Iraan Doonaald Tiraamp ajjeesuuf shirti sodaa jedhuun Tiraampif eegumsi erga cimee bubbuleera

Bakka itti Tiraampitti dhukaafame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni Sekreet Sarvisii bakke yalin ajjeechaa Tiraampirratti erga gaggeeffamee bakkicha yeroo tiksan

Iraan pirezidaantii duraanii US Doonaald Tiraamp ajjeesuuf karoorsiteetti sodaa jedhuun torbanoota darbanirraa kaasee humni nageenyaa Tiraampiin eegu akka dabalu godhamuu qondaalonni nageenya biyyaalessaa US beeksisan.

Yaaliin ajjeechaa Sambata darbe Pensalvaaniyaatti Tiraampirratti gaggeeffame harki Iraan keessa jiraachuufi dhiisuu waanti barame hin jiru.

Nageenyi Doonaald Tiraamp sirriitti akka mirkanaa'ufi humni nageenyaa akka dabalu kan godhame garuu yaalin ajjeechaa kun osoo hin gaggeeffamin torbanootan dura.

Kuni ta'ee osoo jiruu dargaggeessi ganna 20 Toomas Maatiwu jedhamu bakka Tiraamp itti haasaa gaggeessutti baaxii manaa yaabbatee akkamitti dhukaasuu danda'e? Iraan karoora Tiraamp ajjeesuu akka qabdu odeeffannoon eegdota Tiraampiif kennamee osoo jiruu akkamiin yaalii ajjeechaa kana dursanii fashalsuu dadhaban kan jedhu gaaffii ijoo ka'aa jiruudha.

Iraan Tiraamp ajjeesuuf karoora akka qabdu odeeffannoon US Sekreet Sarvisiifi qindeessitoota duula filannaa Tiraampif akka kenname qondaalli nageenya biyyaalessaa miidiyaa CBStti dubbatan.

Yaaddoo Iraanirraa dhufuu malurraa kan ka'e ji'a Waxabajjii keessa eegumsi Tiraampif godhamu akka cimu godhamuutu ibsame.

Ogeeyyin haleellaa gaggeeffamuuf haleellaa hatattamaa deebii kennan, isnaayipparii dhukaasun kanneen dandeettii addaa qaban, dirooniwwaniifi saree robootii fa'aa eegumsa Tiraampif akka ramadamuu CBStti himan qondaalli nageenya tokko.

Pirezidaantii duraanii Iraan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantin duraanii Iraan, Ibraahim Raa'isii, walgahii UN bara 2022 irratti suura Qaasim Sulemaanii qabatanii

Doonaald Tiraamp yeroo pirezidaantii turanitti gaggeessaa humna Iraan Quds jedhamuu Jeneraal Qasiim Suleemaanii ajaja isaanin bara 2020 Iraaq keessatti akka ajjeefamu godhamee ture.

Iraan du'a jeneraalasheef haaloo akka baatu yeroodhuma sana kakattee turte. Ergasii ministiira dhimma alaa duraanii kan turan Maayik Pompewoo dabalatee kanneen biroos yaaddoo haaloo bahannaa Iraan jala akka jirantu himame.

UStti Mishiniin Iraan akka beeksisetti himannaan US Iraanirratti dhiyeessite "maqa balleessii bu'uura hin qabneedha" jechuun "Tiraamp nama yakkamaa seeratti diyaatee yakki itti muramuu qabuudha" jechuun ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubbi himaa US Sekreet Sarvisii kan ta'an Antoonii Gugleelmii akka jedhanitti ejansiiwwan nageenyaa US odeeffannoowwan yaaddoo nageenyaa yeroo garaa garaatti akka isaa qaqqabuufi akkaatuma odeeffannoo argataniin eegumsi nageenyaa akka cimu gochuu himan.

Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawusitti dubbi himaa kan ta'an Andiriin waatsan ammoo qondaalonni nageenyaa US "waggoota darbaniif yaaddoo nageenyaa Iraan qondaalota bulchiinsa duraanii Tiraampirratti gaggeessitu hordofaa jiru."

"Yaaddowwan [nageeyaa] kun fedhii Iraan du'a Suleemaanif haaloo bahachuuf qabdurraa kan maddeedha," jedhan.

Yaalii ajjeechaa Sambata darbe Tiraampirratti gaggeeffame kanneen Iraan wajjin wal-qabsiisan hin dhabamne.

Yeroo namichi Tiraampirrati yaalii ajjeechaa raawwate mana gubbaa bahu poolisoonnifi humni tikaa nageneya bakkichaa eeguf itti gaafatamummaa qabu eessa ture? jechuun gaafatu.

Yeroo dargaggoon ganna 20 Toomas Maatiwu mana gubbaa bahee Tiraampitti dhukaasu poolisoonni naannichaa mana sana keessa akka turan Daayireektarri Sekreet Sarvisii amananiiru.

Namichi yaalii ajjeechaa gaggeesse akkamitti bakka Tiraamp turetti dhiyaatee akka dhukaase qorannoon bilisaa akka gaggeeffamu ajajaniiru.