Sangaa Jirruu xaafii, kiikkii baaqelaafi qamadii sooramu

Sangaa gabbifame

Madda suuraa, Moretena Jiru Wereda communication

Gatiin sangaa Jirruu gabaa Ayyaana Faasikaatiif dhiyaate ‘amanuuf nama rakkkisa’.

Qonnaan-bultoota naannoo Amaaraa godina Kaaba Shawaa, aanaa Moratiifi Jirruutti argamaniif garuu kun waan baratamedha.

Jiraataa aanaa kanaa kan ta’e Obbo Taaddalaa Asiraat, sangaa waggaa tokkoof gabbisan birrii kuma 550tti yaadani. Bittuun garuu kuma 430 kaffaluufiif gaafatee akka ture BBCtti himeera.

Gatiin sangaa kanaa akkamiin hanga kana baasuu danda’e jedhamee kan gaafatame Obbo Taaddalaan, “sangaan kun kan sooramaa ture bara darberraa kaaseeti,” jedha.

Sangaan kun gatii hanga kanaa akka baasu kan tilmaamameef xaafiifi furuushkaa sooramaa akka guddate hima namni kun.

Obbo Taaddalaan sangaa kana yeroo jabbii turetti birrii kuma 130 baasee akka bite yaadata.

Sangaa kana waggaatiif sooruu qofa osoo hin taane Obbo Taaddalaan maqaa “Shilim” jedhuun akka waamus turtii BBC waliin godheen dubbateera.

Sangaan kun sangoota lamaan qixxeedha,” kan jedhu Obbo Taaddalaan, “kiiloo 500 ol ulfaata jedhamee tilmaamama,” jedha.

“Shilim” kan bulu mana liishoon ijaarame keessadha. Kan nyaatu ammoo akka sangoota kaanii margaafi cidii qofa osoo hin taane, kiikkii baaqelaafi xaafii affeelame dabalateedha.

“Shilim” hin qotu. Irra caalaa mana liishoon ijaarame keessa yookaan ammoo bakka daangeffame keessa xaafii affeelameefi kiikkii baaqelaasaa nyaachaa bishaan qulqulluu boolla keessaa waraabame ykn siicoo itti unata.

Waan gabbateeruuf bakka fagoo deemee bishaan hin dhugu kan jedhu abbaan “Shilim” Obbo Taaddalaan, fayyaa isaa ammoo ogeessota waliin kununsuu qofa osoo hin taane qama isaallee akka dhiqan ibse.

“Ganama aduu qanqaammata, guyyaa ammoo gara mana boqonnaasaa deema."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aanaa Moretiifi Jirruutti itti-gaafatamaa waajira qonnaa kan ta’e Obbo Darajjee Alamaayyoo hojiin horii gabbisuu naannoo sanatti baratamaa ta’uu dubbata.

Qonnaan-bulaa naannoo sanaa aadaa horii gabbisuu gabbifachuu qofa osoo hin taane, haalli qilleensaa isaa badda-daree ta’uun isaas hojii kanaaf mijataadha.

Aanaan Moretiifi Jirruu sababa horii gabbisaniin, sadarkaa biyyaatti maqaan isaa akka ka’u dubbata Obbo Darajjeen.

Bakki kun sangaa gabbisuutii sadarkaa biyyaattiyyu beekamaadha. Sangaan naannoo kanatti gabbifame sadarkaa biyyaatti beekamtiin kennameeraaf.

''Kun sababii itti ta'eef ammoo hawaasichi beekumsa horii kunuunsuu gabbifateera," jedha.

Qonnaan-bulaan kun horii gabbisuuf xaafiifi qamadii affeelee waan nyaachisuuf kun adda isa taasisa jedha Obbo Darajjeen.

Daldaltoonni Hawaasaa, Adaamaa, Dasee akkasumas Waldiyaarraa dhufanii akka bitan dubbata.

Obbo Darajjeen waa'ee qonnaan-bulaa naannoo sanaa yeroo dubbatu, hojii gabbisuu gorsa ogeessaatiin akka gargaaraman ibsuun, "galteefi tekinooloojii wal simsiisanii akka fayyadaman," hima.

Sababa kanaan qonnaan-bultoonni kunneen galii foyyaa'aa akka argachaa jiran illee dubbatu.

Gandoota baddaa torba aanaa Moretiifi Jirruu keessatti argaman keessa qonnaan-bultoonni jiraatan harki caalan sangaa gabbisu jedha.

Haata'u malee, yeroo ammaa kana tasgabbiin dhibuun carraaqqii qonnaan-bultootaarratti dhiibbaa uumeera.

Sababa kanaan bara kana keessa akka kanaan duraa qonnaan-bultoonni baayyeen horii akka hin gabbisiin ibsa.

"Omishni xiqqoo hir'ateera, midhaanillee hedduu hin omishamne; mana manatti tokko lama gabbisuun kan baratamedha, bara kana garuu lakkoofsi isaa hir'ateera."

Sangoonni kiikkii baaqelaa, xaafiifi qamadii affeelame sooratan baayyee akka gabbatan himuun, "tokko tokko yeroo ilaaltu dura dhaabachuullee ni sodaatta; baayyee gurguddoo ta'u," jedha.

Naannoon Moretiifi Jirruu bakka namoonni sanagaa gurguraniifi bitan itti walga'an qofa osoo hin taane, cooma sangaa Jirruu nyaachuudhaaf sababa barbaadanii namoonni dhufan akka jiran dubbata Obbo Darajjeen.

"Midhaan waan nyaataniif foon isaanii ni miyaawa. Wanti adda godhus miyaawaa ta'uu isaa kanadha."

Akka saayinsii isaatti sangaan tokko sooramuu kan qabu ji'a sadii ykn afur qofaa ta'us, naannoo kanatti garuu waggaa tokkoof sooranii gabbisuun waan barame ta'uu eera.

Keessumaa Ayyaanni faasikaa ji'i tokko yeroo hafutti xaafii affeelanii nyaachisuun kiiloon isaanii akka dabalu, qaamni isaanii akka duudu taasisu jechuun dhamaatii qonnaan-bultootaa kana dhugaa ba'aaf.

Akka kanatti bakki rafan adda baafameefii, waan qulqulluu nyaatee dhugee, hordoffiin fayyaa taasifameefii sangaan gabbate tokko hangam ulfaachuu danda'a jechuun gaaffii BBCn gaafateef, "kiiloo 600 hanga 700 ni ta'a" jechuun tilmaame.

Qannaan-bulaan sangaa gabbisu akkuma dhalasaatti ilaala kan jedhu Obbo Darajjeen, maal nyaatee, maal dhuge qofa osoo hin taane, fayyaa isaa s yeroo hunda kan itti yaadudha.

Kun ammoo galii malu akka irraa argatu gargaareera jedha aanga'aan kun.