Iraan haleellaa US iddoowwan nikulaaraa ishee irratti raawwatteef deebii akkamii kennuu dandeessi?

Madda suuraa, Office of the Supreme Leader of Iran via Getty Images
Waraanni Israa'elii fi Iraan torban lammaffaa isaa qabatee jiruun, dhaabbata Foordoo kan dallaa cimaa qabu dabalatee, gidduu seentummaan tibbana Ameerikaa haleellaa gurguddaa iddoowwan nikulaaraa Iraan ijoo ta'an irratti raawwatte, Tehraan tasgabbii dhabsiiseera.
Pirezidaant Doonaald Tiraamp haleellaa Nataanz fi Isfaahaan irratti raawwatameen alatti, boombii cimaa lafa gadi fagoo uree seenuu (Massive Ordnance Penetrator (MOP)) kan 13,600kg ta'u fayyadamuun iddoo nikulaaraa Iraan lafa jalaa Foordoo baay'ee cimaa ta'e haleelluuf hayyamaniiru.
Innis iddoowwan kunneen ''guutumaa guutuutti barbadaa'uu'' labsuudhaan, Teehiraan haaloo yoo kan baatu ta'e ammoo ''humna baayyee guddaa'' akka ta'u akeekkachiiseera.
Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatolaah Alii Khameeniin kanaan dura Ameerikaan yoo hirmaatte ''miidhaa hin suphamne'' akka ta'u dubbatanii kan turan yoo ta'u, amma biyyi Rippabilikni Islaamaa filannoowwan hedduu madaaltee jirti.
Buufataalee US rijinichaa haleeluu

Madda suuraa, AFP
Iraan haleellaan Ameerikaa kamiyyuu dantaa Ameerikaan rijinicha keessaa qabdu hunda qaxxaamura keessa akka galchu akeekkachiifteetti.
Deebiin Tehraan, ''Ameerikaan gocha isheetti akka gaabbitu taasisa'' jedha Eegdonni Warraaqsaa haleellaa booda ibsa kenneen. Kanaanis, saaxilamummaa buufataalee Ameerikaa haleellaa kanaaf haala mijeessan ibseera.
Ameerikaan buufataalee waraanaa Iraaq, Baahireen, Kaataar, Yunaayitid Araab Emireet (UAE), Saawud Arabiyaa, Kuweet, Joordaan fi Sooriyaa keessaa kan qabduu yoo ta'u, hundisaaniitu fageenya misaa'ela balistikii Iraan keessa jiru.
Dhaabbileen beekamoo ta'an buufata xiyyaaraa bal'aa Al-Udeid Kaataar keessaafi buufata galaanaa Baahreen keessatti argamu kan doonii 5ffaa Ameerikaa keessummeessuudha.
Bara 2020 keessas Iraan ajjeechaa ajajaa olaanaa Qaasim Soleemaanii irratti ajaja Tiraampiin raawwatameef haaloo ba'uuf jecha buufata xiyyaaraa Al Asaad kan humnoota Ameerikaa Iraaq keessatti keessummeessuu haleelteetti.
Tehraan dursitee US'f akeekkachiisa waan kenniteef, haleellaa kanaan lubbuu namaa baduu baatuulleen, deebii baay'inaan fakkeenya ta'ee ilaalameen buufata kana miidheera.
Tehraan ammas adeemsa walfakkaatu fakkeessuu raawwachuu dandeessi ta'a.
Haata'u malee, haala waldhabdeen cimaa ammaa keessatti, waldhabdeen yoo kan itti fufu ta'e, Iraan hamma waan xiqqoo akka isheen kasaarsuutti itti dhaga'amuun deemtee, haleellaan kallattiin dantaa Ameerikaa kan waraanaa hin taane kan akka Imbaasiiwwan naannichaa dabalatee, filmaatawwan jiran yaaduu dandeessi ta'a.
Balaan haala akkasii mudachuu ammoo garmalee ol'aanaa ta'u dana'a.

Ulaa Hormuz cufuu
Balaan barame kun waggoota darban keessatti fi yeroo waldhabdeen Iraan fi mormitootashee warra lixaa gidduutti hammaatu hundatti qondaaltonni siyaasaa fi waraanaa Iraan irra deddeebi'ameera.
Daandiin bishaanii dhiphoon Galoo Galaanaa bakka tarsiimoo 'qabxii udhaa' yoo ta'u, tiraafikaa boba'aa addunyaatiif dhiyaatuuf kan gara harka shanaffaatti achiin darba.
Dubbiin cufamuu Hoormuuz amma cimaa dhufaa jira, sababiin isaas namoonni siyaasa harbeessan tarkaanfiin kun akka dhiibbaa cimaa gabaa boba'aa addunyaa fi dinagdee Ameerikaa irratti fiduu danda'utti falman.
Filamaanni Hormuuz albuuda galaanaa, misaa'ela kiruuzii, ittisa qarqara galaanaa akkasumas bidiruu haleellaa saffisaa walitti makuun galma ga'uu danda'a ta'a. Kanneen waggoota dhiyoo asitti Gareen Eegdota Warraaqsaa Iraan oomishaa fi kuusaa tureera.

