TPLF haqamuunsaa dhaaba waraanaafi wal qoodinsaan qoramee kanaaf xumura seenaa siyaasaa ta'innaa?

Walgahii TPLF

Madda suuraa, Getty Images

Waltajjii siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 50f olaantummaan kan beekamu TPLF yeroo lammaffaaf beekamtiin paartii siyaasaa isaa boordii filannoon tibbana haqame.

Waggoota gara 30'f bulchiinsa biyyattii keessatti aangoo olaanaa qabatee kan ture TPLF waraanaa Tigraay Sadaasa 4, 2020 eegaleen walqabate Mana maree Bakka bu'oota Ummataatiin garee shororkeessaa jedhamuun farajamee ture.

Boordiin filannootis TPLF hirmmaannaa siyaasa karaa nagaa keessaa bahuun gochaa hokkora humnaa irratti hirmaateera jechuun Amajjii 2020tti seera qabeessummaasaa haquuf murteessuu beeksiisee ture.

Waraanni cimaan Tigiraayiitti mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti gaggeeffame marii nagaatiin dhuma argatee paartichi gara sochii siyaasa nagaatti deebiinaan galmee shororkeessummaa irra haqame.

Haata'u malee, TPLF waggoota lamaan darba keessa beekkamtiisaa deebiisuu fi akka haaraatti galmaa'uu irratti boordii filannoo waliin wal dhabaa ture. Haala addaatiin akka galmaa'uuf yaada dhiyaata sababii hin fudhatiniifi adeemsa guutuu qabuu waan hin raawwanneef irra deebiin Caamsaa 13, 2025 partiirraa haqame.

Dhaabni siyaasa biyyattii keessa ijoo fi umurii dheeraa qaban keessaa tokko ta'e TPLF riphee loltummaarraa gara biyya bulchuutti, achiinis gara naannoo bulchuutti, deebiise gara sochii hidhannootti, achiinis gara paartii naannootti amma ammoo gara garee beekamtii irraa mulqameetti bu'eera.

Hireen isaa kan adda hin baane Adda Bilisa Baasaan Ummata Tigraay eessaa ka'ee sadarkaa irra jirurra gahee?

Ka'umsa dhaaba TPLF

Loltoota Itoophiyaa kan kufaatii Mangistuu Haayilamaariyaam booda waraana keessatti miidhaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1991, Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) fi Diimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI'n) sirna Mangistuu kuffisaniiru.

Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) bara bulchiinsa waraanaatti Guraandhala ALI 11, 1967 ture kan qabsoo hidhannoo eegaluusaa beeksiise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qabsoo hidhannoo TPLF'f ka'umsa kan ta'an garee barattoota yunivarsitii Finfinnee Maagabat (Maahibara Gasigasitii Biheera Tigraay) jedhame ture.

Gareen barattoota Tigraay kunis waggaa 45 oliif siyaasa biyyattii keessatti gahee kan qabu TPLF hundeessuuf ka'umsa ture.

Maagabit miseensoota saddeetiin kan hundeeffame yoo ta'u, hundeessitoonni kunnen boodarra sochiin TPLF akka eegaluuf gahee murteessaa bahaniiru.

Namoonni saddeettanis Bariihuu Bariiha (Aragaawii Barihee,PhD), Faantaahuun Zaratsiyoon (Gidaay Zara'atsiyoon), Mulugeetaa Hagoos, Ambaayee Masifin (Siyuuma Masfin), Amahaa Tsahaay (Abaayi Tsahaayyee), Iquubaazigii Bayyana, Alamsagaddi Mangashaa fi Zari'uu Gasasa (Agi'aazii) fa'iidha.

Jalqabarraa Dargii kan mormu Maagabiiti cunqursaa ummata Tigraay irra gaheera jedhe ittisuuf qabsoo hidhannoo taasisuu fi dhaabbata akka barbaachisu murteessuun hojjachu eegale.

Kanaafis miseensoonnisaa muraasni Jabihaa fi Adda Ummata gareewwan finciltoota Ertiraa turan waliin walitti dhufeenya hundeessuudhaaf gara Ertiraa yoo deeman, kaan ammoo magaala keessa ta'uun ummata ijaaruu eegalan.

Kaayyoo TPLF

Gariichi yeroo qabsoo hidhannoo eegaleetti, dhimmi Tigraay Itoophiyaa irraa foxxooqsuu fi 'riippablika' ijaaruu ka'ee kan ture ta'us, yaadni sun wagga tokkoo ol akka hin turre dubbatama.

Yaa'ii dhaabichaa jalqabaa ALI bara 1968tti gaggeeffameen, ajandaan 'Tigraay bilisaa' jedhu hedduu bira fudhatama osoo hin argatiin hafee akka kufu taasifame.

Achinis kaayyoo dhaabichaa qabsoo sirnaa taasisuun ummata cunqurfamaaf 'hiree ofii ofiin murteeffachuuf' akka qabsaa'u ibsulleen, dhaabbilleen TPLFn falman garuu dhaabichi ummata Tigraay foxoqsuuf kan hundaa'eedha jechuun qeeqaa turan.

