Obbo Taayyee Danda'aa waa'ee siyaasa, misoomaa fi bulchiinsa MM Abiy irratti maal jedhu?

Madda suuraa, Feesbuukii Obbo Taayyee Danda'aa
Obbo Taayyeen Danda'aa osoo aangoo irraa hin kaafamiin dura dubbii-himaa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa, isaan booda ammoo Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa tahuun hojjechaa turan.
Obbo Taayyee Danda'aa ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu irraa keessanii, rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessaaf mootummaan itti gaafatamummaa guddaa akka qabu ifatti qeeqaa turan.
Akkasumas marii nageenyaa marroo lamaaf mootummaa Itoophiyaa fi WBO kan motummaan ABO-Shanee jedhuun gidduutti Taanzaaniyaatti taa'amee osoo hin milkaa'iin hafee irrattis karaa barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanitiin mootummaatti quba qabaniiru ture.
Jecha cimaa fayyadamuunis ''maddi rakkoo siyaasa Itoophiyaa keessaa Ministira Muummee Abiy Ahimed'' jechuun fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessan.
Xalayaa ministira muummee Abiy Ahimed barreessaniin guyyoota muraasaan boodas aangoo Deetaa Ministira nagaa irraa kaafaman. Isaan boodas hidhaman.
Miseensa Caffee Oromiyaa waan tahaniif Mirgi himatamuu dhabuu isaaniis irraa kaafame. Amma erga mirga wabiin mana hidhaatii bahanii booda manaa deddeebi'uun beellamasaanii hordofaa jiru.
Obbo Taayyeen erga mana hidhaatii bahanii booda haala jireenya isaanii, bulchiinsa MM Abiyii fi siyaasa Itoophiyaa ammaa irratti ilaalcha qaban BBCtti himaniiru.
Gaaffiifi deebii Obbo Taayyeen BBC waliin taasisan haala itti aanuun isiniif dhiyeessineera.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC:Erga mana hidhaatii baatanii hojiitti deebitan immoo akkamiin jiraataa jirtu? Miindaa qabduu?
Obbo Taayyee: Erga mana hidhaatii bahee ofumaan jiraachaan jira. Hojii duraattis hin deebine. Kan biraas hin eegalle. Manuman jira.
Miindaan naaf kaffalamus hin jiru. Silaa akka seera biyyattiitti ministirri tokko gaafa muudama irraa kaafamu faayidaan akka mana jireenyaa, miindaa fi konkolaataa fa'aa ji'a sadiif ni kabajamaafii ture.
Kan koo garuu ani to'atamee guyyaa sadii keessatti maatiikoo manaa baasanii daandii irratti darban. Kana waanuma biyyi beeku. Faayidaa naaf malu hundaa mootummaan seera ofii baase cabsee na dhowwatan.
Kan yeroo sana na dhowwatan har'a naaf kennu jedhee hin yaadu. Nama hojiirra hin jirreefis miindaa kaffaluufis mootummaan dirqama hin qabu.
Garuu yeroon ani mana hidhaa ture herregni baankii firootakoo namoota 28 tahanii ji'oota saddeetiif uguramee ture. Akka ani hin hanne isaanuu ni beeku. Garuu maqaa hanna qoranna jedhuun maatiikoo isa gargaaru jedhanii shakkan kan baadiyaallee jiraatan osoo hin hanbisiin herrega baankii isaanii irratti cufanii ture. Ji'a saddet booda bananiif.
Ani yakkamaa tahuufi dhiisuu manni murtii osoo narratti hin murteessiin maatii kiyya hanga 28 tahan rakkisan. Abbaa yakketu gaafatama malee maatiin akkamiin dararama? Ijoolleen kiyyas maal balleessan?
Daa'ima kiyya, haadha manaa kiyya manaa baasanii daandiitti darbatani. Osooman ani yakkeyyuu daa'imni waggaa sadii, daa'imni waggaa saddetii hagas dararamuu hin qaban ture.
Beekati maatiikoo, ijoolleekoo beelessuuf rakkisuuf maatii kiyya irraa herrega baankii cufan. Garuu ijoolleenkoos waan nyaatan hin dhabne, waan uffatan hin dhabne. Galati uummataa keenyaaf, hiriyyootaaf haa tahu malee.
