Tiraamp ejjennoon Iraan Ulaa Hormuuz irratti agarsiisaa jirtu 'waan irratti waliigalle miti' jedhe

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pirezdantiin US Donaald Tiraamp Iraan 'hojii hin taane' hojjechaa jirti jechuun ejjennoo Ulaa Hormuuz irratti agarsiisa jirtu qeeqan. Kun "waan irratti waliigalles miti" jedhan.
Yaadni Tiraamp kun waliigalteen dhukaasa dhaabuu amansiisaa akka hin taanes akeeka. Gabaasaaleen dhimmoota waliigalame ilaalchisee bahanis wal dhahu.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu, haala garee milishoota Iraan deeggartuu, Hizboolaa, hidhannoo hiikkachiisuun danda'amuu fi hariiroo gaarii Libaanos waliin uumuun danda'amurratti mootummaan isaanii kallattiin Libaanos waliin marii eegaluuf ta'uu himan.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa torbee dhufu Waashingtanitti "mariin dhukaasa dhaabuu Israa'elii fi Libaanos" gidduutti akka qophaawu beeksise.
Aangawoonni Libaanos marii dura dhukaasni akka dhaabbatu gaafatan. Neetaniyaahuun garuu, ergaa jiraattota kaaba Israa'eliif dabarseen, "Libaanos keessatti dhukaasni dhaabbatu hin jiru" jedhe.
Haleellaa Kamisa Israa'el buufata dhukaasa rokkeettii Hizboolaarratti jettuun irratti raawwatte booda naannichatti halkan yeroofis ta'u sagaleen dhukaasaa hir'achaa dhufe.
Tiraamp marii nagaatiif jecha haleellaa akka hir'iftu dubbate.
"Bibi waliin dubbadheera, haleellaa ni hir'isa. Hir'isuu qabna jedheen yaada" jedhe Tiraamp gaaffii fi deebii NBC News waliin tolcheen.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaawwan Kamisaatti aanee jiraattonni akka qe'ee gadhiisanis akeekkachiisni kibba Beerut keessatti himame.
Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Teedroos Adhaanom, ergaa X isaanirratti dabarsaniin, qe'ee akka gadhiisaniif waamichi kun naannawa Jnah jedhamutti iddoo hospitaalotni gurguddoo lama jiranitti godhamaa jira jedhan.
"Yeroo kanatti dhukkubsattoota 450 tu hospitaalota lama keessa jira. Buufanni fayyaa biraa dhukkubsattoota simachuu kan danda'u buufatni fayyaa tokkollee naannicha hin jiru, nama qe'eerraa buqqisuun sirrii miti" jedhan.
Roobii qofa haleellaa Israa'eliin 1,150 kan ta'an madaawanii jiru. 303 kan ta'an ajjeefaman jedha ministirri fayyaa Libaanos.
Teedroos waajjira muummee Ministeera Fayyaa Hawaasaa Libaanos keessatti "dunkaanni dhaabbatee namoonni 5,000 qubatanii jiru," Bakki kun immoo bakka akka buqqaafaman akeekkachiifama jiru dha. jedhan.
Dhukaasni Iraan kan dhaabbate burjaajjii keessatti. Israa'el adda waraanaa biraatiin dhukaasa akka dhaabdu keessatti hn hammatamne. Qondaalonni Iraanii fi Paakistaan hammatamuu himu. Israa'elii fi US immoo lakkii jedhu.
That ceasefire began with confusion over whether Lebanon, Israel's second front,
Burjaajjii kana jidduutti, Israa'el haleellaa hammaataa erga torban jahaa as mul'atee hin beekne Libaanos irratti bante.
Kun Iraan Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka sarbitetti himatte, Ulaa Hormuuz cufte. Tarkaanfii haaloo bahiinsaaf dhaadatte.
Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti waayee ulaa murteessituu tanaa maxxanse.
"Iraan ulaa Hormuz keessa dooniiwwan dabarsuuf maallaqa kaffalchiisaa jirti kan jedhu gabaasa dhagahaa jirra," jedhe. "Yoo dhiisan isaaniif wayya, yoo dhuguma gochaa jiran dhaabuu isaaniif wayya"
Waraanni Israa'el immoo lafa bal'aa kibba Libaanos weeraraa jira, guyyoota dhihoo gandootas mancaasaa jira. Yeroofillee waraana dhaabuuf kutannoon yoo hin jiraanne, mariin bu'a-qabeessi gareewwan lamaan jidduutti akkamiin akka itti fufu ifa miti.
Garee hidhattootaa Hizboolaa Iraaniin deeggaramuun wal waraanaa, Israa'el immoo akkamiin mootummaa Libaanos faana mari'atti kan jedhus ifaa miti. Hizboolaan mootummaa keessaa bakka bu'iinsa qabaatus qaama addatti of danda'edha.
Mootummaan Libaanos jalqaba ji'a Biootessaa kaasee sochii waraanaa Hizboolaa kamuu uggureera. Garee garee kan haleellaa raawwachuurraa dhaabsisuu hin dandeenye.
Kibxata, kaabineen Libaanosa caasaa mootummaatiin ala qaamni kamuu meeshaan waraanaa akka hin qabanne humnoota nageenyaaf ajaja dabarse.
"Waraanni fi humnoonni nageenyaa saffisaan ajaja mootummaan baase kana raawwachiisuu qabu," jedhan Ministirri Muummee Nawaaf Salaam xumura marii kaabinee irratti.
Waajjirri Neetaniyaahuu Israa'el "waamicha Ministira Muummee Libaanos Beerut meeshaa waraanaa irraa bilisa gochuuf godhan ni dinqisiifatti" jedhe.
Mariin biyyoota lamaanii "Hizboolaa hidhannoo hiikkachiisuu fi hariiroo naga-qabeessa biyyoota lamaan jidduutti uumu" irratti xiyyeeffattas jedhameera.
Miidiyaan US Axios, akka gabaasetti dubbiin Neetaniyaahuu marii bilbbilaan inni Pirezdaant Tiraamp fi Ergamaa addaa Waayit haawus Istiiv Wiitkoof waliin godhame booda dhagahame.
Maxxansi Axios, qondaala Israa'elii akka wabeeffatetti mariin kallattii kun torban dhufu Washington DC'tti eegala.
Pirezdaantiin Libaanos Jooseef Awoon dhukaasa dhaabuun furmaata tokkittii qabnu dha jedhan.
Awoon marii kallattii Israa'el waliin gochuuf waamicha kan godhan ji'a dura. Hizboolaa akka malee qeeqan.
Muddamni dhihoo Israa'elii fi Hizboolaa kan eegale ajjeefamuu hogganaa olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Kaamenii hordofee haaloo bahiinsaaf rokkeettii Hizboolaan dhukaase booda. Sadaasa 2024 dhukaasa dhaabuuf waliigalamee ture.
Daa'imman 130 dabalaee namoonni 1, 800 waraana kanaan ajjeefamuu ministeerri fayyaa Libaanos beeksise.
Israa'el hidhattoota Hizboolaa 1,100 fixuu dubbatti.
Namoonni mil. 1.2 ta'an qe'eerraa buqqa'anii jiru.











![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)