Madda suuraa, Nur Photo via Getty Images
Kanas ta'e sana, cufamuun Hoormuuz hariiroo daldalaa sarara jireenyaa Iraan maamila boba'aashee olaanaa Chaayinaa waliin qabdu walxaxaa taasisuu waan danda'uuf, isheerratti miidhaa qabaachu danda'a.
Iraan seenaa daangeeffanaa dooniiwwaniifi dhaabbilee Galoo Galaanaa fi Galaana Diimaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa diroonii, misaa'elaa fi haleellaa albuudaa daangeffame qabdi.
Haata'u malee, haleellaa Ameerikaan yeroo dhiyootti raawwatte booda Tehraan cimina guddaadhaan socho'uun taankeroota, buufata doonii ykn dhaabbilee anniisaa biyyoota dhiyoo jiran kan akka Saawud Arabiyaa ykn UAE irratti xiyyeeffachuun, naasuu boba'aa addunyaa irratti kaasuuf yaaduu qandeessi.
Oppareshinii ajaja Tiraamp kanaan booda battalumatti, baayyinni qondaaltoota Iraan ol'aanaa ta'an karoora addatti dhaabbilee anniisaa Saawudii rukutuuf qabaachuu danda'an dafanii ibsaniiru.

Kaardii bakka bu'ummaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Israa'el waliin taasifamuu fi gidduu seenuummaan Ameerikaa ammaa kun, tarii networkii naannoo milishoota michuu Iraan ta'aniif yeroo "michuu rakkataa" ta'ee tajaajiluu danda'a.
Haleellaan bakka bu'ummaa qindoominaan qabeenya Ameerikaa ykn daandii dhiyeessii irratti raawwatamu, sadarkaa daangeffameen illee, US fi dantaashee naannichaaf yaaddoo dhugaa ta'a.
Haata'u malee, Iraan waggoota dheeraaf gareewwan kanneen maallaqaan gargaaruu fi hidhachiistulleen, ammatti waraanaan dadhabanii, hirmaannaa hiika qabuuf fedhii dhabuunsaanii ni mul'ata.
Lola Onkoloolessa 2023 hanga Sadaasa 2024tti Israa'el waliin taasiseen kan dadhabe Hezbollaan hanga ammaatti waldhabdee kana ilaalteeu, humnoota Iraan gargaaruuf waadaa cimaa hin qabu.
Innis mootummaa fi miidiyaaleen Libaanosiin hidhannoo akka hiikkatuu fi hojiiwwan dursa mootummaa Beerut, kan akka deebiisanii ijaaruu fi rakkoo dinagdee yeroo dheeraaf furuun, waliin akka walsimuuf dhiibbaan mudateera.
Huutiin Yamanis yeroo waraana ammaa kana keessatti Israa'el irratti haleellaa raawwachuuf gumaacha guddaa akka hin qabne agarsiisaniiru. Garuu haleellaa Ameerikaan yeroo dhiyootti raawwatte duraa fi booda dooniiwwan Ameerikaa Galaana Diimaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuuf akeekkachiisaniiru.
Jechoota sana hojiirra oolchuun ammoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu Caamsaa keessa Waashingitan waliin galan ofiisaanii cabsuu jechuu ta'a.


Madda suuraa, Houthi Movement via Getty Images
Iraaq irraa hanga ammaatti amanamummaan akeekkachiisaa fi ibsa gamtaa qofaan kan daangeffame yoo ta'u, Sooriyaa keessatti ammoo Iraan erga michuu Tehraan Baashar al-Asaad kuffiftee as deeggarsa mootummaa Damaasqoo fi gareewwan bakka bu'oota irraa argamu hir'achaa dhufe mudateera.
Ammas, Rippabilikni Islaamaa yoo taatee hamaan bu'uura bulchiinsa isaa waggoota 46 balaadhaaf saaxiluu danda'u cime, gareewwan michuu naannoo isaa irraa - sadarkaa adda addaa ta'us, qabeenya isaanii amma jiru irratti hundaa'uun deeggarsa ni eega ta'a.

Madaallii balaa
Rippabilikni Islaamaa adeemsa waraana Israa'el waliin taasiftu keessatti misaa'ela gara magaalota Israa'elii fi iddoowwan waraanaatti darbachuu irratti xiyyeeffattee kan turte yoo ta'u, tarkaanfii deebii kallattiin Ameerikaa kakaasuu danda'u kamiyyuu irraa of qusachuuf sarara qalloo irra deemaa turte.
Waraanni kun tarkaanfii amma irra jiruun yoo harkifame, Iraan misaa'ela gara Israa'elitti qajeelchitu qooduu qabdi ta'a. Guyyaa jalqabaa 150 kan dhukaafte yoo ta'u, guyyoota darban keessa ammoo guyyaatti gara naannoo 30tti gadi bu'eera.
OOmishin dhumuu jechuun duulli bal'aa fi dheeraan qabeenya Ameerikaa irratti banamee dandeettiin ni daangeffama jechuudha.
Haaloo bahuunis Iraan gara waraana fuula lamaatti harkisuun, haleellaa deebii Ameerikaa humna guddaa qabu affeeruun, hoggansa Rippabiliika Islaamaa daran gara qarqaraatti dhiibuu danda'a.












