Namichi hidhatee qe'ee Tiraamp humnaan seene ajjeefamuu Tajaajilli Tikaa ibse

Madda suuraa, Getty Images
Hidhataan qe'ee Pirezidant Doonaald Tiraamp Filooriidaatti argamu, kan eegumsa cimaa qabu- Mar-a-Lago jedhamu seene itti dhukaafamuun ajjeefamuu Tajaajilli Tikaa US ibse.
Wayita taateen kun Dilbata ganama mudatu Pirezidant Tiraamp Waashingitan ture.
Namni kun Austin T Martin akka jedhamuu fi nama Kaameeruun Kaabaa Kaaroolaayinaa irraa ta'uu miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS gabaaseera.
Maatiin isaa Kaaba Kaarolaayinaa jiraatan namni kun Dilbata barii dhabamuu gabaasanii akka turan humni nageenyaa bulchiinsa Moore ibsa BBC'f ergeen beeksiseera.
Isa booda odeeffannoon nama dhabame kanaa aanga'oota federaalaaf ergame jedhe qaamni nageenyaa kun.
Ejentoonni Tajaajila Tikaa wayita namni kun seeraan ala gara mooraa eegumsi isaa cimaa ta'e kanaatti seenuun argan itti dhukaasuu dubbi himaan dhaaba kanaa Antony Guglielmi X irratti ibsaniiru.
Namni kun meeshaa waraanaa fi boba'aa qabatee mooraa Mar-a-Lago seenuu qondaalli kun ibsaniiru.
Qondaalli nageenyaa bulchiinsa Palm Beach Riik Biraadshow namni kun akka hin seenne dhorkamus ajaja fudhachuu wayita didu rukutameera jedhan.
''Battala inni boba'aa qabatee jiru lafa buusuu fi meeshaa waraanaa qabate sirreeffatutti haala yeros ture tasgabbeessuuf itti dhukaafame,'' jedhan.

Madda suuraa, Facebook
Akka qondaalli kun jedhanitti yeroo sana eegdonni achi turan dhukaasa banameen hin miidhaman hafaniiru.
Namni mooraa kanatti humnaan seene kun meeshaasaa nyaachifachuu fi dhiisuu wanti beekame hin jiru jedhu Biraadshow.
Isa kana FIB waliin ta'uun qorataa akka jiran ibsan.
Daarektarri Tajaajila Tikaa US Siyaan Karan taatee kana hordofuun Dilbata gara Filooriidaa erga imalanii booda tarkaanfiin oppireeshinii kanaan fudhatamu akka cimu kallattii kaa'an.
Qe'ee Mar-a-Lago keessatti eegumsi akkaan cimaadha. Ala isaa kan eegan humnoota nageenyaa bulchiinsa Palm Beach yoo ta'an keessoo isaa ammoo qondaalota tajaajila tikaatu eegu.
Qaamni gara mooraa kanaa seenu akkaan sakatta'ama, konkolaattonni fi korojoowwan saroota sakatta'iinsa irratti leenji'anii fi maashina ammayyaan sakatta'ama.
Yeroo garagaraatti yaaliiwwan ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti gaggeeffamaniiru.
Adoolessa 2024 Pensalveeniyaa, Butler keessatti osoo uummata tuutaan ba'e fuulduratti haasaa taasisuu gurra isaarra rasaasaan rukutame.
Dhukaasa yeroo sana mudateen namni isa bira dhaabbataa ture tokko yoo du'u, namoonni lama madaa'aniiru.
Dhukaasa sana kan raawwate namni umrii waggaa 20 Maatiwu Kiruuksi yogguma sana qaamilee nageenyaa itti dhukaafamee ajjeefame, kaayoonsaa garuu hin baramne.
Ji'oota booda hojjettoonni Tajaajila Tikaa US, bosona naannoo keessaa rasaasi gara Dirree tapha Qillee (Golf) Idiladdunyaa Tiraamp kan Dhiha Palm Beach keessatti argamu dhukaafamuu ibsan.
Taatee sanaan walqabatee namni Ryan Routh jedhamu dura miliqus boodarra qabameera.
Namni umrii waggaa 59 kun jalqaba ji'a kanaa pirezidantii ajjeesuuf yaalii taasiseen yakkamaa ta'uun hidhaan umrii guutuu itti murtaa'eera.