Isa irrattiyyuu 'namni isa gargaartan beekkadhaa' jechuun keessa keessan namoota nutti siiqan doorsisaa turan.
Ani baankii irraa komii hin qabu. Abbaa alangaa tokkoo fi tika dhimma faayiinaansii hordofu tokkotu ni shakkina jedhanii baankota ajajee cufsiise. Ani hanna keessa akkan hin jirre beeku.
Qorannoon narratti gaggeeffame ani qabamee torban sadii keessatti xumurame. Ani mUdde 1 qabame. Mudde 24 ammoo qorannoon xumurame.
Garuu osoo kana beekanii ji'a saddetiif cufanii tursiisan. Akkasiin yakka ana irratti hojjetan. Erga mana murtiitti himadhee hunda isaaniif deebi'ee baname.
Hiriyyoonni na gargaaran jiru. Maatiinkoos hin beelofne. Galata uummata keenyaa! Rakkoon buddeenaa hanga ammaatti nu hin mudanne.
BBC: Paartii keessan irraa erga mana hidhaatii baatanii qaamni isin dubbise jiraa?
Obbo Taayyee: Lakki namuu na hin dubbisne. Amma manuman jira. Kitaabota tokko tokko nan dubbisaa jira.
BBC: Erga mana hidhaatii baatanii yaaddoo nageenyaa qabduu?
Obbo Taayyee: Biyyi keessa jirru Itoophiyaadha. Seeraa alummaan biyya kana keessatti babal'atee waan jiruuf namni wabii nageenyaa qabu eenyus tahu waan jiru natti hin fakkaatu. Haatahu malee, ani akka dhuunfaatti doorsifni na gahe hin jiru. Addatti namni biyya kanaa ana irratti xiyyeefatee miidhaa narraan gaha jedhee yaadu hin jiru.
Ani kaniin wal dhabe mootummaa waliinidha. Addattis qaama nageenyaa irraa rakkoo hin qbau. Gaafa na qabanis, sana booda mana hidhaa kanneen akka Qilinxoo, Qaallittii, Poolisii Federaalaa Meksikoo keessattis haaluma gaariin na qabanii kabajumaan waliin turre.
Garuu ajaja olii kennameen ji'a shaniif abukaatoo, haadha warraa fi obboleettii kiyya tokkoon ala, maatiikoo kaan waliin akka wal hin argine dhorkanii ture.
Naanna'ee naanna'ee ani kanan wal dhabe mootummaa waliin. Dubbiin ani akka hiikamuuf dubbadhu kanas warrumti mootummaa keessaayyuu %99 hiikamuu akkan qabu ni amanu.
Rakkoon jiru garuu yoo namni tokko dubbate rakkootu irra gaha, murni xiqqaan nama yaada kana kaasetti waan roorrisuuf sodaataniiti malee rakkichi akka hiikamuu qabu ni amanu. Ani kanan wal dhabe %1 hin taatu.
BBC: Dubbii MM Abiy Ahimediin qeequun mana hidhaa isin galchetti ni gaabbituu?
Obbo Taayyee: Lakki yaada gaafa sana ibse gaabbii itti hin qabu. Ani gaafa sanas rakkinni amma keessa jirru kuni bakka afuritti qoodamee ilaalamuu danda'a.
Isaan keessaa rakkoo guddaan biyya raake rakkoo nageenyaa kana. Yoo gurmuu hayyootaa [Tthink Thank] itti goone ilaallee malee rakkoon ni dhalata jechaan ture.
Rakkoon dinagdee ni dhufa, rakkoon nageenyaa ni dhufa, rakkoon dippilomaasii ni dhufa.
Yaadni sun gaafasuu hin fudhatamne. Ergasii waggaa sadii booda gaafa torban torbaniin manajimantiin paartii wal gahu waan hannaan wal qabatuu fi nageenyaan wal qabatu kun qoratamee, gamaggamamee abbaan itti godhamuu qaba jechaan ture.
