Abbaan Qananii waa'ee intala isaanii ijoollummaan duute maal jedhan?

Madda suuraa, @KeneniAdugna
Abbaan shamarree jalqaba torban kana magaalaa Finfinneetti duute, Qananii Addunyaa, intalakoof haqni akka argamuun barbaada jechuun dubbatan.
Modeela, akkasumas beeksisa garagaraa dalaguun kan beekamtu Qananii Addunyaan kaadhimaa Artist Andu'aalam Gosaati.
Erga duuni ishee dhagahamee booda poolisiin artistii kana ajjeechaa isheen shakkuun to'annoo jala oolchee qorachaa akka jiru beeksiseera.
Abukaatoon Andu'aalam immoo himannaa maamila isaaniirratti ka'e waakkatan.
Abbaan ishee Obbo Addunyaa Waaqoo intalli isaanii ''amala gaarii qabdi'' jechuun du'a isheen gadduu BBC'tti himan.
''Waan biraa waan barbaannu hin qabnu haqa akka baasu [poolisii] qofa barbaanna,'' jechuun dubbatan.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee qorannoo eegaluufi ammatti Qananiin mana jireenyaa ishee gamoo shanaffaarraa ''sababa ammaaf hin beekamneen kufuu'' dubbate.
'Bilbilanii natti himan'
Abbaan ishee Obbo Addunyaan Harargee jiraatu. Akkatti waa'ee du'a intala isaanii dhagahan akkanaan himu.
''Bilbilaniima mucayyoon fooqiirraa kufte kan je'u himani. …fooqirraa mucayyoon hin kuftu.
''Mucayyoon nama tasgabbooftudha, nama jijjiiramaaf, nama of jijjiiruuf nama maatii jijjiiruuf hojjettu.
''Waan boruu yaaddi malee waan akkasitti talkaashaa [gad bu'aa] hojjettu miti.
''Ishiin of waanii goote [of ajjeefte] jedhu kana naan seenu naan seenu. Yooma namni miidhaarra geessisee akka godhu godhe malee,'' jechuun seerri akka qoratu gaafatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Artist Andu'aalam du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee guyyaa Kamisaa mana murtiitti dhihaateera.
Abukaatoon isaa Obbo Liban Abdii BBC'tti akka himanitti, poolisiitu Andu'aalam mana murtii federaalaa dhaddacha Araadaatti dhiheesse.
Abukaatoon garuu himannaa irratti ka'e waakkachuun ajjeechaa raawwachuuf wanti ka'umsa ta'uf hin jiru jechuun morme.
''...haala amma jiruun Aadde Qananiin of ajjeesuushee malee nama biraatiin yookiin maamila kiyyaan du'uunshee waan irra hin ga'amneef,'' jechuun wabii gaafatuu abukaatoon BBC'tti himaniiru.
Poolisiin Finfinnee waa'een du'ashee akkuma dhagahameen garee qindeessee qorachuu eegaluufi kan isheen duutes gara Hospitaala Yaanet osoo geeffamaa jirtuutii jedhe.
Eegasii booda ture poolisii gara Hospitaala Daagmaawwii Miniliik geessun reeffi akka qoratamu kan taasise.
Akkaataas ta'e sababa du'ashee BBC'n addatti waan adda baase jiraachuu baatus namoonni himannaa garagaraa dhiheessaa turan.
Obbo Addunyaan waa'ee intala isaanii yoo dubbatan nama ''cinqii qabdullee miti'' jedhu.
''Durumaanu waan dubbachuu barbaadde fuuldura dubbatti dhoksaa hin beektu.''
Erga duuni ishee dhagahamee booda namoonni ishee beekan, kan miidiyaa hawaasummaa gubbaa ishee hordofaniifi kaan gadda isaanii ibsaniiru.
Bakka owwaalchaattis argamaniiru. Harmeen ishee ''boossee boossee dadhabdeetti,'' jechuun BBC'tti himan.
Isin jajjabaattanii? ''Ittuma jirra akka Rabbiitti. Maal goona silaa.''
'Haqa qofa barbaanna'
BBC'n maanaajara Andu'aalam Lalisaa Indirisirraa akka odeeffateetti, du'uushee guyyaa tokko dura guyyaa dhalootasheef suuraa ka'aa turte.
Gaafa duutes kaadhimaan ishee Artist Andu'aalam mana waliin turuu poolisiniis mirkanesseera.
Poolisiin ibsa baasen yeroo isheen kuftu ''mana keessa kan ture abbaa warraa ishee weellisaa Andu'aalam Gosaa to'annoo jala oolchuun qorannoo adeemsisaa'' akka jiru hime.
Owwaalchi Qananii guyyaa Roobii magaalaa Finfinnee Bataskaana Kaatediraalii Qul. Sillaaseetti raawwatameera.

