Du'a Qananii irratti poolisiin bu'aa qorannoo reeffaa mana murtiif dhiheesse

Madda suuraa, Keneni Adugna/Facebook
Du'a shamarree Qananii Addunyaatiin wal qabatee shakkamuun too'annoo jala kan jiru kaadhimaanshee weellisaa Andua'aalam Gosaa torbee lamaan dura mana murtiitti dhihaachuun poolisiin yeroo qorannoo dabalataaf guyyoota 14 itti gaafatee ture.
Manni murtiis yeroo qorannoo poolisiin gaafate kana keessaa guyyaa 13 heeyyamuun ture Beellamni har'a Bitooteessa 26, 2025tti kan qabate.
Du'a shamarree Qananiin kan shakkame Welliisaa Andu'aalem uffata gaddaa uffachuun mana murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa Ramaddii Araadaatti dhihaateera.
Maatiin miidhamtuu kanaa fi namoonni hedduunis dhadhacha har'aa kanarratti argamaniiru.
Poolisiin guyyoota dabalataa fudhadhe jedheen bu'aa qorannoo reeffa shamarree Qananii, bakka balaan itti gahee fi ragaalee dabalataa walitti qabuu mana murtichaarratti hime.
Qorannoo reeffaa taasifames miidhamtuun kun olka'insarraa kuftee lubbuun darbuu akeekee jedhe. Ta'ulleen qorannoon dabalataa kanaan walqabatu akka taasisu poolisiin dabaluun hime.
Gama biraatiin bakka balaan kun itti qaqaabetti saamuda fudhachuun qorannoo foorensiikiitiif poolisii federaalaatti erguu fi bu'aan qorannoo kanaa ammo akka hin qaqqabneef dabaluun hime.
Kana malees, bu'aan qorannoo bilbila harkaa shakkamaa irratti taasisaa jirus akka hin qaqqabneef dabalataan hime.
Kanaaf jechas poolisiin qorannoowwan dabalataa na-hafan jedhu taasisuun xumuruu fi kanneen saamudni ergame akka qaqaabuuf yeroon dabalataa akka kennamuuf mana murtii gaafate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abukaatoon Andu'aalem gamasaaniin bu'aan qorannoo reeffaa dhihaate miidhamtuun olka'insarraa kuftee du'uu malee maamila isaaniin ajjeefamuu ragaan mul'ise hin jiru jechuun falman.
Kana malees, ragaaleen dabalataa poolisiin qorachaa jiru dhaabbilee akka hospitaalaa, Nageenya biyyaalessaa fi poolisii federaalaa harka jiran Waan ta'eef shakkamaan Yoo wabiin bahe ragaan miliksuu danda'u hin jiru jedhan.
Poolisiin gamasaatiin shakkamaan yoo wabiin bahe ragaalee namaa poolisiin qopheessaa jiru yaada jijjiirsisuu Waan danda'uuf shakkamaan kuni wabiin bahuu hin qabu jechuun dhadhacharrati falme.
Manni murtichaas falmii gama lamaanii erga dhagaheen booda poolisiin ragaalee qorannoo nahafan jedhu akka dhiheeffatu guyyoota 12 dabalataa heeyyameera.
Mirga wabii abukaatoon gaafate kufaa gochuunis Bitootessa 29, bara 2017 beellama qabateera.
Shamarree Qananii Addunyaa ALI Bitooteessa 1, bara 2017 mana jireenyaashee Gamoo shanaffaarraa kufuun ture kan lubbuun darbe.