Abbaan badii itti gaafatamee seera qabachuu qaba jechaan ture. Gidiraan uummanni keessa jiru kun nama mararee akka rakkoon hiikkatu kan hojjetu hin turre.
Gama biraan murannoo isaan agarsiisan argeen jira. Dubbii gamanaan dabaes argeen jira. Uummanni ani bakka bu'e gidiraa itti arge. Ni hiyyoome. Animmoo isaan bakka bu'ee dubbachuuf jedhee itti kakadheen ture waan taheef waanan dubbadhetti hin gaabbu.
ALI bara 2011tti bakka miseensonni koree ODP 54 jiranitti sanada dhiyeessinee furmaata barbaaduu qabna jennee ture. Rakkoo dinagdee, rakkoo dippilomaasii, hanni babal'achuu fa'aa ni dhufa jennee dhiyeessinus fudhatama hin arganne.
Ergasii waan hannaa fi nageenyaan wal qabatu kun qoratamee qaamni badii qabu itti gaafatamuu qaba jedhee dhiyeessaan ture.
Namni na dhagahe hin jiru. Waan godhamu waanuma rakkoo hannaa, nageenyaa fi dinagdee hammeessu malee waan gidiraan uummanni keessa jiru ilaalamee akka hiikamu godhu hin turre.
Warri gama biraan ture murannoo qaban ibseen ture. Gamanaan dubbiin akka dabe argeen uummanni ani bakka bu'e rakkachaa jira, hiyyoomaa jira jedhe malee cubbuudhaan waanan nama jedhe wan hin qabneef waan itti gaabbu hin qabu.
Uuummata kanaaf ifni haa bahu jennee qabsoo keessatti ijoollummaa keenya fixne.
Uummanni kun haa guddatu, warra kaaniin wal haa qixxatu jenne qabsoofne malee, warra kaan uummaticharraa kaasnee ofii keenya isa nyaachuuf miti. Garee tokko tokko dubbiinkoo isaan gammachiisa jedhee hin eegu.
BBC: Duulli maqa balleessii narratti gaggeefameera jettee amantaa?
Obbo Taayyee: Bara 2015 Caamsaa keessa osoo alattiyyuu hin bahiin 'koree gidduugaleessaa keessaa haa ari'amu. Paartii keenya maqaa balleessaa jira, diigaa jira' jedhee gurmuun tokko yaada dhiyeeffatee ture. Yaada ani jedhe kana garee kanatti gammachuun haa dhagahamu jedhee anis hin eegu.
Kan qabsoofne, uummanni kun guddatu, roorroon irraa haa dhaabbatu, warra kaaniin wal haa qixxaatu jenneeti kan qabsoofne malee kaan irraa kaasnee ofii isa nyaanna jennee miti.
Garuu jarri yerosuu mufatee jira. Waan nuyi itti of wareegaa turree fi kan isaan dharra'an wal faallaa tahe.
Qabsoo baay'ee narratti godhaniiru. Waan bara Haayilesillaaseeyyuu hin tahiin abaan yakkemoo hin yakkiin kan jedhu kan manni murtii sichi murteessu, daa'imni wagga sadii fi wagga saddetii kan narraa dhalatan dararan. Maatii kiyya hanga 28 gahan irrattis herrega baankii cufan.
BBC: Guyyaa ministira mummichaa Abiy Ahimed waliin qaamaan wal argitan maal mari'attan?
Obbo Taayyee: Ani dafee ministira mummichaa waliin wal hin argine. Duraan muummichi hanga humna isaa xaaraatuma jira. Yaada qajeelaa qabu jedheen yaadaa ture. Warra sadarkaa gadii jirutu jalaa balleessa jedheen yaadaa ture.
Namoonni baay'een isaan walitti dhiyoodha. Inumaayyuu isatu ergata kan jedhan turan. Hanga ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu bara 2014 raawwateetti qaamaan argadhee dubbisee hin beeku.
Qajeeltoo paartii ilaalee dubbisee itti amaneen deeggaraas, hojjechaas ture. Dubbii MM Abiy gaafa muudamee jalqabee biyya kanaaf waadaa galaa ture ilaaleen deeggaraa ture. Sun gaafa duraa anaaf dugaa ture. Isa ilaalee heera mootummaadhaanis wal fudhachiisee fudhataan ture.