Sirna awwaalcha kanarratti Artist Andu'aalam poolisiin dabaalamee argamuun gadda isaa ibsateera.
Ta'us, poolisiin deebi'ee fudhachuu BBC'n mirkaneesse.
Maanaajarri isaa Lalisaa Indiriis ''Hin gadhiifamne. Gara mana hidhaatti deebisaniiru,'' jechuun BBC'f deebise.
Abbaan Qananii ''Haqa qofa barbaanna nuti. Dhiiga mucayyoo keenyaa barbaanna malee waan biraa waan barbaannu takkallee hin jiru.
''Akka dhiignishee akka haqnishee akka hin hafne barbaanna malee waan biraa wanti nuti barbaannu hin jiru,'' jechuun BBC'tti himan.
Obbo Addunyaan poolisiin isaan biraa hanga ammaa waan odeeffate akka hin qabne dubbatan.
Ta'us, ''Waa'ee ilmoo kiyyaa hanga lubbuun jirutti gaafachuu hin oolu garuu wanta of harkaa qabu hin jiru,'' jedhan.
'Kaadhimaa jechuu hin danda'u'
Dhimmoota namoonni gaafataa turan keessaa tokko hariiroo isheen Artist Andu'aalam waliin qabdudha.
Lalisaan ''kaadhimaa walii ta'anii namoota waliin jiraatani'' jedhuun BBC'tti hime. ''Yeroo dhihootti sirna gaa'ela isaanii raawwachuuf qophiirra jiru, sirriittin beeka,'' jedhe.
Haa ta'u malee, poolisiin Finfinnee ibsa baase keessatti Qananiitiin ''haadha warraa'' Andu'aalam jechuun ibse.
Abbaan Qananii Obbo Addunyaan, Andu'aalam fi Qananiin ''Hariiroo gaarii akka qabanittin quba qaba,'' jedhu.
Yeroo hangamiif wajjiin turan? ''Toora waggaa lamaarra ni ta'a, turaniiru'' kan jedhan Obbo Addunyaan, ''wajjuma jirani, wajjuma galani,'' jechuun deebisan.
Ta'us, kaadhimaa jedhanii waamuu akka rakkatan dubbatu.
''Kaadhimaa yeroo jedhan hiriyyummaa malee nuti official hin goonef nutti hin dhufne jechuudha. Maaliif maanguddoo waan nutti hin ergineef akkas jechuu hin danda'u.''

Madda suuraa, @KeneniAdugna
Kunis ta'u, waa'ee bultii ijaarrachuu itti haasoftee akka beektu dubbatan.
''Isheen maatii ijaartee, barumsasheetti itti fuftee of dandeessee hanga kaampaanitti deemuu barbaadde hojii hojjettee'' jechuun karoorashee ibsu.
''Akkaataatti namni hojiitti galu nuttimaa turte,'' jechuun ''waan hin taane'' nama yaaddu miti jedhu.
''Gabaabumatti nama amala gaarii qabdu, nama maatii kabaju nama fira kabajudha.''
Waa'ee Qananii
Sirna owwaalcha isheerratti akka ibsame taanaan Qananiin umrii ishee 25'n boqotte.
Aanaa Daaroo Labuu magaalaa Miicataatti kan dhalatte Qananiin, ijoollummaa irraa eegalee barumsaan cimtuu ta'uu seenaasheerratti himameera.
Barnoota sadarkaa lammataaf ''qabxii olaanaan xumurte'' Yunivarsitii Arbaa Mincitti Muummee Haayidiroolikiifi Waatar Injinaringii ALI Bara 2011 eebbifamte.
Achis Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hojjechuun ibsameera.
Eegasii garuu modeela akkasumas beeksisaafi bohaartii garagaraa keessa hirmaachuun beekamti.
Keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoo miidhagdee mul'atti.
Erga duuni ishee dhagahamee booda namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa suuraa ishee qooduun gadda isaanii ibsaa jiru.
Akkaataa du'asheerratti poolisiin qoratee waan argate ummataaf akka ifa godhu beeksiseera.












