Adeemsi araaraa Andu'aalamii fi maatii Qananii akkamiin gufate?

Andu'aalam Goosaafi Qananiin kaadhimaa turan

Madda suuraa, @Andualem Gosa

Ibsa waa'ee suuraa, Andu'aalam Goosaafi Qananiin kaadhimaa turan

Ajjeechaa Qananii Addunyaan wal qabatee Abbootiin Gadaa fi hayyuuleen dhimmichi araaraan akka furamu adeemsi baatiiwwan muraasaaf gochaa turan gufachuu dubbatan.

Kaadhimaan Qananii, Artist Andu'aalam Gosaa ajjeechaa isheen shakkamee manni murtii dhimma isaa ilaalaa ture.

Andu'aalam waggaa darbe baatii Bitootessa keessa poolisiidhaan erga to'atamee hidhaa ji'a sadii booda baatii Waxabajjii keessa hidhaarraa gadhiifameera.

Weellisichi sababa abbaan alangaa yeroo kennameefitti himata hin banneef 'mirga wabii' qarshii 50,000 kaffaluun gadhiifamuu abukaatoon isaa yeroos dubbatanii turan.

Maatiin Qananii immoo wabiin gadhiifamuu isaatti gammachuu hin qabani, ajjeechaa isaaf isa himatu.

''Dhiiga mucaa keenyaas hin argine, dhugaa mucaa keenyaas hin argine. Lammaffaadha ajjeesan [yeroo Andu'aalam wabiin bahe],'' jechuun abbaan ishii BBC'tti dubbatanii turan.

Artist Andu'aalam jalqabumaa shamarree Qananiin erga du'uun ishee ibsamee booda du'a ishee keessaa harka akka hin qabne waakkataa ture.

Maatiin shamarree kanaammoo intalli keenya harka namaan malee ofirratti miidhaa dhaqqabsiifti jennee hin yaadnu jechuun dubbatu.

Dubbii jaarsoliin ilaaluu eegalan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seerri dhimma kana qabe maal akka jedhu ifa ta'uudhaas baatu dhimmichi osoo kanaan jiruu Abbootiin Gadaafi hayyuuleen dhimmicha 'araaraan' xumuruuf sosso'uu eegalan.

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa dhimma kana baatiiwwan sadiif gaaddisa jalatti ilaalaa turuu BBC'tti himan.

''Dubbiin kuni akka Sirna Gadaa Oromootin akka ilaalamu akka nuu kennan gaafanne.

''Qaamni lachuu dubbii tana gadaa Odaa Bultumiifi gadaa Oromoo Tulamaatiin akka ilaalamu hayyamamaa ta'ee ilaalaa turre.

''Gaaddisa sadii teenye. Gaaddisa sadii teenye kana irrattii dubbii ijoo ijoo gara xumuraatti nu fiddu, dubbii dhugaa qabdu erga agarree, gaaddisa duraa Miiccataafi machaaraatti ilaalaa turre, gaaddisa afraffaa Cirootti qaxaranne.

''Gaaddisa afraffaa kanarrattii kan shakke abbaan ilmee duutee Addunyaa Waaqoo gaaddisa nurraa jigsee nurraa hafe,'' jechuun dubbatu.

Kuni egaa ALI baatii Onkololeessa 2018 keessattidha.

Abbaan intalaa erga gaaddisa hafe booda ''gaaddisa lama teenyee jirra'' jedhu Abbaa Gadaa Goobanaan.

Itti himamnaanis hin dhihaanne jedhan. Yeroo sadaffaaf Cirootti akka dhihaatu itti himamaa ture. Hayyuunis, bokkuunis itti himamee ''dhufuuf hayyamamoo hin taane.''

Abbaan Qananii, Obbo Addunyaan sababa hafaniif BBC'n gaafateera. Gaaffii adeemsaa akkasumas dhugaan intalaa baha jedhanii waan hin yaanneef hafuu himan.

''Maanguddoon Ciroo deemaa turte, nuti quba hin qabnu akka maatiitti. Nuun nu dide gosa isaanii fidna jedhanii, jechuun adeemsarra komii kaasu.

Obbo Addunyaan Harargeetti ''balbala malee gosa hin beeku,'' jechuun dubbatu.

Artist Andu'aalam owwaalcharratti argameera

Madda suuraa, Lalisa Indiris/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Andu'aalam owwaalcharratti argameera

Beellama gaafa Kibxataallee hin beeknu, hin deemne jedhan.

''Nuti hin deemne, gumaa fudhadhaa jedhani. Gumaa maalii fudhanna? Yoo ajjeesera jedhe kallattiin fuuldura bahaa koottaa, yoo hin ajjeesne ta'e gumaa maal nuu kaffalaa jenne.

''Ammasimmoo gumaa namni fudhatu akkasitti miti. Ilmi abaluu intala abaluu narratti badeera erga jedhee himatee booda.

''Hin ajjeesne, nan kakadha jechaa, gumaa nan kaffalaan waan walitti hin deemne. Dhugaan jiru kana. Kana akkasitti hin qeeballe [fudhanne].''