Gaafa naannoo irratti dubbiin hammaataa dhufu garuu, gaaffii qopheeffadhee qaamaan dubbisuuf waggaa tokkoo fi ji'a shaniif barbaadaan ture.
Waltajjii irratti yeroo walitti dhufnus, sin barbaada. Naannoon nuyi irra jiru kun uummanni nagaa dhabee jira. Hanni isa bara wayyaanee caalaa babal'atee jira. Nageenyis bade jira. Mirgi namoomaas akka malee sarbamaaa jira. Yakka dargaggeessa waggaa 30'f jaarsa waggaa 90tu itti gaafatamaa jira. Kun sirrii miti, Ilaaluu qabna jedheen itti himaa ture.
Dagatee ykn hojii itti baay'atee taha. Waggaa tokkoo fi ji'a shaniif eegaan ture.
Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu booda ofumaaf na waamanii waliin dubbanne.
BBC: Guyyaa sana maal maal irratti mari'attan?
Obbo Taayyee: Hannaan kan wal qabatu, simmintoo waliin wal qabatee nama muraasa ittiin taphata, ilma namaa fuudhanii hurufatti akkanumuaan kan rashanuutu jira.
Abbootii Gadaa Karrayyuus ana birayyuu dhufaa turan. Yakka homaa akka hin qabne itti himaan ture. Waan misooma misooma jedhan kunis gabaasa sobaa akka tahee fi lafarra akka jedhametti akka hin jirreen itti hime.
Waanan ani gadoodee, itti dhukkubsadhee itti himaa ture sun homaa akka itti hin fakkaanne irraa hubadhe.
'Shimallisitti [Shimallis Abdiisaa] najalaa hin bu'iin. Inni hogganaa jabaadha. Isa waggaa saddetan itti xaaree guddifadhe. Pirezidaantiin akka isaa kana duras Oromiyaa irra jiraatee hin beeku. Borus pirezidaantiin akka isaa Oromiyaa irra hin jiraatu. Isatti najalaa hin bu'iin' na jedhe.
Boodarra garuu kanan ani irra gahe rakkoonuu muummicha tahuusaati. Rakkinni sirna kanaa fi rakkinni biyya kanaa akka isa biraa burqun arge.
Sababni immoo akka paartiitti gadi teenyaa waan biyya kana keessatti gama siyaasaan, nageenyaan, dinagdeen deemu qorannee qaamni badii qabu itti gaafatamuu qaba jennaan, gimgamaan, qorannoon amala wayyaaneeti jedhan.
Gimgamaan nu hin barbaachisu jedhe. Nuyi akka paartiitti nu hin barbaachisu jennee ejjennoo hin qabanne.
Akkuma inni fedhutti haa raawwatu jedhameeti malee waan kun akka heera mootummaatti faayidaa uummataa eegamoo hin eegu, jettee waan ilaaltu hin jiru. Waanuma inni barbaadetu taha.
Waan kun akka qajeeltoo paartii keessatti barraa'ee jirutti sabdaneessummaa waliin deemaa? Obbolummaa lammiilee kan eegudhaa? jettee waan gaafattu hin jiru.
Waan inni fedhi ni taha. waan inni hin feene ammoo hamma fedhes qajeela atahu uggurameema karaatti hafa. Kanaafidha maddi rakkoo isuma jedhee kanan amanu.
BBC: Yeroo Deetaa Ministira Nagaa turtaanii fi hidhamuu keessaniin dura waa'ee rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaa irra deddeebiin dubbataa turtan. Mootummaan WBO waliin marii nagaa gaggeesseera. Ergasiis garee Obbo Sanyii Nagaasaan durfamu waliin waliigaluun gareen tokko galeera. Amma akkamiin ibsitu?
Obbo Taayyee: Karaa kamiinuu haa tahu nagaan akka dhufu barbaanna. Sanyii fi jaallan isaa galuun gaariidha. Waliigaltee isaan mootummaa waliin mallatteessan garuu maal jedha? Uummataaf ifa hin taane.
