Dandeettii Afaan Ingiliziin Keeniyaan Afrikaarraa sadaffaadha, Itoophiyaanoo?

Madda suuraa, Africa Businnes Insider
Dandeettiiwwan afaanii arfan dubbisuu, barreessuu, dubbachuufi dhagahuurratti hundaa'uun gabaasni dandeettii Afaan Ingilizii biyyoota addunyaaf sadarkaa baasu Itoophiyaa sadarkaa 65ffaarra kaahe.
Sadarkaan kun kan kenname dhaabbata dandeettii afaan Ingiliffaa qoree sadarkaafi waraqaa ragaa kennu EF jedhamuun yeroo ta'u, EF English Profeceiency Index, waggaa waggaan bu'aa qabxii namoota qormaata dandeettii afaan Ingilizii fudhatanii ilaaluun baha.
Gabaasni bara 2025 bahe akka agarsiisutti biyyoota addunyaa 123 keessaa dandeettii afaan Ingiliziin gahumsa olaanaa biyyi qabdu Netzerlaands taateetti.
Sadarkaan kun yoo bahu biyyootni afaan dhalootaasaanii Ingiliffa ta'e Ingiilaandiifi US keessa hin jiran.
Dhaabbatichi dandeettii biyyootaa bakka jahatti qoodee kaahe. Baayyee oolaanaa, Olaanaa, gidduugaleessa, gad aanaa fi baayyee gad aanaa jechuun.
Kunis qabxii dubbisuu, barreessuu, dhagahuufi dubbachuurraa argamu walitti qabuuni. Ida'amni qabxiiwwan kanaa 600 ol yoo ta'e sadarkaa baayyee olaanaa keessa gala.
Haala kanaan biyyootni 15 hedduunsaan biyyoota Awurooppaa ta'an sadarkaa baayyee olaanaa keessa galaniiru. Neezerlaands tokkoffaa yoo taatu, Kirooshiyaa, Oostiriyaafi Jarman itti aanu.
Afrikaa keessaa Afrikaa Kibbaafi Zimbaabween qabxii walqixaa fiduun sadarkaa 13ffarra qabachuun garee kanatti makamaniiru.
Biyyi olaa Itoophiyaa kolonii Ingiliz hjala turte Keeniyaan Afrikaarraa sadaffaa addunyaarraa ammoo sadarkaa 19ffaarra jirti. Ramaddii gahumsa olaanaa jala jirti.
Keeniyaan cinaatti biyyootni kolonii Ingiliz jala turan Zaambiyaafi Naayijeeriyaan sadarkaa Olaanaa keessa galaniiru.

Madda suuraa, EF EPI
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 10 keessaa tokko
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan hanga xiqqoof sadarkaa giddugaleessaa keessaa baatee gara sadarkaa gadaanaa galte.
Qabxii argatteenis addunyaarraa 65ffaadha. Afrikaa keessaa ammoo sadarkaa saddeettaffaarra jirti.
Sadarkaan biyyoota Afrikaa hanga kudhanii jiru: Afrikaa Kibbaa, Moozaambiik, Keeniyaa, Zaambiyaa, Naayijeeriyaa, Gaanaa, Ugaandaa, Itoophiyaa, Tuniiziyaafi Morookoodha.
Sadarkaan kun kan bahe bu'aa qormaata namoota miliyoona 2.2 ta'anii ilaaluuni.
Warra qoraamata kana fudhate keessaa dhibbeentaan 46 dhiirota, harki caalaan ammoo dubartoota.
Biyyoota Afrikaa qorannoo kana keessatti hammataman 28 yeroo ta'an, gidduugaleessaan umriin namoota qorannoo kanarratti hirmaatanii 26.
Wanti ijoon qorannoo kana keessatti hubatame biyyoota gahumsa olaanaa qaban keessatti garaagartummaan dandeettiiwwan afran gidduu jiru baayyee kan walgatu ta'uusaati.
Biyyoota gahumsa gadaanaafi baayyee gadaanaa qaban keessatti garaagartummaan dandeettiiwwan afaran gidduu jiru badaa wal hin gatu.
Akka qirannoon kun agarsiisutti dandeettiin barreessuu aadaafi afaan dhalootaa biyyootaan dhiibbaan guddaan irra gahaa jira.
Itoophiyaa keessatti dandeettiiwwan afaanii arfan keessaa inni qabxii olaanaa argatee dubbisuu yoo ta'u, inni qabxii gad-aanaa argate ammoo barreessuudha.
Itoophiyaan sadarkaa bara darbe argatte irraa sadarkaa tokkoon ol guddatteetti.
Dhaabbatichi qabxii qabxii waliigalaa Itoophiyaa keessatti galmaahe naannoodhaan adda baasee kan kaahe yoo ta'u qabxiin olaanaan kan galmaahe Tigraay irraayi. Achii Uummatoota Kibbaa fi Oromiyaatu itti aana.
Magaalotaan ammoo tokkoffaan Finfinnee ittaansee Maqalee fi Adaamaadha.
Somaaliyaa, Toogoo, Liibiyaafi Ayivoori Koost warra sadarkaa dhumaarra jiraniidha.















