Dhimma yaadannoo guyyuu Qananii Addunyaarratti manni murtii maal jedhe?

ArtisT Andu'alem Gosaa

Du'a shamarree Qananii Addunyaan walqabatee kan shakkamee weellisaa Andu'aalam Gosaa beellama Manni Murtii har'atti qabate bu'uura gochuun ganama har'aa mana murtiitti dhiyaateera.

Dhimmicha ilaalaa kan jiru Mana Murtii Federaalaa Jalaqabaa Ramaddii Araadaatti dhaddachi beellama yeroo 1ffaas dhaddacha har'a taa'een ajajawwan garagaraa dabarseera.

Manni murtichaa dhaddacha Wiixata kaleessaa Ebla 7, 2025 taa'een yaada poolisiifi abukaatoo shakkamaa erga dhaggeeffateen booda ajaja kennuuf har'atti beellama qabatee ture.

Haaluma kanaan manni murtichaa, poolisiin guyyoota beellamaa darban keessatti jecha ragaalee namootaa akkasumas ragaalee sanadaa walitti qabuu hime.

Kana malees, dhimmichi yeroo qorannoo gahaa kan barbaadudha kan jedhe manni murtichaa, poolisiif Bitootessa ALI 29, 2017 irraa eegalee kan lakka'amu guyyoota qorannoo dabalataa 10 kenneera.

Haaluma kanaan beellamni itti aanu ALI Ebla 09 bara 2017 (Ebla 17, 2025)tti akka ta'u ajaja dabarseera.

Dhimma yaadannoo guyyuu miidhamtuu

Miidiyaaleen tokko tokko yaadannoo guyyuu (diary) Qananii Addunyaan walqabatee waan dhaddacha kaleessaarratti hin dubbatamne gabaasaniiru jechuun abukaatoon weellisaa Andu'aalam Gosaa mana murtiitti iyyataniiru.

Abukaatoon shakkamaa odeeffannoon sobaa tamsa'es 'abukaatoon shakkamaa 'yaadannoon guyyuu miidhamtuu harkakoo jira' jedhaniiru' kan jedhu akka ta'e himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaa Addis Standard Afaan Oromoo maqaan dhahamuun komiisaanii kan dhiyeeffatan abukaatoon, manni murtichaa akka akeekkachiisufii tarkaanfii fudhatu gaafataniiru.

Kana malees yaadannoon guyyuu miidhamtuu "harkakoo seenee hinbeeku. Harka poolisii jira" kan jedhan abukaatoon shakkamaa, qabiyyee yaadannichaa maatii shakkamaarraa hubachuu himan.

Manni murtichaa gulaalchaa miidiyaa Addis Standard dhaddachatti waamuun kan gaafate yemmuu ta'u, gulaalchaan miidiyichaa abukaatoo walin erga haasa'anii booda gabaasa hojjetamee ture sirreessuu dubbateera.

Manni murtichaas yaada hojjetaa miidiyichaa erga dhaggeeffateen booda miidiyichi gabaasasaa akka sirreessuu jechuun ajaja dabarseera.

Manni murtichaa dhaddacha kaleessa taa'een miidiyaaleen gabaasa sirriifi madaalawaa ta'e qofa akka gabaasan akkekkachiisuunsaa ni yaadatama.

Shamarree Qananii Addunyaa ALI Bitooteessa 1, bara 2017 mana jireenyaashee Gamoo shanaffaarraa kufuun lubbuunshee akka darbe gabaafamuunsaa ni yaadatama.