Artist Andu'aalam Gosaa turtii ji'oota sadii booda wabiidhaan hidhaarraa bahe

Artist Andu'aalam Gosaan walleewwan ammayyaa Afaan Oromoon dalaguun gurra horataa jira

Madda suuraa, @AndualemGosa

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Andu'aalam Gosaan walleewwan ammayyaa Afaan Oromoon dalaguun gurra horataa jira

Du'a kaadhimaasaa kan turte shamarree Qananii Addunyaatiin shakkamuun Bitootessa darbe poolisiidhaan kan to'atamee Artist Andu'aalam Gosaa Kibxata galgala hidhaarraa gadhiifamuu abukaatoon isaa BBC'tti himan.

Abukaatoon Artist Andu'aalam Gosaa, Obbo Liiban Abdii, akka jedhanitti, ji'oota darban kana mana murtiitti dhimmi isaa ilaalamaa kan ture weellisichi sababa abbaan alangaa yeroo kennameefitti himata hin banneef 'mirga wabiitiin' qarshii 50,000 kanfaluun gadhiifame jedhan.

"Ji'oota darban kana poolisiin qorannoo gaggeessaa ture. Poolisiin ALI gaafa Caamsaa 15, bara 2017 qorannoo xumuree galmee abbaa alangaatiif dabarse.

''Abbaan alangaa ammoo qorannoon poolisii isa qaqqabee guyyaa 15 keessatti himata banuu qaba."

"Haa ta'uutii, abbaan alangaa hanga Caamsaa 30, bara 2017tti yookaan himata hin banne yookaan ammoo qorannoon dhihaate himata banuuf gahaa miti jedhee galmee hin cufne" jedhan Obbo Liiban.

Abbaan alangaa qorannoon poolisii isa qaqqabee guyyaa 15 keessatti himata yoo hin banne maamilli isaanii kuni 'seeran ala hidhamani' jedhamee waan yaadamuuf mirga seeran kenname 'mirga namni seeraan ala hidhame seera duratti dhihaatee ilaalamuu' yookan "Habeas corpus " jedhamuun mana murtii gaafatan.

Manni murtiis iyyannoo shakkamaa kanaa ilaaluun mirga seeraa kennameef bu'uura godhatanii himatamaan kuni mirga wabiitiin akka bahu waan heyyamaniif ALI Waxabajjii 3, 2017 Kibxata galgala naannoo sa'aatii 12tti hidhaarraa bahe jedhan.

Qananiin modeela yoo taatu maatiin ishee himannaa of ajjeeste jedhu mormaniiru

Madda suuraa, Keneni Adugna/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Qananiin modeela yoo taatu maatiin ishee himannaa of ajjeeste jedhu mormaniiru

Ammaan duras abukaatoon himatamaa kanaa manni murtii maamila isaaniitiif mirga wabii akka eeguuf irra deddeebiin gaafachaa turanilleen poolisiin shakkamaan kuni yoo bahe ragaalee nujalaa miliksuu danda'a sababa jedheef mirgi wabii dhorkamee ture.

Adeemsi itti aanu maal ta'a? jennee kan gaafanne Obbo Liiban, "Ammaaf bellamni mana murtii qabame hin jiru. Murtii abbaa alangaa qofa eegna. Isaan yeroo fixanitti yoo himanni kan banamus ta'e, yoo hin himachiisu galmeen haa cufamus jedhan garagarcha nuqaaqabsiisan qofa eegna" jedhan.

Du'a shamarree Qananii Addunyaatiin kan shakkame Wellisaa Andu'aalem Gosaa A.L.I Bitootessa 3,bara 2017 hanga Waxabajjii 3, bara 2017 ji'oota sadiif mana hidhaa ture.

Qananiin eenyudha?

Sirna owwaalcha isheerratti akka ibsame taanaan Qananiin umrii ishee 25'n boqotte.

Aanaa Daaroo Labuu magaalaa Miicataatti kan dhalatte Qananiin, ijoollummaa irraa eegalee barumsaan cimtuu ta'uu seenaasheerratti himameera.

Barnoota sadarkaa lammataaf ''qabxii olaanaan xumurte'' Yunivarsitii Arbaa Mincitti Muummee Haayidiroolikiifi Waatar Injinaringii ALI Bara 2011 eebbifamte.

Achis Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hojjechuun ibsameera.

Eegasii garuu modeela akkasumas beeksisaafi bohaartii garagaraa keessa hirmaachuun beekamti.

Keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoo miidhagdee mul'atti.

Abbaan ishee Obbo Addunyaan ''Isheen maatii ijaartee, barumsasheetti itti fuftee of dandeessee hanga kaampaanii,'' hundeessutti akka karoorsite dubbatu.

''Gabaabumatti nama amala gaarii qabdu, nama maatii kabaju nama fira kabajjudha.''