Aanaa Iluu Galaanitti namni ayyaana waggaaf sangaa tokkicha birrii 115,000n bitatan maal jedhu?

Madda suuraa, West Shoa Ilu Wereda Communucation
Ayyaana du'aa ka'uu Kiristoos hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa biratti haala ho'aa ta'een kabajamuuf, sangaan qalmaafi omishawwan biroon gabayaaf bareechanii dhiyaatu.
Kanaaf, namuu akka fedhaafi dandeettii isaatti bitachuun maatiifi fira waliin ayyaana dabarsa.
Ayyaana waggaa tokko wantoota akka ayyaana waggaa fakkaatu taasisan/fakkeessan keessaa tokko ammoo haala gabaa tibba ayyaanaati.
Lukkuu/andaaqqoo, hanqaaquu/buphaa, caffee, dhadhaa, re'ee, hoolaa, sangaa kanneen jedhaniifi kan biroon gabayaa dhuunfatanii argamu.
Lafti gabaa yeroo kaan caalaa namaan guutamee wancni sagalee namoonni yeroo walirraa bitanii walitti gurguranii gatiirratti wal falman ni dhaga'ama.
Gabaan ayyaana jalaa bifaafi miira addaa qaba.
Daandiiwwan gara magaalaawwanii geessan horii qalmaafi namoota gabayaa deemaniin dhiphatu.
Karaatii hanga gabayaatti inni bitu isa gurguruun gatii dhoofsisaa deema. Yoomiyyu garuu "rakasa ykn busaa'aadha" oduu jedhu gabayaarraa hin dhaga'amu.
Nutis tibba kana sangaan qalmaa tokko Shawaa Kibba Lixaa, aanaa Iluu Galaan magaalaa Tajiitti birrii kuma 115n bitamuu dhageenyeerra.
Namni sangaa tokkicha birrii 115,000 baasanii bitan kun Obbo Ashabbir Gosaa jedhamu.
Obbo Ashabbir daldalaa horiiti.
Obbo Ashabbir guyyoota muraasa dura sangaa kana birrii kuma 115 baasuun akka bitatan BBCtti himaniiru.
Obbo Ashabbir waa'ee sangaa birriin kuma 115 itti bahee maal jedhu?
"Sangichi guddaadha. Waggaa lamaaf ta'a kan soorame. Sangaa kana kanaan bite qote bulaarraati. Qote bulaan anatti gurgure kun sirriitti sooraa akka ture anatti himeera," jechuun BBCf ibsaniiru.
Obbo Ashabbir ofii isaanii jiraataa magaalaa Tafkii yoo ta'an, namni sangaa furdisee gurguru kun ammoo jiraataa Tajiidha.
"Ani daldalaa horiiti. Manneen fooniitiif ykn tibba ayyaana waggaa namoota qophii qabaniif yookaan ammoo namoota hoteela eebbisiifatanitti gurguruufan yaadaa jira.
Egaa akkuma haala gabaa irratti hundaa'us hanga kuma lamaa ykn kuma sadii irraa buufadheen gurgura. Gabayyaa irratti hundaa'a garuu," jedhan.
Sangaa tokkicha kanaaf birrii kuma 115 baasanii kan bitan haala gabaa irraa kan ka'e ta'uu kan dubbatan Obbo Ashabbir, "okaan/faagulloon horiin nyaatu [kuntaalaan] hanga birrii kuma sadii baasa.
Kanaaf, sangaan kun waggoota lamaa hanga sadiif yeroo sooramu kuntaala meeqa fixa jedhanii yaaduudha," jechuun gatiin sangaa kanaa hedduu kan qaala'e jedhamee hafarfamu akka hin taane ibsu.
Sangaa gatii akkas qaala'aa ta'een kanaan dura gurgurame beekuu laata?
Hanga ani beekutti sangaan birrii guddaatiin gurgurame isa kanadha. Gatiin sangaan guddaan kanadha, Kanaa gadiin sangaan birrii kuma 85, kuma 75, kuma 65iin akkuma akka isaatti gurguramaa jiraachuu dubbatan daldalaan kun.
Hoolaanillee hanga birrii kuma 12tti gurgurmaa jira jedhan Obbo Ashabbir. Aaanaa Daawoo magaalaa buusaatti hoolaan tokkichi hanga birrii kuma 12tti gurgurameera jedhu.
Naannoowwaa birootti gatiin horii meeqa baasa laata?
Ayyaana gaarii!














