Abbaan alangaa himatawwan Obbo Taayyee Danda'aa irratti banaman sadan irratti maal jedhe?

Obbo Taayyee Danda'aa Amajji 21 bara 2026 mana murtiitti dhiyaatan

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Deetaa ministeera Nagaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa erga aangoo irraa kafamanii booda himatawwan irratti dhihaate keessa itti fayyadama meeshaa waraanaa seeran alaa kan ilaaluun hidhaan waggaa torbaa fi ji'a lamaa itti muramuun niyaadatama.

Erga himata Kanaan adabbii murtii argataniin booda ammoo himatawwan haaraa sadii irratti banamuun dhimma isaanii mana murtii olaanaa Federaalaa dhadhacha Lidataatti hordofuurratti argamu.

Himata Jalqabaa 'Humnootii biroo waliin waloomuun hokkara kaasuun mootummaa filame humnaan diiguu', himanni lammaffaan 'Raayyaa ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaa fi dogogorsiisaa ta'e dubbataniiru' kan jedhu.

Himanni sadaffaan ammoo 'Gaaffiif deebii 'Horn Conversation' irratti taasisaniin sirna seeraan hundaa'erratti duula gochuun yakka mootummaa sarbuu' kan jedhani.

Yakkoota isaan ittiin himataman sadan keessaa himanni tokkoffaan seera yakkaa bara 1996 bahe bu'uureffate yakkoota keewwatawwan biroo keessatti eeraman kan wabeeffate waan ta'eef akka fooyya'u manni murtii beellama darbe irratti jala murtii kennee ture,

Abbaan alangaa himata kana fooyyessee akka dhiheessu bu'uuruma ajajameen beellama har'aa irratti himanni kuni fooyya'ee dhihaachuu eeran abukaatoon Obbo Taayyee Obbo Abarraa Nigus.

"Abbaan alangaa bu'uura ajaja mana murtii sanaan himata tokkoffaa sana fooyyessee dhiheesseera. Himanni fooya'e kuni nus nudhaqqabeera" jedhan.

Himanni fooyya'e kuni dhadhacha irratti erga dubbifameefiin boodas Manni murtii yaada amantaa fi waakkii yoo qabaatan Obbo Taayyee gaafateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Obbo Taayyeen yaada amantaa fi waakkii yoo qabaatan manni murtii gaaffii dhiheesseef waan biraa osoo hin dubbanne 'Callisaan morman'.

Abbaan alangaa Callisni isaanii akka mormanii falmatanitti haa ilaalamu jedhee manni murtiis kanuma fudhate" jedhan.

Himanni tokkoffaan akka fooyya'u gaafatamee ture kuni seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 irraa gara keewwata 238 keewwata xiqqaa 1 tti fooyya'e jedhan obbo Abarraan.

"Seerri yakkaa keewwanni fooyya'e kuni 'Heera mootummaa fi sirna heera mootummaan hundaa'e humnaan diiguu kan jedhu fi qabiyyee hedduu kan ofjalatti hamate" jedhan.

Manni miurtii Beellama itti aanu Gurraandhala 07, bara 2018ti kan qabe yoo ta'u, Obbo Taayyeen himata fooyya'e kanarratti isaan dura yaada isaanii barreeffaman akka dhiheessan ajaje.

Gama kaaniin beellama darbe irratti manni murtii Obbo Taayyeen cancalaan osoo hin hidhamne mana murtii akka dhihaatan ajajus, har'a yeroo beelllama mana murtii dhufuuf jedhan harka isaanii hidhuuf gaafatamanii diduu dhadhacha irratti ibsan.

Eegdonni mana sirreessaa dhimma kana irratti gaafatamanii, ajajni kenname afaaniin waan tureef barreeffamaan hoggantoota isaanii gara olii akka qaqqabuu qabuu fi yoo kuni hin taane cancalaan osoo hin hidhamne dhiheessuuf akka rakkatan himan.

Akka abukaatoon Obbo Taayyee jedhanitti Manni murtii yaada isaan dhiheeffatan kana bu'uura godhachuun ajajicha barreeffamaan qaama dhimmi ilaalu akka qaqqabsiisu ibseera.

Kana malees erga gara mana hidhaa Abbaa Saamu'eel jedhamutti jijjiiramanii sarbamni mirga namoomaa irratii raawwatamuu beellama darbe irratti caqasanii ture.

"Qabiinsia isaanii kan ilaaleen daawwannaa maatii, kutaa itti hidhamaniin walqabatee nageenya isaanii irratti komiin qaban barreeffamaan akka dhihaatu manni murtii ajaje" jedhan Obbo Abarraan.