Bakkuma Sanyiin faa keessaa galan naannoo Shawaa keessaa ammallee hoggansi mootummaa yeroo ajjeefamu, rakkoo nageenyaa akka jiru dhageenya.
Uummanni ani bakka bu'ee filameyyuu rakkoo hedduu keessa jiru. Isaaniyyuu muudama sana argatan malee namoonni isaan waliin hidhata qabu jedhamanii hidhamaniiyyuu maalirra jiru jedhanii mootummaa waliin waan mari'atan natti hin fakkaatu.
Garuu erga Sanyiin fa'aa galaniis rakkoo hiikame hin argine. Duraan maaltu gaaratti isaan galche? Amma maaltu deebii argate? isa jedhu irratti mari'achuu fi waliigaluutu barbaachisa.
Garee tokko lama keessaa sossobanii galchuun rakkoo nageenyaa biyya kanaa waan hiiku miti.
BBC: Dirreen siyaasaa Itoophiyaa keessaa amma maal fakkaata? Erga MM Abiy Aangoo qabatanii dimokiraasiin biyyattii attamiin ilaaltu isin?
Obbo Taayyee: Jalqaba MM Abiy yeroo aangoo qabatan abdii irra godhannee ture. Dirreen siyaasaa akka bal'ate kan mul'isu ture. Seerri haaromfamaa ture. Paartileen waajjira banachaa turan. Akka barbaadan dubbataas turan. Yeroo sana garuu seera eegsisuun itti yaadamee dhiisame.
Booda ammoo erga Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamee booda abdiin dimokiraasii duraan ture sun badaa dhufe.
Paartilee mormituu akka KFO fi ABO fa'aa waajjira isaanii cufuu, miseensota isaanii jalaa hidhuu fi doorsisuu qofa osoo hin taane, Paartuma Badhaadhinaa keessattuu wal qeequu fi wal gamaggamuun dhorkamaa ture.
Fakkeenyumaaf kaasuuf Caffee irratti yeroo tokko Afa yaa'iin yaada dabalataa qabduu jedhanii erga gaafatanii booda ani yaada jedhee harka baasnaan osoo harkakoo arganii akka hin argineetti darban.
Yeroon ani dubbadhu osoo hin eeyyamamiin dubbachuun dhorkaadha. Ergasii naa eeyyamanii maayikii ammoo narratti cufan.
BBC: Mootummaan federaalaa misooma Kolidarii fi kaan irratti cimsanii hojjetaa jira. Magaalaan Finfinnee miidhagdeetti. Kana akkamiin ilaalta?
Obbo Taayyee: Misoomni Oromiyaa keessaa akka odeeffamu miti. Oromiyaa keessa misooma jira kan jedhan kijiba. Misoomni hin jiru. Lafa nagaa qaban kan akka Arsii Baalee durumaanuu qamadii qotan keessa jiraachuu mala.
Kaan Oromiyaa bakkeen biraa gadadoo keessa jira. Finfinnee keessa, Bishooftuu keessa yoo deemtu uummanni kadhachuu balfu, amma lakkoofsi namoota kadhatanii dabalee jira. Dinagdeedhaan waan cabeefi.
Misooma kan jedhan argisiisuudhaaf, Oromoon misomaa jira jedhamee sabaaf sablammiin biraa Oromoo ija biraan akka ilaaluuf waanuma bakka tokko lamaa miidyaan oofamaa jira. Badhaadhinni Oromoodhaan ijaarame jedhamee seenessi hojjetame jira. Malee akka odeeffamu miti.
Barnoota ilaalchisee barattoota qabxii darbinsaa argatan keessaa naannoon Oromiyaa isa gadi aanaa tahuu argineerra.
Misoomni Barnootaa isa kaan caalaa Oromiyaa irrattii hojjetame jedhamaa ture. Garuu gaaf qormaanni dhufu kan biyyaa %3 gaafa darbu Oromiyaa irraa kan darbe %2 kan tahu.
Misoomni Koolidarii manifeestoo keenya keessallee hin jiru.