Akka hayyuuleen jedhanitti, sirna kakuuf Andu'aalam, obboleettiin akkasumas hojjettuun achi turte.

Gaafa ''dhugaan bahuuf jedhu gaaddisi nu harkaa jige,'' kan jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, maaltu itti aana jechuun BBC'n gaafateera.

''Dubbii kana baraafi gadaan hiikkatti'' jechuun yoo maatiin intalaa ''gaabbanii'' gara sirna gadaatti dhufan akka ilaalamu himu.

Gaaddisa jala maaltu ka'e?

Abbaan intalaa ''akka intalli kuni nama kana waliin jiraatte, akka intala kana nama kanaa kenne, akka imaanaan kuni isa biratte badde himata.

''Kan himatummoo isa [Obbo Addunyaa] miti fira isaati,'' jedhan.

Intalli kiyya kan duute ''sababii isaatii'' jedhanii dubbataas turan jedhan.

Andu'aalam immoo ''harka kiyyaa moti [miti]. Ofiif darbamte malee ani hin darbine,'' jechuu himan.

Andu'aalam ''karamiinuu akka dhugaan isaa baatu kan dubbate. Jireenya dhirsaafi niitii keessatti waan keessa turanillee, waan keessa qaxxaamuranillee,'' ibsataa ture jedhan.

Maatiin intalaa maal komatu?

Gama kaaniin abbaan Qananii, Obbo Addunyaa Waaqoon abbootiin gadaafi hayyuun ''dhugaa barbaannee araara buusna'' jedhanii dhufan simachuu himu.

''Ergasii waan kana irra deebi'aatii qulqulleessaa jenneeni. Yeroo qulqulleessinu hin ajjeesne, dhiignimmoo nurra jira kan jedhu kaasani jechuudha.

''Dhiigni nurra jira, garuu hin ajjeesne jechuun maal jechuudha? Hin ajjeesne yoo ta'e irbuun maaliif barbaachise? Erga irbuun guyyaan qabame booda maattinillee irratti walii hin galle.

''Waan qulqullaa'uu qabummoo tokko lama jennee itti himneerra. ….Hin ajjeesne yoo jedhe eenyu kan fuula ishee akkana godhe?'' jechuun itti himuu dubbatu.

''Isaan akka isheen [Qananii] qobaa jirtutti kan itti himani,'' jechuunis himatu.

Dabaluunis, guyyaa isheen duute mana keessa maatiin akka turan, isa qofaa shakkamaa jedhanii qabachuun rakkoo akka ta'e, akkasumas yeroo duutu ''fuulli fayyaa qaba duuba kana madaa xiqqoo qaba malee'' jechuun itti himuu dubbatu.

Qananii Addunyaa

Madda suuraa, Keneni Adugna/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Qananii Addunyaa, 25, modeela akkasumas miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoos beeksisuun beekamti

''Of deebi'een of laala jedhanii deemani nu biraa [Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa]'' jechuun BBC'tti himan.

''Haga fuulli ishee akkana ta'e kun eenyu akka reebaa ture, eenyu rasaasa itti dhukaasaa akka ture, erga adda baheeti irbuu seenuun barbaachisa malee hin ajjeesne jechaa irbuu gama tokkoon immoo dhiigni nurra jira jechaa, jecha wal dhahuutu jira, kuni hanga qulqullaa'utti guyyaan beellamaa suni darbuu qaba,'' yaada jedhu akka kaasan himu Obbo Addunyaan.

Kana kana eeruun ''Of ajjeesteen waan hin fakkaannedha'' jechuun abbootiin gadaafi hayyuuleen akka qoratan gaafatu.

''Yoo ajjeeseera ta'e guyyaa qabaati wal arguu dandeenya. Hin ajjeesne jennaan adda galuudha. Nuti Rabbiitti kennane.''

Andu'aalamiin erga hidhaatii bahe ijaanu arginee hin beeknu kan jedhan Obbo Addunyaan, qabeenyashee isa biru jiru seeraan deebisuu qaba jechuunis gaafatu.

''Qabeenya isheellee fudhatee dhugaashee nutti hime waan guddaa ture.''

Dhugaan eessa jirti?

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, hayyuuleefi abbootiin gadaa Tuulamaafi Odaa Bultuum ''bakka dhugaan jirtu argee jira. Garuu eenyu dhugaa haa fudhatu?

''Eenyu dhugaa haa fudhatu?'' jechuun himu.

Waa'ee dhugaa dhugeeffatan BBC'n gaafatee, gaaddisi irbuu [waadaa] qaba jedhu.

''Yoo abbaan dhugaa dhufe abbaa dhugaatiin baha malee qilleensaan hin bahu. Argamtee hima malee eessatti eenyurratti akka argamte gaaddisni irbuu qaba.

''Irbuu nama dabarsee osoo gara araaraatti hin dhufin osoo abbaan dhugaa fudhatu hin argamiin hin kennitu namaafuu. Irbuudha kuni.''

Abbaan Gadaa qaamoleen lamaan, kan shakkeefi shakkame, bakka argamanitti dhugaa argame jedhan akka dubbatamu BBC'tti himaniiru.

