Humna waraanaa fiixee Somaalee hanga Mitsiwwaa tiksu ijaarreerra - MM Abiy

Madda suuraa, FDRE Defense
Itoophiyaan humna waraanaa leenjii addaa fudhate biyyarra kan darbe Baha Afrikaa tiksuu danda'u akka ijaarte Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan.
Bulchaan Itoophiyaa hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalaa Hawaasaatti yeroo kabajametti kana dubbatan.
Dubbiin isaanii kuni yeroo muddamni Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti hammaatee jirutti dhagahame.
Gabaasa guutuu:MM Abiy waa'ee humna leenjii addaa fudhate maal dubbatan?

