Pirezidantiin Al Siisii Sa'udii deemuun Ilma Mootii Sa'udii Salmaan waliin mari'ate

Madda suuraa, presidency.eg
Pirezidantiin Masirii Abdel Fattaa Al Siisii Wixata gara Sa'ud Arabiyaa deemuun Ilma Mootii Sa'udii Mohaammad Biin Salmaan waliin mariyaechuu waajirri pirezidantii Masirii beeksise.
Bulchitonni lamaan waa'ee Gaazaa, muddama naannicha keessa jiruufi dhimmoota biroo biyyoota lamaan ilaallatanirratti mariyachuun kan ibsame yoo ta'u, mana jireenyaa Ilma Mootii Sa'udii keessatti dhoksaan marii taasisuun isaanii eerameera.
Daawwannaa Al Siisii kanaan biyyoonni lamaan dhimmoota waloo naannichaafi dhimmoota idil-addunyaa biroo irratti mariyachuun tumsa waliif gochuu cimsuun hariiroo isaanii bara dheeraa lakkoofsise itti fufsiisuurratti waliin dubbachuun isaanii ibsameera.
Hoggantoonni lamaan naannicha keessa muddamniifi walitti bu'iinsi akka hin jiraanne gochuuf, furmaata karaa nagaa fiduudhaaf, tumsa biyyoota Arabaa jabeessuuf, akkasumas dhimma keessoo keessa osoo hin galiin walabummaa biyyootaafi tokkummaa daangaa kabachiisuurratti waliigalteerra gahuu waajirri pirezidantii Masirii ibsa baaseen beeksiseera.





