasuu jalqabdedha.

Ameerikaafi Israa'el bulee isaa haleellaa tasaa Iraanirratti raawwatamuuf waan hunda xumuranii ture.

Qophii paayiletoonniifi basaastonni Israa'el of eegannoon taasisaniifi shaakalli ji'ootaaf taasisan ija godhateera. Iraan mallattoo tokkollee kan arguu dadhabdeefis kanaafidha.

Sa'aatii dhumaarratti qondaalonni waraanaa Iraan Israa'el haleellaa gaggeessuu dandeessi jedhanii waan yaadda'aniif walga'ii waaman.

Jeneraalota humna qilleensaa Eegdota Warraaqsa Islaamummaati.

Akkuma yeroo kaan godhanitti, 'waan Israa'el hin beekamu' jechuun galma mana lafa jalaatti ijaarame keessa galan.

Mosad garuu kana ni beeka ture. Walga'iiwwan ijoo mana lafa jalaa kana keessatti akka gaggeeffamu odeeffannoo qaba ture.

Komaandaroon hunduu al takkaatti ajjeefaman. Jajaan bobbaasa qilleensaafi diroonii keessatti argamu.

Qondaalli olaanaa Iraan tokko BBCtti yeroo dubbate, "Hunduu al takkaatti waan ajjeefamaniif Iraan daftee deebii kennuu hin dandeenye; ajaja eenyu haa kennu? Caasaan ajajaa irra keessaa ajjeefameera," jdhe.

Jeneraalonni kunneen waajira mana lafaa jalaa keessa bakka walga'iidhaaf taa'anitti ajjeefamuu isaaniiti wanti adda godhu. Komaandaroonni biroo ammoo manum isaanii keessatti ajjeefamaniiru.

Lafti nagaadha jedhanii maatii isaanii waliin bakka rafanitti ajjeefamaniiru.

Ajajaan olaanaa Eegdota Warraaqsaa Iraan, ajajaa waraanaa yeroo muddamaa Iraan, akkasumas waajiraaleen olaanoo ajajoota kanneeniis bifa qindaa'een hojii ala ta'aniiru.

Isaan booda ergamni ijoon humna qilleensa ittisaafi raadaarii hojiin ala gochuu ture.

Waajirri basaasaa Israa'el meeshaaleen ittisaa kunneen eessatti akka argaman qoratee xumureera. Odeeffannoon kun huna qilleensaa Israa'eliif dabarfamee kenname. Isaan booda duraaniyyu akka hin jirre godhan.

Sababa kanaan ture humni waraanaa Israa'el samii Iraanirra akka garaasaa ta'uu kan danda'eef.

Nama alaabaa Israa'el duuba taa'ee laaptooppii tutuqaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Garee Mosad Iraan keessatti

Sa'aatii humni qilleensaa duula kana raawwachaa turetti, basaastonni Israa'el hojii biraatti qabamanii turen. Kunis kan balastik misaa'elii ittiin dhukaasan of eeggannoon hojii ala gochuu ture.

Kana milkessuudhaaf, qondaalonni Mosad dhibbaan lakkaa'aman gariin Iraan keessaa, gariin ammoo waajira Tel Aviiv jirurraa hirmaannaa qindaawaa taasisaniiru. Hojii kanarratti keessumaa Iraanota Mosaadiif hojjetan qofa gareen basaasaa qabatte tokko hirmaatteetti.

Giddu-galeessa Iraan keessatti jaalleen komaandoo Mosad tokko of qopheessite. Komaadoowwan Mosad jaallee kana jala jiran Iraan keessatti meeshaan waraanaa ofiisaanii gaggeessan lafarraa gara samiitti kan furguggifamanii bakka meeshaaleen misaa'loota Iraan dhukaasan camadamanii jiranitti dhiyootti dhaabbatee ture.

Mosad kanaan alatti ammoo dirooniiwwan dhoksaan gara Iraan seenseefi meeshaan fageenyarra taa'anii ittiin to'atan tolfameeruuf camadee eeggataa ture. Diroononni kunneen kan seenan waraana kana baayyee durseeti.

