Obbo Taayyee Danda'aa Paartiin Badhaadhinaa akka ugguramu ykn haqamu himatan

Deetaa Ministeera Nageenyaa fi miseensa Caffee Oromiyaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa Paartiin Badhaaninaa qajeeltoo ittiin taliigamu waan sarbeef akka ugguramu ykn haqamu gaafataniiru.
Xalayaa Boordii Filannoof barreessan kan BBCn argaterratti kora lammaffaa paartii badhaadhinaa qeeqaniiru.
Paartiin Badhaaninaa kora isaa lammaffaa ALI Amajjii 23-25, 2017 gaggeeffate irratti komii qaban kan dhiheessan Obbo Taayyee Danda'aa, ''korichi karaa waliin dhahameen gaggeeffame,'' jedhan.
''Sababni ammoo seerri ittiin bulmaataa paartichaa tuffatamee gatamuudha.''
Bu'uura seera ittiin bulmaataa Paartii Badhaaninaa ALI Bitootessa 2014 ragga'een, keewwata 16, keewwata xiqqaa 10 jalatti ''miseensonni paartichaa hundinuu kora paartichaarratti kallattiin ni hirmaatu,'' jechuun paartichi qajeeltoo kaawwateen taliigamaa akka hin jirre ibsan.
Kora jalqabaa sanarratti miseensota filaman 225 keessaa tokko ta'uu kan ibsan Obbo Taayyee Danda'aa ''ragaa kana boordiin filannoo harkaa qaba,'' jedhan.
''Haata'u malee paartichi seera ittiin bulmaataa isaa sarbuun kora isaa lammattaa irratti hirmaachuu na dhorkeera,'' jechuun boordii filannootti iyyatan.
Ammallee miseensa paartii badhaadhinaa ta'uutti kan of ibsan Obbo Taayyeen, paartichi kora irraa ugguruu qofa osoo hin taane, mirga eeruu, mormuu, filachuu fi filamuu isaaniis akka sarbe himatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kanaafuu korri lammataa Paartiin Badhaaninaa kan waliin dhahame waan ta'eef bu'aan isaas seera qabeessa ta'uun hin maluuf,'' jedhan.
Obbo Taayyeen komii paartiisaanii kanarraa qaban erga haala kanaan ibsanii booda dhimmoota lama boordii filannoo gaafataniiru.
Tokkoffaa ''korri gaggeeffame seera paartichi ittiin bulu waan fallessuuf, korichis ta'e murteewwan koricharratti darban seera qabeessa akka hin taane akka murteessu,'' iyyatan.
Dhimmi lammataan Obbo Taayyeen boordii filannoo gaafatan, daangaa yeroo boordichi kaa'u keessatti paartiin badhaadhinaa marii hunda hirmaachisu akka gaggeessudha.
''Paartichi akkaataa seera ittiin bulmaataa isaan akkaataa walqixxummaan miseensota hundaa eegameen hanga kora gaggeessutti akka ugguramu ajaji akka kennamu fi ajaji kun yoo hin raawwatamin hafe seera irratti hundaa'uun paartichi akka haqamu,'' jechuun boordichatti iyyatan.
Xalayaa iyyataa Obbo Taayyee Danda'aa kora lammaffaa paartii badhaadhinaa qeequun Afaan Amaaraatiin Boordii Filannoo Itoophiyaaf barreessan kanarratti hanga ammaatti gama boordii filannootiinis ta'e gama paartichaan wanti jedhame hin jiru.
Paartii keessa jiran dabalatee qondaalotaa fi dhaabbilee siyaasaa qeequun kan beekaman Obbo Taayyee Danda'aa, ALI Mudde 1, 2016 aangoorraa kaafamuun humnoota mootummaan to'ataman.
Manni isaanii erga sakatta'amee booda 'garee shororkeessitoota waliin dalaguun mootummaa fonqolchuuf socho'aa turan' jechuun mootummaan isaan himate.
Hidhaa baatii lamaa booda Caffeen Oromiyaa mirga himatamuu dhabuu isaanii irraa mulqe.
Obbo Taayyeen halkan guyyaa aangoorraa kaafaman sana humnoota nageenyaan to'ataman.
Hidhaa seenuu isaanii sa'aatii muraasa dura addatti gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin ittiin bulmaata dhaabichaa amananii akka dubbataa turan himan.
Himannaa bulchaa Itoophiyaarratti kaasaniif hidhamuu akka danda'an gaafatamanii kana deebisan;
''Maal rakkoo qaba kuni? Seerri eessa jira? Yoo kan ittiin gaafatamnu jiraate ammoo walumaan gaafatamna, sanaaf ammoo qophiidha,'' jedhan.
Obbo Taayyeen Mudde 5, 2024 booda mirga wabiitiin mana hidhaatii gadhiifaman.
Ergasii beellamasaanii alaa deddeebi'uun kan hordofaa jiran Obbo Taayyeen, Ministira Mummee Abiy Ahimad fi Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee akka ragaa ittisaatti waammatanis ragooleen isaan waammatan kunneen beellama Ebla 25, 2025 oolerratti hin dhihaatan hafaniiru.
Dhaddacha Ebla 29 oole irratti ammoo Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa himatawwan lama Obbo Taayyee Danda'aa kanaan dura bilisa itti jedhaman irratti oliyyannoo dhiyeeffateera.
Abukaatoon Obbo Taayyee Danda'aa gama isaaniitiin yeroo afraffaaf mana murtiichaatti dhiyaachuusaanii himuun yeroo jijjiirraa beellamaa abbootiin seeraa dhiyeessan falmaniiru.
Beellamni yoo kennames guyyaan gabaabbatee akka qabamuuf gaafataniiru.
Manni Murtichaas yaada abukaatoo biraa ka'e erga dhaggeefateen booda ALI Caamsaa 4, 2017'tti beellama qabateera.