Rakkinni isaa akka lamaan ilaalama. Waan godhamaa jiru kun Ija miidhaginaatiin malee ija misoomaa ykn dinagdeen waan ibsamu miti.
Magaalaan kan barbaadu warshaalee, sektera tajaajilaa bal'aa, isa irratti ammoo akka waliigalaatti nageenya amansiisaadha.
Hojiin dinagdee galii dabalataa kan argamsiisu tahuu qaba. Karaa cinaa marga dhaabdee isatti baasii baastee bishaan obaastee maaltu achirraa argama?
Namni marga dhaabu, bishaan obaasu galii irraa argachuu danda'a. Kanarra kan darbe hiikoo dinagdee maalii qaba biyyaaf?
Magaalota akka Bishooftuu fi Adaamaa fa'aa irratti warra hojjetamaniin ala magaalota adda addaa keessa manneen diigamanii bubbulaniiru. Garuu ijaaramaa hin jiru.
Fakkeenyaaf Sulultaatii hanga Guwatsiyoonitti manni diigameema lafarra jira. Ijaarsi tokko hin jiru. Ijaarsaaf dhagaan tokko lafa kaa'an hin jirtu. Misooma diigaa jennaan diigan. Osoo silaa hiyyeessi kun itti hojjetatee jiraatee gama dinagdeen gaarii ture.
Silaa Sululta jalqabuma ijaartee irraa jalaan diigaa ijaarame tahe gaarii ture. Garuu kun tuffii uummata irraa qaban irraa kan ka'e diiganii dhiisan. Gama Lixaas karaa deemurra yoo ilaalte Ambo fa'aatti waan mul'atu yoo jiraate malee magaala xixiqqaa kanneen diiganii dhiisan.
Namoota manni isaanii jalaa diigameef beenyaan kaffalamaa hin jiru. Beenyaa gaafachuu iyyuu hin dandeessu.
Dabalataan namoonni manneen jalaa diigame gaaffii gaafachuu dhabuu fi mana murtiittis akka hin himanne tahuun rakkoo biraati.
Namni mana isaatti gibira kaffalee gaafa diigamu ammoo beenyaa dhabuun seera qabeessa miti.
Zanbaabaan bishaan dhugaa, ni calaqqisa waan dabalu biraa hin qabu. Kun anaaf misooma miti.
Akka heera Itoophiyaattis Paarlaamaan aangoo olaanaa qaba. Muummichi ministeeraa itti waamamni isaanii Paarlaamaaf.
Paarlaamaan hojii isaanii qoratee yoo barbaade aangoo irraayyuu kaasuu danda'a. Kan muudu paarlaamaadha waan taheef.
Qabatamaan maaltu lafa jira jettee yoo na gaafatte ammoo, yaada addaa yoo qabaatte Tasfaayee Bildigee nama gamagama.
Waan gubbaadhaa tolfamee dhufe harka baasuu qofa dandeessa. Malee uummata ani bakka bu'e sana ni miidha jettee ejjennoo qabachuu hin dandeessu. Kun ammoo faallaa heera mootummaati.
Amma miseensi paarlaamaayyuu 'xarannafamee' waan uummanni bakka isa buufate fedhu osoo hin tahiin waan keessumaayyu MM barbaadu akka fudhatu godhama.
Muummichi osoo uummanni beela'aa jiruu masaraa mootummaa Doolaara Biliyoona kudhan baasuun ijaarsisaa jiru.
Garuu paarlaamaan hin beeku. Ijaarsi masaraaa kun karoora paartii keessas kan mootummaa keessas hin turre. Fedhuma isaanitiin kan gaggeeffamudha.
Inni ammoo barbaachisaadhaa? Warshaa xaa'oo ijaaruu, rakkoo fayyaa wal qabatu osoo jiruu, hojjetaan mootummaa qaala'insa jireenyaan jiraachuu yeroo dadhabetti jireenya nama tokkoof masaraaa mootummaa hagana gahu hojjechuun barbaachisaa? kan jedhu paarlaamaan hin gaafanne.