Yeroo isaa sirriitti dubbachuuf dhimmichi icciitii ta'uu isaarraa kan ka'een maddeen odeeffannoo Israa'el hayyamamoo hin taane.

Buufat ajajaa giddu galeessa ta'e kan diroonota kanneen ittiin camadan bananii ture. Jeettonni Ameerikaan hojjette wiirtuu ajajaa kana keessarraa gargaarsa argachuun bakka irratti xiyyeeffatan rukkutuu kan danda'aniif.

Kun ammoo samiirraa kan rukkutee isaan kuffiisu jira jedhamee osoo isaan hin yaaddessiinidha.

Humni ittisaa qilleensaa Iraan hedduun isaanii kan haleelaman haleellaa Onkoloolessa tureenidha. Kun ammoo misaa'eloota dadacha'ootiinidha. Sirni misaa'elaa Iraan s 300 jedhamu hojiin ala kan ta'e yeroo sanattidha.

Guyyoota dhiyoo keessa humni qilleensaa Israa'el xiyyeeffannaa isaa kan godhate raadaariiwwaniifi laawonchariiwwan ittiin dhukaasan lafarraa irrattidha.

Haleellaan jalqabuu dursee Israa'el sirna kana qondaaltota basaasaa laamshessan qopheessitee turte.

Qondaaltonni Mosad sirnawwan misaa'elii Iraan hafan kan balleessite dirooniiwwan dursanii dhoksaan galchan hojiirra oolchuunidha.

Israa'el haleellaa yeroo jalqabdutti, dirooniiwwa hojii isaanii akka jalqabaniifi naannoo Tehraanitti dhiyoo buufata waraanaa Isfaajabaadii gara jedhamutti misaa'eloota lafarraa gara lafaatti dhukaafamaniin laawoncheroota camadamanitti darbachuu jalqaban.

Haleellaa kanaanis, diroononni kunneen, balastik misaa'elii Iraan osoo gara Israa'elitti hin dhukaafamiin dura mancaasuu danda'aniiru. Humni ittisaa ISraa'el dursee kan qophaa'eef wanti hamaan Iraanirraa na mudata jedheetidha.

Tarii Iraan balastik misaa'elii 300 hanga 500 ta'an natti dhukaasuu dandeessi tilmaama jedhu ture kan hojjetame. Kana osoo gooteetti ta'ee Iraan miidhaa dhaga;amee hin beekne Israa'elirratti raawwatti ture.

Kan ta'e garuu faalla aisaati.

Iraan saffisaan deebii kennuudhaaf humna dhabde. Carraaqiifi burjaajii hedduun booda isayyyu turtii sa'aatiiwwaniin booda dirooniiwwan dhibba garaIsraa'elitti dhukaafte. Isaaniyyu haala salphaa ta'een qolataman.

Haleellaa jalqabaatiin boodas, humni waraanaa Iraan balastik misaa'elii Iraan haleeluu itti fufte. Kun ammoo Iraan dandamattee haleellaa akka hin gaggeessine humna ishee dadhabsiisuuf ture.

"Laawoncharoonni hedduu, kuusaan misaa'eloota lafarraa gara lafaatti ergaman, meeshaaleen waraanaa dabalataa mancaasneerra; Lixa Iraanitti ammoo meeshaa ittiin dhukaasan koneenara tokko keessatti dhokatee arginee barbadeessineerrw," jedhe humni ittisaa Israa'el ibsa kenneen.

Hogganaan olaanaa waliigalaa Iraan Ayaatolaah Alii Khameenii 'Israa'el gatiishee ni argatti' jechuun haaloo bahuuf dhaataniiru.

Iraan guyyaa haleellaan Israa'el irraa irratti banamee kaasee haleellaa haaloo bahuu Israa'el irratti raawwachaa kan turte yoo ta'u, gara boodaa kana ammoo Ameerikaan haleellaa kana keessatti hirmaachuun ishee biyyattii gara tarkaanfii haaloo bahuu caalaa hammaataa ta'e fudhachuutti ishee dhiibaa jira yaaddoon jedhus jira.