TPLF keesssatti qoodiinsa

TPLF erga hundeeffamee wagga tokkoon booda bara 1968tti aanga'oota dhaabbatichaa jidduutti qoodinsi mudatee kan ture yoo ta'u, kunis 'Hinfishifishi' jedhamuun beekama.

Yeroo kanattis qoodiinsa aanga'ootta jidduutti mudate furuudhaaf tarkaanfiin fudhatame farra dimokiraasii akka ture miseensoonni dhaabichaa duraanii tokko tokko ni yaadatu.

Ergasiin boodas bara 1977tti miseensoota jidduutti deebiisee garaagarummaan umamee, kan hundeessitoota keessaa tokko turan Dr Aragaawii Bariha fi Giday Zara'atsiyoon dhaabiicha dhiisaanii akka bahan ta'ee ture.

Gamaagama yeroo sanatti ta'eefi karoora waraanaa haaraa hojiirra akka oolfamuuf dhiyaate miseensoonni dhaabichaa hedduun deeggaran illeen, gameen dhaabbatichaa ''yeroos hundeeffame 'Leeniininist Liig Tigraay (Maaleeliit) jedhame garuu, dhaabicha waliigalatti hin jijjiruu'' yaada jedhu qabatee akka ture, aanga'aa olaanaa TPLF kan turan Obbo Gabruu Asiraat kitaaba isaanii keessatti eeraniiru.

Amalli koministummaa TPLF bara 1983 kan dhumeef fakkaatulleen, amalli keessoo fi caasaan dhaabichaa osoo hin jijjiramiin ADWUI dursu keessatti yaada 'haaraa' 'Waraaqsa Dimokiraasi' jedhu qabachuun hanga dhumaatti itti fufe.

Leellisaa waraaqsa Raashiyaa fi Chaayinaa kan ture TPLF, akka qajeeltootti garuu ilaalcha Koministii biyya Awurooppaa baayyee hin beekamne Albaaniyaa hordofaa ture.

TPLF yeroo aangoo siyaasa biyyaa keessatti gahee olaa qabatee tureettii fi erga waraanni daangaa Ertiraa waliin ture dhumateen booda bara 1993tti, yeroo sadaffaadhaan aang'ootasaa jidduutti qoodiinsii muatee ture.

Qoodiinsa kanaanis gareen dura taa'aan TPLF fi Ministirri Mummee biyyatti Obbo Mallas Zeenaawii olaantummaa qabachuun mormiitoota injifatan.

Kanaanis miseensoonni aanga'oota hooggansa olaanaa TPLF keessatti dhaggeettii fi dhiibbaa olaanaa qaban dhaabicha keessaa yoo ari'ataman, muraasni ammo malaamaltummaan himatamuun hidhaa buufaman.

Isaan booda TPLF keessatti beekamaa ta'aa kan dhufam Obbo Mallas Zeenaawii aangoo dhaabichaafi mootummaa biyyatti dhunfachuudhaan, dhimmoota tPLF, ADWUI fi biyyattii irratti murteessaa dhunfaa ta'un hanga lubbuun darbaniitti turan.

Rakkoo cimaa TPLF

Du'a Mallas Zeenaawii kan sammuu TPLF/ADWUI turee hordofee dhaabichi dursaa cimaa dhabuun dadhabuudhaan, haala barootasaa duraatiin addatti, yeroo gabaabaa jedhamu keessatti dura taa'aasaa jijjiruuf dirqamee ture.

Mormii ummataa ADWUI irratti ka'e hordofees, gamagama taasisuudhaa dhaabicha keessa jijjirama muraasa taasisuun boodas TPLF to'atee kan ture aangoo mootummaa jidduugalaa keessaa wal jalaan dhiibamuun aanga'oonni gara Tigraayiitti deebii'anii ture.

Ministirri mummee haaraan Abiy Ahimad (Dr) erga gara aangootti dhufanii booda tarkaanfii ADWUI jijjiruuf fudhataniin, TPLF waan walii hin galleef adda dhaabbilee biyyoolessaa ofiin hundeesse fi durse keessaa bahe.

TPLF wal dhabee fi muddamni mootummaa federaalaa waliin keessa gale cimee waraanaa Sadaasa 4, 2020 eegaleen booda aanga'oonni dhaabichaa irra deebiin qawwee kaasuun gara gammoojjiitti deebii'uun wagga lamaaf turan.

Erga waraanichi dhaabbate nagaa bu'een boodas, aanga'oota TPLF jidduutti wal dhabdeefi wal himannaan ifatti mul'ataa dhufe. Kanaanis garee lama kan dura taa'aa dhaabichaa Dr Dabratsiyoonii fi Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfamu lama uumuudhaan baatiiwwaniif wal falmaa turan.

Dhumarrattis gareen Dabratsiyooniin durfamu yaa'ii TPLF beekamtii hin qabne bara 2016tti gaggeessaniin Obbo Getaachoo fi aanga'oota dhaabichaa hedduu hoggansaa fi miseensummaa keessaa akka ari'atan taasise. Kunis qoodiinsa TPLF mudate arfaffaa jedhamu danda'a.