Birriin paarkii Fireendishiippii irratti bahe, Inxooxxoo irratti bahe, Gorgoraa, wancii irratti bahe Birrii meeqa? Meeqatu immoo irraa hafe kan jedhu namni beeku hin jiru. Paarlaamaan ammoo gaafachuu qaba ture.
Yoo gaafatus yoo barbaaddan Shii Zhiinpiingi gaafadhaa jechuun maal jechuudha?
Birriin maqaa Itoophiyaatiin dhufu kamuu seera faayinaansii keessa galee darbuun dirqama. Ijaarsa kanneeniif Birrii meeqatu funaaname? Eessaa dhufee? jechuun paarlaamaan kana gaafachuu qaba ture.
Ammoo ijaarsa isaaniif kontiraanni isaa akkamiin kenname. Firoomaan moo hiriyyummaan moo akkamiin kenname? Beeksifni bahe hin jiru. Silaa namuu dorgomee kufuullee qaba ture. Kan kennu ammoo Ministira Muummeeti.
Garuu MM Abiy 'lafa dallaalaan itti taphatu fayyadameen hojii kana hojjedha' jedhan. Gaheen mootummaa seera itti baasanii dallaalaa to'achuudha malee akkanaan dubbachuunis seera miti.
Mootummaan yeroo misooma hojjetu galii uummataa dabaluu irratti tahuu qaba ture jedheen amana.
Uummanni magaala Finfinnee galii nu qabu maal fakkaata? Dursa ummanni kan gaafatu miidhagina ilaaluu qofa osoo hin taane nyaatee buluudha. Jireenyi akka malee waan qaala'eef jiraachuun ulfaateera.
Lafta miidhaguun sirruma. Haa fokkisu jechaa hin jiru. Garuu jiraachuu keenyatu dursuu qaba jechaan jira.
Hojiin mootummaa tola ooltummaa miti. Lammiilee isaa waliin mootummaan kan qabu mirgaa fi dirqama. Lammiin gibira kaffaluun dirqama isaati. Mootummaan ammoo mirga isaanii kabajuun dirqama isaati.
Uummanni miliyoonaan lakkaa'amu rakkoo nageenyaan qe'ee irraa buqqa'uun beelaa fi rakkoo hedduuf saaxilameera.
Haala akkasii keessatti masaraa mootummaa namni tokko qofa keessa jiraatu Birrii hamma kanaa itti baasanii ijaaruun waan sirrii miti.
BBC: Raayyaa ykn gareen miidiyaa akka hundeeffamee jiru himama. Waan kana quba qabduu?
Obbo Taayyee: Raayyaan miidiyaa yeroon ani waajjira paartii keessa tureyyuu jira ture. Kaayyoon isaa garuu obbolummaa dhugaa ijaarra. imaammata paartii keenyaa beeksifna karaa jedhuun ture. Booda garuu kaayyoo duraan hundaa'erraa maqe.
Ida'amuu barsiifna jenneeti ture, malee faaruu sobaa wal faarsuuf kan ijaarame hin turre.
Namni nurratti ijaaramee nu cabsuu hin qabu, kaayyoo dhugaa qabanne kana ummatatti beeksisuu qabna jenneeti jalqaba kan ijaarre. Garuu osooman waajjira paartii jiruu karaarraa maqe.
Sobaniima wal faarsuutu jalqabe. Kanatti walii hin galleen ture. Keessoo keenya qulqulleesinee waan dabaan nutti dhufe ammoo dhugaa isaa himuun ofirraa qolachuu dandeenya jedheen kaasaa ture.
Raayyaa miidiyaa kana fayyadamuun nama isaan morme maqa balleessuu, seexana fakkeessanii ibsuutu ture. Hojiidha jedhamee waan jalqabeef warra kana hojjetaniif ni kaffalama ture.
BBC: Gaaffiifi deebii nu waliin taasiiftaniif galatoomaa Obbo Taayyee.
Obbo Taayyee: Isnis galatoomaa.
*Hubachiisa: Gaaffiifi deebii Obbo Taayyee Danda'aa waliin taasifne kanarratti ammatti mootummaarraa deebii hin arganne. Yeroo kamiittu qaamni nutti dubbatu yoo jiraate ni keessummeessina.












