US namni Paakistaan Iraaniif qacaramuunTiraamp fi qondaaltota kaan ajjeesuuf ture jechuun himatte

Suuraa Asif Merchant wayita qabamu

Madda suuraa, US Department of Justice

Namni lammii Paakistaan ta'e Iraan waliin hidhata qaba jedhamu namoota siyaasaa fi aanga'oota mootummaa US ajjeesuuf socho'aa ture jedhamuun himatame.

Daarektarri FBI Kiristoofer Wray sochii nama kanaa ergama balaafamaa jechuun ibse.

''Qacaramanii ergama fudhatanii lubbuu balleessuun kun tapha Iraan irraa kallattiin taphatamuudha,'' jedhe jaarmiyaan US kun.

Namni umrii waggaa 46 Asif Merchant Niwu Yoork keessatti garee haleellaa raawwatan qacaruun qondaalota Ameerikaa bebbeekamoo ta'an ajjeesuuf socho'aa ture jedhamuun himatame.

Miidiyaan miiltoo BBC ta'uun waliin hojjetu, CBS, maddeen wabeeffachuun Doonaald Tiraamp namoota siyaasaa irratti xiyyeeffataman keessaa tokko ta'uu gabaase.

Shira Iraan duuba jirti jedhamuun komatamtuun aanga'oonni siyaasaa US ajjeefamuuf kiyyoon kaa'amuu kan hubatan qondaalonni FBI, Waxabajjii 2024 irraa eegaluun kaadhimamaa paartii Rippaabilkaanotaaf eegumsa cimsaniiru.

''Aanga'oota mootummaa fi lammii US kamiyyuu ajjeesuuf kiyyoon qaamolee alaatiin xaxamu nageenya biyyaalessaaf balaa hamaadha. Waan danda'u hundaan gocha kana dura dhaabbachuun hojii ijoo FBI ti,'' jedhan Aab Wray.

Asif Merchant Adoolessa keessa qabame, yeroo ammaa Niwu Yoork keessatti hidhamee jira.

Aab Merchant Paakistaan irraa gara US kan seene Ebla keessa ture. Ameerikaa seenuu dura yeroo muraasa Iraanitti dabarsuu mul'isa himati ministeerri haqaa nama kanarratti dhiheesse.

Erga Ameerikaa seenee namoota isa tumsuun lubbuu namoota galaafatan waliin walquunnamaa ijaaraa ture jedhamuun himatame.

Asif Merchant haala kiyyoo ajjeechaa hidhaa turuun kan himatame yoo ta'u, gocha inni dhoksaadhaan raawwataa tures kan saaxile namuma inni waliin hojjechuuf miiltoo godhatedha.

Namni inni iccitii garaasaa fi karoorasaa itti himuun waliin socho'uuf ture, kan iccitiisaa poolisiitti gabaase, kun maqaan hin ibsamne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Asif Merchant wayita qabamu ''harkasaa akka nama meeshaa dhukaasuutti'' agarsiisuun waan gochuuf yaadee ture ibse.

Himata nama kanarratti dhihaate keessatti akka eerametti hojiinsaa kan carraa eeggachuun yeroo tokko qofaaf raawwatee dhaabbatu hin turre.

Karoora yeroo dheeraa qabatee waan dhufeef namoota karoora kana itti fufiinsaan raawwachuun namoota danuu ajjeesan hedduun quunnamaa ture jedha himati kun.

Aab Merchant osoo namni inni irratti qiyyaafate hin ajjeefamin dursee US keessaa akka ba'uu fi nama karoora ajjeechaa kana raawwatu ammoo bakkee taa'ee koodiidhaan akka hordofu waliigalee ture jedhamee himatame.

Shakkamaan kun nama quunnamaa tureen akka namoota qacaramanii nama ajjeesuu danda'an waliin wal isa quunnamsiisu gaafatee ture.

Namni isa waliin walquunnamaa ture kunis ejentoota FBI, kanneen dhokatanii dhimma kana hordofaa turan, waliin walitti fide.

Shakkamaan kunis namoota karoorasaa bakkaan ga'u jedhaman kunneenitti karoorasaa guutuu hime.

Namoonni inni karoorasaa itti himaa jiru kunneen ejentoota FBI ta'uu inni yoom hubate?

Nama siyaasaa irratti xiyyeeffate sana manasaatii dokumantiiwwan murteessoo ta'an hatuu, hiriira mormii qindeessuu, isa booda ''nama siyaasaa sana'' ajjeesuu akka barbaadu itti hime.

Akka himannaa dhihaateetti Asif Merchant nama irratti qiyyaafate waliin walquunnamuu kan eegalu dhuma Hagayyaa yookiin jalqaba ji'a Fulbaanaa ture.

Himata dhihaate keessatti namni siyaasaa irratti qiyyaafatame Doonaald Tiraamp ta'uun hin eeramne, garuu gabaasi CBS akka mul'isutti pirezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp namoota kiyyoon hidhameef keessaa tokko.

Karoorri Asif Merchant kun yaalii ajjeechaa Doonald Tiraamp irratti dargaggeessa umrii waggaa 20 Toomaas Maatiw jedhamuun Pensalveeniyaa keessatti Adoolessa darbe gaafa 13 raawwateen wal hin qabatu jedhe himati kun.

Erga bara 2020 haleellaa dirooniin qondalali waraanaa Iraan Qaasin Soleyimaan ajjeefamee, Tiraamp fi qondaaloni US isa waliin hojjetaa turanirratti doorsisi Tehraan hammaateera.

Ajjeechaa ajajaa waraanaa Iraan irratti raawwate sana kan ajaje bulchiinsa Tiraamp.