Obbo Geetaachoofi gareensaa amma TPLF irraa adda bahuudhaan paartii haaraa Tigraay irratti xiyyeeffatu hundeessuuf yaalii taasisaa jiru.

TPLF waldhabdeessaa attamiin furaa?

Miseensota TPLF

Madda suuraa, Getty Images

TPLF tibba hidhannoo qabsoo baroota 17f gaggeesseetti lola keessa seenee kan ture bulchiinsa Dargii qofaan hin turre.

Gariichi gareewwan haaluma walfakkaatuun mootummaa Dargiin mormuudhaan bahan kan akka IDIU, Jabahaa, Ihaappaa fi hareewan biroo waliin garaagarummaan siyaasaa qabu qormaata itti ta'e ture.

Kanaan alattis, yeroo sanatti garee siyaasaa maqaa ummata Tigraayiin socha'an keessaa tokko kan ture dureewwan Ginbaara Gadilii Haarinati Tigraay (GGHAAT) ajjeessuudhaan qabsaa'oota bakka buteesaanii akka dhabamsiisee himama.

Garaagarummaa fi wal dhabdee keessoo isaatti umameen dhumnisaanii miseensoota qaama injifatamee dhaabicha keessaa ari'achuu fi yeroo tokko tokko ammo hidhaan akka isaan mudate taateewwan kanaan dura mudatan ni mul'isu.

Haata'u malee qabsoon Dargii waliin taasifamaa ture bal'achuun Tigraayiin alattis gara kutaalee biyyatti kaaniitti ce'udhaan dhaabbileen ummattota naannoo biraa bakka bu'u jedhaman hundeessudhaan TPLF gahee olaanaa baheera.

Kana hordofuunis Addi Dimokiraatawa Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (ADWUI) Dhaabbata Dimokiraasii Ummata Oromoo (OPDO), Adda Dimokiraasi Ummata Amaaraa (ADUA) fi boodarra ammoo Sochii Dimokiraasi Ummattoota Kibba Itoophiyaa SDUKI) waliin qindaa'uun ADWUI uuman.

ADWUI kan olaantummaa TPLFn durfamaa tures Dargiin aangorraa kaafamuun booda bara 1987tti motummaa ce'umsaa hundeessudhaan heera mootummaa raggaasifameen, ummattoota, sabaa fi sabmilee biyyattiif beekkamtii kenne. Kanaanis tokkummaa biyyaaleessa Itoophiyaa kan dagateedha jedhamuun qeeqamaa ture.

TPLF eenyu fa'iitu dursee?

Mallas Zeenaawii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mallas Zeenaawii bara 1981 irraa kaasee hanga lubbuun itti darban bara 2004tti wagga 20'f dura taa'aa TPLF ta'un tajaajilaniiru.

TPLF akkuma hundeeffameen gara wagga tokkootiif hundeessitoota keessaa tokko kan turan Gasasa Ayala (Sihul) erga yeroof dursanii booda, Obbo Sibihaat Naggaa bara 1971 hanga bara 1981tti dura taa'aa dhaabichaa ta'un dursaa turan.

Ittaanee ammo Ministirri Mummee Mallas Zeenaawii bara 1981 irraa kaasee hanga lubbuun itti darban bara 2004tti wagga 20'f dura taa'aa TPLF ta'un tajaajilaniiru.

Ministirri Mummee Mallas Zeenaawii du'usaa hordofee bara 2004tti Obbo Abaayi Walduu dura taa'aa dhaabichaa yoo ta'an, osoo baayyee hin turiin dhaabichaa sirriin dursuu hin dandeenye jedhamuun kaafaman.

Dhumarrattis Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) aangoo dura taa'ummaa qabachuun TPLF dhageettii sadarkaa biyyatti qabu dhabee naannoo Tigraay keessatti qofaa murtaa'ee turuuf erga dirqameen as, wal dhabdee motummaa federaalaa waliin keessa galan hordofee miidhaa olaanaan irra gaheera.

Miseensoonnifi aanga'oonni TPLF hedduun tibba waraanaatti kan hidhaman yoo ta'u, aanga'oonni gameeyyiifi beekamoo hedduu dabalatee tibba waraanaatti miseensotasaa hedduu dhabeera.

Hoggantoonni yeroo qabsoo hidhannootii kaasee dhaabbaticha keessa turan hedduu fi kanneen aangoo gulantaa olaanaa dhaabicha keessa qabatanii turan ammalleen jiru. Dhimmoota TPLF irratti qeequu kaasan keessaa tokko hoggansa dargaggoo fi haaraa uummachuu dhabuudha.

Waraanaa badii olaanaa hordofsiisee ture irraa kan hin bayyanatiin TPLF, qoodiinsa mudateen alattis tibbana ammo boordii filanootiin paartii siyaasaa ta'e akka hin sochooneef seera qabeessummaasaa haqameera.

Murteen kunis dhaaba TPLF umurii waggaa 50'f qabu kun gara dhumaatti kan geessu ykn siyaasa Tigraay keessatti akka deebiisee cimuuf carraa biraa kan kennuuf ta'aa laata?