''Wanti sirni gadaa Oromoo hin furre hin jiru. Oolee bulee ni furama kan jedhu abdii qabna,'' jechuuni himan.

''Ilmi Oromoo martuu abbaa gadaatiif qixa. Ilmi Oromoo martuu gadaa Oromootif qixa. Namni cubbuun mana ofiititi hin galu. Hayyuunis cubbuun mana ofiititti hin galu.

''Gadaanis cubbuun mana ofiititti hin galtu,'' jechuun dhimma shakkamaafi shakkee loogii malee jaarsii akka ilaale himan.

BBC'n Andu'aalamii fi namoota isatti dhiyoo jiran dubbisuuf yaalee hin milkoofne.

Andu'alam mirgi wabii eegameefiiti kan mana hidhaatii bahe. Dhimmi isaa ammayyuu mana murtiin qabamee jira.

Maaltu lallabame?

Abbootiin Gadaafi hayyuuleen erga dhimmicha bitaa mirga qoratanii booda lallabaniiru.

Maatiin intala dhabanii erga hafan booda fira, Abbaa Gadaa, abbaa bokkuun wanti baay'een laalamee waar'atee ''ijibbaata'' lallabuu dubbatan.

''Namni kuni dhugaa qabullee, gumaa qabullee fudhatuu waan dideef lallaba yookaan immoo qoqqobbii irratti darbineetu jira.

''Qoqqobbiin kunis waan lamarratti xiyyeeffata. Tokko, jireenya hawaasummaa isaarratti xiyyeeffannoo guddaa qaba.

''Lammatammoo Oromummaa isaarratti, aadaafii safuu isaarratti,'' jechuun Abbaan Gadaa Goobanaa BBC'tt himan.

Dhimma kanarratti BBC'n maatii Qananii dubbisuu baatus, jalqaba araarri karaa jaarsolii gadaa akka bu'u fedha akka qaban ibsaniiru.

Andu'aalam bilisa jedhameeraa?

Abbootiin Gadaa Oromoo dhugaa baasneerra jedhanii dubbataniiru.

Miidiyaalee hawaasummaa gubbaa weellisaan ajjeechaan shakkame bilisa bahuu bal'inaan qoodamaa ture. Kuni hangam dhugaadha?

Abbaan Gadaa ''Qananiin duuteetti, armii taatee jirti kanaan booda ol jettee hin dandeessu dhagahuu hin dandeessu.

''Warrimmoo jireenya ardii kanarraa hamma jiru saqaqanii, gadda keessa jiraatu tokko nama jaalallee isaa haadha manaa isaa dhabe kana, lammatammoo maatiidha.

''Kanaafi gad taa'amee raawwatee Oromoon dubbii laallatu,'' jedhu.

''Harka fayyaalessi bahuu hin danda'a. Yoo dhugaan jiraatte kan jennu abdii qabna,'' jechuun hamma ''abbaan dhugaa fudhatu argamutti..hin dubbatan'' jedhan.

''Yoo harki isaa qulqulluu ta'e dhuguma hin baha. Yoo harki isaa qulqulluu ta'uu baate hin bahu jalaa.

''Waan kanammoo akka hin hojjenne kan nu dhowwe nama shakke. Nama ilmeen jalaa baddalamte kana. Jidduu kana jirra.''

Waan dhugeeffannee jedhan akka hin dubbanne ''danqaa hamaa'' kan nutti ta'e nama namni jalaa du'e jedhan Abbaan Gadaa.

Kanaaf dhimma Andu'aalam irra deebiin kan gaafanne Abbaa Gadaa Goobanaa kana deebisan;

''Namni tokko hanga dhugaa jaarroleen nama kanarraa fuute, jecha jaarroleen nama kanarraa fuute atin bilisa ati harkikeen qulqulluudha jettee labsamtuutitti bilisa namni kuni jennee wanti labsine hin jiru.''

Adeemsa araaraan dhugaa baasuu kanarratti BBC'n maatii Andu'aalam dubbisuu yaaleera.

Qananiin eenyudha?

Sirna owwaalcha isheerratti akka ibsame taanaan Qananiin umrii ishee 25'n boqotte.

Aanaa Daaroo Labuu magaalaa Miicataatti kan dhalatte Qananiin, ijoollummaa irraa eegalee barumsaan cimtuu ta'uu seenaasheerratti himameera.

Barnoota sadarkaa lammataaf ''qabxii olaanaan xumurte'' Yunivarsitii Arbaa Mincitti Muummee Haayidiroolikiifi Waatar Injinaringii ALI Bara 2011 eebbifamte.

Achis Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hojjechuun ibsameera.

Eegasii garuu modeela akkasumas beeksisaafi bohaartii garagaraa keessa hirmaachuun beekamti.

Keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoo miidhagdee mul'atti.

Abbaan ishee Obbo Addunyaan ''Isheen maatii ijaartee, barumsasheetti itti fuftee of dandeessee hanga kaampaanii,'' hundeessutti akka karoorsite dubbatu.

''Gabaabumatti nama amala gaarii qabdu, nama maatii kabaju nama fira kabajjudha.''